1Hennaa san Iyyaasuun ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadii wodhakkaa gosa Minaase'eellee waamee,
2«Waan garbichi Rabbii Muuseen isin ajaje maraa eeddaniirtan; waan ani isin ajajellee maraa gootaniirtan.
21Ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii, wodhakkaan gosa Minaase'ee bulchoota banii Israa'elii shikitaan akkana jedhan,
22«Inni Rabbiin waa maraa olii waa maraa beeka; Israa'eliinillee hin beeka; yoo nu'u Rabbiin yakkinee isa afo'otti cubbuu hojjanne, adha nu hin hambisin.
23Yoo nu'u Rabbitti buluu dhiifnee ciincaa ciincawu, ciincaa midhaaniitii fi ciincaa fayyinnaaf dhiyaatuuf jennee hulee ciinca'aa hojjanneerra ta'e, Rabbi innumti haluu nu haa bawu.
24Nu'u garuu kanaaf kana hin goone; nu'u wonti waan kana gooneef bara dhufu keessatti sanyiin ijoollee teessanii ijoollee teennaan ‹Rabbii Waaqa Israa'elii woliin wolitti dhiyeenna maal qabdan?
25Rabbi isin ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadii jidduu keennaa fi keessanitti waan Yoordaanosiin daangaa godheeruuf Rabbiin biratti hiree hin qabdan isiniin jedhan› jennee kana goone; akka kanaan ijoolleen teessan ijoollee teenna akka isaan Rabbiin hin sodaanne godhan.
26Kanaaf hulee ciincaa itti ciincessan haa hojjannuu jenneen malee ciincaa dhiyeessuu yookaan ciincaa biraatiifii miti.
27Garuu kun nu'uu fi isin jidduu'u, nu'uu fi dhaloota keennaa fi keessan ka nu maayessa dhufu wodhakka'atti ciinca'aa fi ciincaa fayyinnaaf dhiyaatuun Rabbiin waaqeffachu'uuf akka duranaa ijoolleen teessan ijoollee teennaan Rabbiin biratti hiree hin qabdan akka isaaniin hin jenne kun ragaa ta'a.
28Kanaaf akkana jenne ‹baroota itti aanan keessatti nuuf yookaan dhala teennaaf jedhanii kunoo fakkeenna ciincaa abboonni teenna Rabbiif dhiyeessan laalaa'a; kun nu'uu fi isin jiddu'utti waan ragaa ta'u malee waan ciincaa gubatuutii fi waan ciincaa biraatii miti› jenna.
29Hulee ciinca'aa ka ciincaan Rabbii itti dhiyaatu ka duraa malee hulee ciincaa itti dhiyeessan ka biraa hojjannee Rabbiin yakkinee yoo jiraanne, wonti akkanaa kun nu'u irraa haa fagaatu» jedhan.
30Gadichi Finihaasii fi bulchoonni gumii bani'ii, worri isaan woliin turan, Bulchoonni shikinni ka banii Israa'elii badhaa bulchan, ijoollee Roobeelii, ijoollee Gaadiitii fi ijoolleen Minaase'eellee waan isaan dubbatan haga dhagayan guddisanii gammadan.
31Ilmi gadicha Alaazarii Finihaas ijoollee Roobeelii, ijoollee Gaadiitii fi ijoollee Minaase'eetiifillee yakka kanniin Rabbiin afo'otti waan hin hojjanneef Rabbi adha akka jidduu keenna jiru beenneerra; kanaafuu ijoollee Israa'elii dheekkamsa Rabbii jalaa baaftaniirtan» isaaniin jedhe.
32Kanaan maayessa Finihaas ilmi gadicha Alaazariitii fi bulchoonni isaa, ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadii biraa biyya Gala'aadiitii gara ijoollee Israa'elii gara biyya Kana'aanii oduu qabatanii gara isaanii deebi'an.
33Oduun isaan qabatanii dhufaniin sun guddisee waan isaan gammachiiseef ijoolleen Israa'elii Rabbiin galatoonfatan; achiin maayessa biyya ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii irra jiraatan woraanaan balleessu'uuf deebi'anii waan isaanii hin dubbanne.
34Ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadiillee, «Rabbi Waaqa akka ta'e wonti kun nu jiddu'utti raga'a» jedhanii hulee ciinca'aa san «Raga'a» jedhanii waaman.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.