1Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin biyya Misirii keessatti;
2«Jiini kun jalqaba ji'oota maraa isinii haa ta'u; jiini kun ji'a jalqaba wogga'aa isinii haa ta'u.
3Ijoollee Israa'elii marattuu himaa'a; ji'a kana keessa guyyaa kudhaneesso'ootitti namni maruu mana abbaa ufiitiif korbeessa tokko akka
4laakkobsa maati'iitiin haa fiduu; inninii fi ollaan isaallee akkuma laakkobsa isaaniitiin korbeessa tokko tokko haa fidanii; martinuu haguma nyaachuu danda'u haa qoodamuu.
5Korbeessi keessan hoolaa yookaan re'ee keessaa ka mudaa hin qabnee fi ka woggaa tokkoo haa ta'uu.
6Ji'a kana haga guyyaa kudha afurii haa eeganii; gumiin banii Israa'elii maruu yoo galgalaaye haa qalanii.
7Dhiiga fuudhanii balbalaa fi qasatoo mana waa itti nyaata'aaran maraa haa dibanii.
8Foon ibiddaan woddamee fi xoroshoollee halkanuma san baala hadhaayaa san woliin haa nyaatanii;
9Foon dheedhi'ii fi ka bisaaniin affeelame hin nyaatinaa'a; foon mata'aa, ka many'e'eetii fi mi'a gara'aa maraa wodda'aa nyaadhaa'a.
10Kanniin keessaa haga ganamaatitti nyaadha'aa fixa'aatii waan hafe ammo ibiddaan gubaa'a.
11Yoo nyaattan mudhii keessan hidhadhaa'a; kophee keessan godhadhaa'a; ulee teessan harkatti qabadha'aa ariiti'iin nyaadhaa'a; kun Ayyaana faasika'aa ka ana Rabbiin itti kabajjitan isinii haa ta'u.
12«Ani halkanuma san biyya Misirii maraa keessa lufee hangafa sa'aa namaa ka biyya Misirii maraa ajjeesee waaqolee tolfamaa biyya Misirii maraa adaba; ani Rabbiin waan ta'eef;
13manni dhiinni irra jiru maruu malkata isinii ta'a; ani mana dhiiga irratti arge maraa bira lufa; hennaa ani biyya Misirii dhawu balaan isin hin tuqu.Baniin Israa'elii Biyya Misiriitii Bayan
37Ijoolleen Israa'elii Raamse'ee ka'anii gara Suukootii hennaa deeman daa'immaniin ala haga namoota kuma dhibba jahaa turan.
38Akkasuma ka biraallee baniin wol maka'aa baay'e'e, tinni hori'iillee baay'e'etu isaan woliin yaa'e.
39baniin dukkuussii ufii ka biyya Misiriitii qabatanii bayaniin ka hin bukoofne bixilee xorosho'oo bilcheeffatan; worri biyya Misirii waan isaan jarjarsaniif dhalee qopheeffachuu hin dandeenne.
40Ijoolleen Israa'elii biyya Misirii keessa woggaa dhibba afurii fi soddoma jiraatan.Ser. Uma. 15:13; Gal. 3:17
41Haga woggaan dhibba afurii fi soddomaa dhumeen maayessa baniin Rabbii maruu guyyaa san biyya Misirii keessaa bayan;
42galgalli sun galgala gaafa Rabbi biyya Misiriitii isaan baase waan ta'eef guyyaan guyyaa Rabbiiti; halkan sun ijoollee Israa'elii maraa biratti haga ijoollee ijoollee isaaniititti guyyaa Rabbiif woyyoome.
Akkaataa Ayyaana Faasika'aa Itti Kabajjan43Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin, «Kun seera ayyaana faasika'aati; kana irraa namni nyaaphaa akka hin nyaanne.
44Garbichi hori'iin bitame yoo jiraate haga gadoomeen maayessa haa nyaatuu.
45Namni namatti galee jiraatuu fi hojjataan guyya'aa ammo akka hin nyaanne.
46Mana tokko keessatti haa nyaatanii; mana keessaa foon tokkollee gara diidaa hin baasinaa'a; lafeellee hin caccabsinaa'a.Ser. Lak. 9:12; Yoh. 19:36
47Gumiin Israa'elii maruu akkasuma haa godhanii;
48garuu namni galaan isin jidduu jiraatee ayyaana faasikaa Rabbii godhuu yoo barbaade dura dhiirti maruu haa gadoomanii, achiin maayessa haa qaluu, innillee akka mucaa biyya sanii ta'a; ka hin gadoomne ammo achi irraa akka hin nyaanne.
49Ka dhalataa biyya sanii hin taane galaa isin keessa jiraatuu kun seera tokko» isaaniin jedhe.
50Ijoolleen Israa'elii maruu akkuma Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin ajaje godhan.
51Gaafa san Rabbi banii Israa'elii maraa addaan qoqqoodee biyya Misiriitii baase.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.