Seera Bayu'uu 5 - Kitaaba Woyyuu

Muuse'ee Fi Aaroon Mootii Biyya Misirii Afoo Dhiyaatan

1Achiin maayessa Muuse'ee fi Aaroon dhaqanii Far'ooniin «Rabbi Waandhi Israa'elii lafa gammoojji'ii keessatti akka ayyaana naa kabajjan banii kiyya gad dhiisi siin jedha» jedhaniin.

2Mootichi, «Rabbiin ani ajaja isaa dhagayee Israa'eliin gad dhiisuuf kun eennu? ani Rabbiin hin beeku; Israa'eliinillee gad hin dhiisu» jedhe.

3Muuse'ee fi Aaroonillee, «Waandhi Ibrootaa nutti dhufee dhibe'ee fi woraana akka gad nutti hin dhiifne karaa guyyaa sadihii deemnee akka ciincaa isaa dhiyeessinu si kadhanna» jedhaniin.

4Mootiin biyya Misiriillee, «Atii fi Aaroonillee maaf banii hujii hiissiftan? gara hujii keessanii deemaa'a» isaaniin jedhe

5Fari'oon, «Kunoo baniin amma lafa irratti baay'ateera; isin ammo hujii isaan hiissiftan» jedhe.

6Fari'oon gaafasuma bulchoota banii hojjachiisaniin

7«Isin akka armaan dura gootan san hujii dhoqqee faaraatii fi duraan buraa qara kennitaniif hin kennina'aafii isaanuu dhaqanii haa guuratanii.

8Hujii duraan hojjatan ka faaraa san irraa hin dhidhisinaa'a; waan hujii hifatanii deemnee Waaqa keennaa ciincaa dhiyeessina jedha'aa iyya'aaraniif.

9Hujii ulfaataa haa hojjatanii; waan duwwaa akka hin yaanne» jedhee isaan ajaje.

10Worri banii bulchanii fi hojjachiisan bayanii «Fari'oon buraa hin kennu;

11Isinumti hulee feetan dhaqa'aa wolitti qabaa'a; hujii keessan keessaa ammo womaa hin dhidhatin» isaaniin jedhan.

12Baniinillee buraa wolitti qabu'uuf biyya Misirii maraa keessa bittinnaayan.

13Worri isaan hojjachiisanillee akkuma hennaa duraa buraa isinii fidaniititti hujii keessan ka guyya guyya'aa fixaa'a jedha'aa isaan jarjarsan.

14Worri Fari'oonii hojjachiisan maaf akkuma asiin duraa kaleessaa fi adha faara laakkayame hin findhe? Jedha'aa worra Israa'eeliin irratti muudaman tuman.

15Bulchoonni ijoollee Israa'eliillee gara Fari'oonii dhaqanii «Garboota tee irratti maaf waan kana goota?

16ufii buraa nuu hin kennan; ufii hujii faaraa akka hojjannu nu ajajan; kunoo nu garboota tee hin tuma'aaran; miidhaan ammo banii kee irra gaya'aara» jedha'aa iyyan.

17Mootichi deebisee «Hujii hifattaniirtan; ‹Deemnee Waaqa keennaa ciincaa dhiyeessina› jettan.

18Amma deema'aa hojjadhaa'a; buraanillee isinii hin kennamuu, laakkobsa xuubi'ii ammo guutuu fiddan» isaaniin jedhan.

19Bulchoonni ijoollee Israa'elii hennaa guyya guyya'aan laakkobsa xuubi'ii uduu hin hanqifne fiddan jedhaniin akka dubbiin isaanitti hammaate beekan.

20Hennaa Fari'ooniin biraa bayan, ka Muuse'ee fi Aarooniin uduu diida dhaabatanii isaan eega'aaran arganii;

21«Isin Fari'oonii fi garboota isaanii afo'otti akka hafuura keenna jibban gootanii akka nu ajjeesan guraadee harka isaanii keettaniirtanii kana Rabbi isinitti haa argu; isinitti haa murteessu» isaaniin jedhan.

Iyyata Muuseen Rabbitti Dhiyeeffate

22Muuseen gara Rabbii deebi'ee «Gooftaa kiyya maaf banii kana irra rakkinna geessite? Maaf anallee ergite?

23haga akka ani maqaa keetiin waan ati naan jette mootii bira seenee himee asi, inni banii kana irra rakkinna guddaa geesseera; atillee banii kana harka isaa jalaa hin baafne» jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help