Seera Bayu'uu 38 - Kitaaba Woyyuu

Akkaataa Hulee Ciincaan Irratti Dhiyaatu Itti Hojjatan(Ser. Ba'u. 27:1-8)

1Hulee ciincaa irratti dhiyeessan ka dheerinni isaa ciqilee shanii, dalgi isaallee ciqilee shanii muka ajo'oo irraa hojjate; inni roga afur qaba; ol fageenni isaa ciqilee sadihi.

2Roga arfan gubba'atti gaafa tolcheef; gaafa wolitti hojjatee sibiila diimaa itti uwwise.

3Meeshaa hulee ciinca'aa, xuwweewwan, waan ibiddaan qabsiisan, distii, qadhabaa, girgiraa maraa sibiila diimaa irraa hojjate.

4Hulee ciinca'aatitti marsee kaloo hojjate; achii haga wodhakkaa hulee ciinca'aa; achiillee naannessee sadarkaa gad aanaa irra godhe;

5kaloo sibiila diima'aa sanii fi loosaa baadhataniin ka roga arfan irra jiru saniif qubeewwan arfan hojjate.

6Loosaa baadhataniin sanniin muka ajo'oo irraa hojjatee sibiila diima'aan dibe.

7Loosaa ittiin baadhataniin akka ittiin baadhatan laddaan qubee keessa loosee hulee ciincaa itti dhiyeessan ka muka ajo'oo irraa hojjatame keessa isaa duwwaa godhe.

Akkaataa Saanii Irratti Dhiqatan Itti Hojjatan(Ser. Ba'u. 30:18)

8Saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayan sibiila diimaa uf argaa dubartoonni daasee wol geetti'ii keessa tajaajilan fidan irraa hojjate.

Akkaataa Kutaa Gara Daase'ee Seenaniin Itti Ijaaran(Ser. Ba'u. 27:9-19)

9Kutaa seensa daasee woyyoomeef golgaawwan jirbii mishaa irraa hojjate; gara bita'aatiin golga dheerinni isaa ciqilee dhibbaa qaba.

10Utubaawwan diddamaa fi miillan diddamaa sibiila diimaa irraa hojjate.

11Gara mirgaatiin golga dheerinni isaa ciqilee dhibbaa, utubaawwan sibiila irraa hojjatame diddamaa fi miila diddamaa hojjate; utubaawwan sanniiniifillee fanno'oo fi soomayyuu birri'ii hojjateef.

12Gara dhiyaatiinillee golga dheerinni isaa ciqilee shantamaa, utubaawwan kudhanii fi miillan kudhanii sibiila diimaa irraa hojjate; utubaawwaniif fanno'oo fi soomayyuullee birrii irraa hojjate.

13Gara bariisa'aatiin golga dheerinni isaa ciqilee shantamaa ta'u hojjate.

14Dheerinni golgaa gama tokkoon ciqilee kudha shan; utubaan sadiinuu miillan sadihi qaba.

15Akkasuma gama lammeesso'ootiinillee afoo gara hulee itti bayanii gamaa gamanaan golga dheerinni ciqilee kudha shanii utubaan sadihiillee ka miila sadihii qabu ture.

16Golgi naannaya hulee itti bayanii maruu uffata fooyaa jirbi'iitiin dhayameen hojjatame.

17Miilli utubaawwan sanniinii sibiila diimaa irraa; soomayyuunii fi fannoon utubaawwan sanniinii birrii irraa hojjatame; woggaa utubaawwaniillee birri'iin dibe; utubaawwan hulee itti bayanii maruu soomayyuu birri'iin hojjatame uf irraa qaba.

18Golgi hulee itti bayanii uffata mishaa bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, ka jirbii misha'aan irratti hojjatame, dheerinni isaa ciqilee diddama; ol fageenni isaa ciqilee shan; golgi hulee itti bayaniillee ciqilee shan.

19Utubaan sibiila diimaa irraa hojjatame afur; miilli isaallee afur; fannoon isaallee birrii irraa hojjatame; woggaanii fi soomayyuun isaa ka birri'iin dibame.

20xiribbaan naannaya hulee bulti'iitii fi xiribbaan hulee itti bayanii sibiila diimaa irraa hojjatame.

Sibiila Adda Addaa Ka Daasee Keessatti Ittiin Tajaajilaman

21Akka ajaja Muuse'eetiin meeshaa Leewwonni ittiin tajaajilan ka harka ilma Aaroonii gadichaa Itaamariitiin laakkayame meeshaan hulee bulti'ii wolitti qaba'atti kana.

22Ilmi ilma Hoorii ka akaakayyuu Hoorii ka gosa Yihuuda'aa Baasili'eel waan Rabbi Muuse'een jedhe maraa godhe.

23Ahisaamiik ilmi Eliyaabii ka gosa Daanii isa woliin jira; inni hojjataa ogeessa hujii roga itti baasu, uffata bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatame ka jirbi'iin irratti dhawu ture.

24Worqiin qulqullaayaan isatti kenname maruu akka hujii qulqullummaa mana woyyumma'aatiin worqii kiilogiraamii diddamii sagal, saqilii dhibba torbaa fi soddoma ture.

25Birriin gumii laakkayame irraa argame laakkobsaan worqii dhibbaa, saqilii kuma tokkoo fi torbaatamii shan ture.

26Akka madaala worqii mana woyyummaa Rabbiitiin nama tokko irraa itti laakkayame wodhakkaa worqi'iiti; nama woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii namoota kuma dhibba jahaaf sadihii fi namoota dhibba shanii fi shantama turan.

27Saqiliin dhibbaa ka golga mana Rabbiitii miila isaa hojjataniin; ammallee worqii dhibba tokkoo irraa miila dhibba tokkoo hojjate; miilli tokko worqii tokko irraa hojjatame.

28Worqii kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi shantamaa irraa soomayyu'uu fi fannoo utubaa irraa worqii dibe.

29Sibiilli diimaan kenname birri torbaatamaa, worqii kuma lamaa fi dhibba afuriiti.

30Isa irraa miila balbala daasee hulee bulti'ii, hulee ciinca'aa ka sibiila diimaa irraa hojjatame, kaloo isaaf ta'u, meeshaa ciinca'aa maraa,

31miillan naannaya hulee itti bayanii, miillan afoo itti bayanii, xiribbaa hulee bulti'ii maraa itti godhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help