1Ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamu guyyaa kudha sadeesso'ootitti, guyyaa ajanyinii fi labsiin mootichaa raawwatamutti, guyyaa diintonni Ayihuudotaa isaan irratti mooyu'uuf ta'anitti Ayihuudonni diintota ufii akka mooyatan ta'ee dubbiin gara gale.
2Ayihuudonni namoota miidhamuu isaanii barbaadan fixu'uuf qachoota biyya mooticha Arxeeksisii keessa jiran maraa keessaa wolitti qabaman. Baniin maruu waan guddisanii isaan sodaataniif eennullee ka isaan danda'u hin argamne.
3Waan Mardokiyoosiin sodaataniif worri baallii qabanii fi bulchoonni biyya san keessa turan worri hujii mootichaa hojjatan maruu Ayihuudota gargaaran.
4Kabajjaan Mardokiyoosii waan eda'aa deemeef mana mootichaa keessatti baalliin guddaan kennameef, gurri isaallee biyya maraa keessatti dhagayame.
5Ayihuudonni diintota ufii maraa guraade'een dhaya'aa ajjeesanii fixan. Worra isaan jibban irratti waan barbaadan godhan.
6Ayihuudonnillee gimbii Suusa'aatitti namoota dhibba shanii gayan ajjeesanii fixan.
7-10Paarshandaataan, Dalfoon, Aspaataan, Paaraataan, Adaliyaan, Ariidaataan, Paarmaashtaan, Arisaayiin, Aridaayiinii fi Waayizaataaniinillee hin ajjeesan; Kunniin ijoollee kudhanii ta Haamaa ilma Hamadaatu'uu ka diina Ayihuudi'iiti. Garuu qabeenna hin saamne.
11Guyyaa san baay'inna namoota gimbii Suusa'aatitti du'anii gara mootichaa fidan.
12Mootichi mootittii Asteeriin, « Ayihuudonni gimbii Suusa'aatitti namoota dhibba shanii fi ijoollee Haama'aa kudhan ajjeesanii balleessan; biyyoota mootichaa ka hafan irratti akkam godhinnu laata. Amma hoo kadhaan kee maali'i? sii kennamaa, wonti biraa ka barbaaddu maali'i? sii raawwatamaa» isi'iin jedhe.
13Asteerillee, «Mooticha yoo ka gammachiisuu, Ayihuudonni Suusaa keessa jiraatan akkuma ajaja adha godhanii borullee akkasuma haa godhanii; reeffi ijoollee Haama'aa kudhanuu jirma irratti haa fannifamanii» jette.
14Mootichillee akka wonti kun godhamu ajaje, labsiinillee Suusa'atti hin labsame; reeffa ijoollee Haama'aa kudhanuu hin fannisan.
15Ayihuudonni Suusaa jiran ji'a Adaar jedhamu guyyaa kudha arfaffa'aatitti ammallee wolitti qabamanii Suusaa keessatti haga namoota dhibba sadihii ajjeesan. Garuu womaa hin saamne.
16Ayihuudonni hafan worri biyya mootichaa keessa jiran jireenna ufiitiin jiraachu'uu fi diintota ufii jalaallee bawu'uuf wolitti qabaman. Worra isaan jibban keessaa namoota kuma torbaatamii shanii ajjeesan. Garuu womaa hin saamne.
17Ji'a Adaar jedhamu guyyaa kudha sadeesso'ootitti, wonti kun raawwatamee guyyaa kudha arfaffa'aatitti hara baafatanii guyyaa affeerra'aatii fi ka gammachu'uu godhatan.
18Ayihuudonni qachaa Suusa'aa keessa jiraatan ammo guyyaa kudha sadeesso'ootii fi guyyaa kudha arfeesso'ootitti wolitti qabaman; guyyaa kudha shaneesso'ootitti hara baafatanii guyyaa dhuddo'ootii fi ka gammachu'uu godhatan.
19Kanaaf Ayihuudonni gandootaa fi qachoota hin dallawamne keessa jiraatan ji'a Adaar jedhamu guyyaa kudha arfeesso'oo guyyaa gammachu'uu, guyyaa nyaataa fi dhugaati'ii, guyyaa kennaa itti wolii kennan godhatan.
Akkaataa Ayyaana Fuuriimii Itti Kabajjan20Mardokiyoos waan kana hin barreesse; xalayootallee biyya mootii Arxeeksisii maratti Ayihuudota dhiyo'oo fi fagoo jiranitti erge.
21Wogga wogga'aan ji'a Adaar jedhamu guyyaa kudha arfeesso'oo fi kudha shaneesso'oo,
22guyyaa Ayihuudonni diintota ufii jalaa hara baafatan; jiini kun ji'a isaan gaddaa gara gammachu'uu, booyichaa gara guyyaa gammachu'uu itti lufan ta'ee akka eegan, guyyaa affeerra'aatii fi guyyaa gammachu'uu, guyyaa isaan kennaa itti wolii kennanii fi guyyaa hiyyeeyyi'iillee kennaa itti kennan akka godhatan isaan ajaje.
23Ayihuudonnillee waan hojjachuu jalqaban, waan Mardokiyoos isaaniif barreesse godhu'uuf waan inni jedhe fudhatan.
24Haamaan Agaagichi ilmi Hamadaatu'uu diinni Ayihuudota maraa Ayihuudota balleessu'uuf dhara dhayee ture. Isaan barbadeessu'uu fi balleessu'uuf hiree, «Fuur» jedhamu buusee ture. Ast. 3:7
25Asteer hennaa mooticha bira seente, dharti hamaan Ayihuudota irratti yaadame akka isumatti deebi'u, inninii fi ijoolleen isaallee jirma irratti akka fannifaman xalaya'aan ajaje.
26Kanaaf guyyoonni ayyaanaa kunniin, «Fuuriim» jedhaman. Jechoota xalayaa kana irratti barreeffaman maraaf waan arganii fi waan argatan maraaf,
27-28Ayihuudonni guyyaa lamaan kanniin akka barreeffamaatii fi akka henna'aatitti wogga wogga'aan akka eegan, guyyoonni kunniin dhaloota isaaniititti, gosa isaaniititti, biyyootaa fi qachoota isaaniititti ka yaadatamanii fi ka kabajjaman akka ta'an, guyyoonni fuuriimii kunniin Ayihuudota biratti akka hin jijjiiramne yaadannoon isaaniillee fiixaa isaanii irraa akka hin cinne ufii fi fiixaa ufii, worra gara isaanii galan maraa irratti akka hin hafne seera godhatanii haa fudhatanii.
29Kanaafuu mucattiin Abikaa'elii mootittiin Asteerii fi Mardokiyoosiin Ayihuudichi wol ta'anii waan fuuriimiitiif xalayaa lammeesso'oo tana jabeessu'uuf baallii ufii maraan barreessan.
30Xalayaa mootummaa Arxeeksisii Ayihuudota biyyoota dhibbaa fi diddamii torbaa keessa jiran maratti xalayaa waan nagayaatii fi akka nagayaan jiraatan ibsu ergan.
31Guyyoota fuuriimii kanniin akka Mardokiyoosiin Ayihuudichinii fi mootittiin Asteer ajajanitti ufii fi fiixaa ufiitiif akkuma seera soomaatii fi gaddaa ufiititti kabajjatu'uuf akka fudhatan hennaa maraa akka jabeessan barreessan.
32Ajanyi Asteerii waan fuuriimii kana hin jabeesse; kitaaba keessattillee hin barreeffame.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.