1Kanaan maayessa Daawiti worra Filisxeemiitiin lolee isaan mooyatee gibira isaan gabbarsiise; qachaa biyya Geetiitii fi gandoota naannoo san jiran maraa isaan jalaa baase.
2Worra Moo'aabiillee mooyatee akka isaan gibira isa gabbaran godhe.
3Daawiti bulchiinsa naannoo laga Efraaxisii qabachu'uuf hennaa dhaqe mootii biyya Suuba'aa Adira'aazaariin haga biyya Haamaatiititti isaan mooyate.
4Daawiti isa irraa konkolaataa fardaa kuma tokko, worra fardaan lolan kuma torba, worra lafa'oo kuma diddama booji'ee faradoo konkolaataa fardaatiif ta'an dhibba tokko callaa dhiisee faradoo kaawwan garuu moorgaya mogole'ee kukkute.
5Hennaa worri Sooriya'aa biyya Damaasqo'ootii mootii biyya Suuba'aa Adira'aazaariin gargaaru'uuf dhufan Daawiti worra Sooriya'aa keessaa namoota kuma diddamii lama fixe.
6Achiin maayessa Damaasqoo biyya Sooriya'aa loltoota ufii kaayee worri biyya Sooriya'aa worra Daawitii gabbarsuu gabbaran ta'an; Rabbi hulee Daawiti dhaqa'aa ture marattuu akka inni mooyatu godha ture.
7Daawiti wontee worqii irraa hojjatame ka hojjattoonni mootii Adira'aazaarii hidhatan booji'ee isaan harkaa fudhatee gara Yerusaalemii fide.
8Daawiti qachoota Adira'aazaarii Xibihaatii fi Kuuniin keessaa sibiila baay'ee fudhate; haga diqqoo turee Solomoon waan kanniiniin gongaa bisaan itti kuusan ka mana woyyu'uu, utubaawwanii fi meeshaallee sibiila diimaa irraa hojjachiise.
9Mootichi biyya Haamaatii Too'u loltoonni Daawitii loltoota Adira'aazaarii mootii biyya Suuba'aa maraa akka mooyate dhagaye.
10Mootichi Too'u mooticha Adira'aazaariin woliin hennaa maraa waan wol lola'aa tureef Daawiti mooticha Adira'aazaariin lolee waan mooyateef nagaya isa gaafatee akka isa eebbisuuf ilma ufii Adooraamiin gara Daawitii erge. Inni meeshaa worqii irraa hojjatame, meeshaa birrii'ii fi sibiila diimaa irraa hojjatame qabatee Daawitiin bira dhaqe.
11Mootichi Daawiti worra Yihuudota hin taane maraa keessaa, worra biyya Eedoomii keessaa, worra Moo'aabii keessaa waan ijoollee Amoonii, waan worra Filisxeemiitiif birri'ii fi worqii worra Amaaleeqii ka booji'e maraa Rabbiif woyyoomse.
12Abiisaan ilmi Xuuriya'aallee worra biyya Eedoomii keessaa dhooqa sooqiddaatitti namoota kuma kudha saddeetii fixe;Far. 60
13loltoota ufii biyya san keessatti dhiise; worri biyya Eedoomii maruu worra Daawitiif gabbarsuu gabbaru ta'an; Rabbi hulee Daawiti gaye marattuu mootee kenna'aafii ture.
14Daawiti banii Israa'elii maraa irratti mooyee baniin murtee qajeelaa akka argatu godheef.
15Ilmi Xuuriya'aa Iyyoo'aabi bulchaa loltootaa ture. Iyyoosaafixi ilmi Ahiluudii nama seenaa barreessu ture.
16Saadooq ilmi Akixoobiitii fi Abiyaatar ilmi Abemeleekii gadoota turan; Suusaan garuu barreessaa isaanii ka mana mootumma'aa ture.
17Baanaayaas ilmi Yoodaahe'ee ajajaa worra mana mootumma'aa ka Daawitii eeganiiti; Ijoolleen dhiiraa ta Daawitii mana mootummaa abbaa ufii keessatti ballii guddaa qaban ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.