1«Akkaataan seera dhiifamsa cubbu'uu ka guddisee woyyoome ittiin dhiyeessan kana;
2Ciincaan waan cubbu'uutiif dhiyaatu hulee ciinca'aatitti haa goorra'amuu; dhiinni hulee ciinca'aatii fi naannaya hulee ciinca'aatitti haa facaafamuu;
3moora maraa, duma maraa, moora mi'a gara'aa dhossu maraa hin dhiyeessa;
4kalee lamaan, cooma cinaacha biraa, moora tiruu irra jiru kalee woliin fuudha;
5gadichi ciincaa ibiddaan ciincayee Rabbiif dhiyaatu akka ta'u ibidda irratti ciinceessa; kun ciincaa yakkaati.
6Dhiirti worra gadichaa ta'e maruu hin nyaata; wonti nyaatan sun woyyuu waan ta'eef bakka woyyu'utti nyaatan.
7«Akkuma ciincaa cubbu'uutiif ta'e akkasuma kunillee ciincaa yakkaati; lachiifuu seerri tokko; nyaata san gadicha araarsutu fudhata;
8horiin eennullee ciinca'aaf dhiyeesse kamuu gogaan isaa gadicha ciincaa ciincawu dhiyeesse saniif kennama;
9kennaan midhaanii ka eelee irratti bilchaate maruu ka affeelame yookaan ka eelee irratti bilchaate maruu gadicha dhiyeessu saniif ta'a;
10kennaan midhaanii ka dhadha'aan sukkuumame yookaan midhaan gogaan maruu ijoollee Aaroonii maraafuu ta'a; isaan qixa haa qoodamanii.
Ciincaa Yakkaaf Dhiyaatu11Seerri ciincaa fayyinnaa ka namni Rabbiif dhiyeessu kana;
12Namni tokko kennaa kana ciincaa galataa godhee yoo Rabbiif dhiyeessuu barbaade horii ciinca'aa woliin xoroshoo raacitii hin qabne ka dhadha'aan sukkuumame, xoroshoo haphii raacitii hin qabne ka dhadhaa diban, xoroshoo daakuu misha'aan sukkuumamee godhame ka dhadhaa uf keessaa qabu haa dhiyeessuu.
13Hennaa ciincaan galataa ka fayyinnaa Rabbiif dhiyaatu xoroshoo raacitii uf keessaa qabutu dhiyaata.
14Kennaa Rabbiif dhiyaatu maraa keessaa akka ta'u tokko fuudha; innillee gadicha dhiiga ciinca'aa facaasuuf ta'a;
15foon horii ciinca'aa guyyama ciinca'aaf dhiyaate san nyaattamee dhuma; wonti hafee bulu sirima akka hin jiraanne.
16«Yoo ciincaan ka fedhaan dhiyaate yookaan ka silataa yoo ta'e gaafuma ciincaan sun dhiyaate nyaatan; ka isa irraa hafe bariisaa nyaatan.
17Foon ciinca'aaf dhiyaate ka haga guyyaa sadihii turu ibiddaan ciincaya.
18Foon ciincaa fayyinnaa yoo guyyaa sadeesso'ootitti nyaattame misha'aa miti; nama dhiyeesse saniif bada'a; akka kennaa'aatitti hin laakkayamuuf; waan battii ta'eef nama foon san nyaatettillee cubbuu ta'a.
19Foon qulqulluu yoo wonti battiin tuqe hin nyaattamu ibiddaan gubama;
«Namni qulqulluu ta'e maruu foon qulqulluu san haa nyaatuu;
20namni battaaye yoo ciincaa fayyinnaa ka Rabbiif dhiyaate irraa nyaate namni sun banii keessaa fooyamee haa baduu;
21waan battii jibbamaa kamiinillee yoo tuqe, ka namaa, yookaan busaayaa battaaye, yookaan waan battii jibbame ka biraallee yoo tuqe, foon ciincaa fayyinnaa ka Rabbiif dhiyaate irraa yoo nyaate namni sun banii keessaa fooyamee haa baduu.»
22Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
23«Ijoollee Israa'eliitiin cooma horii gaafaa, ka hoola'aatii fi ka re'e'ee sirima hin nyaatinaa'a;
24cooma horii ufiin du'ee, cooma horii busaawaan qabeellee waan biraa irra oolchaa'a malee hin nyaatinaa'a.
25Namni cooma horii Rabbiif ciinca'aaf dhiyaate nyaate maruu banii keessaa fooyamee haa baduu;
26hulee jiraattan marattuu dhiiga allaatti'ii yookaan dhiiga hori'iitii fi ka busaawa'aallee hin nyaatinaa'a;
27namni dhiiga nyaatu maruu banii keessaa bayee haa baduu.»
28Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
29«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; namni ciincaa fayyinnaa Rabbiif dhiyeessu kennaa ciincaa fayyinnaa irraa Rabbiif dhiyeessa;
30ijoolleen isaa ciincaa ibiddaan ciincawu Rabbiif dhiyeessan; foon handaraafaa kennaa Rabbiin afo'otti sosochoosan; cooma handaraafaallee saniif fidan.
31Gadichi cooma san hulee ciinca'aa irratti guba; foon handaraafaa ammo Aaroonii fi ijoollee isaatiif haa ta'uu;
32ciincaa keessan ka fayyinnaaf dhiyeessitan luka mirgaa akka ciincaa sochoofamuutitti gadichaa kennitan.
33Dhiinninii fi coomni ciincaa fayyinnaa ka ijoollee Aarooniitiif dhiyaatu keessaa lutti mirgaa gayee namicha dhiyeessuu haa ta'uu.
34Handaraafa sosochoofamuu fi irree ciincaa fayyinnaa ka ijoollee Israa'elii fuudhee Aaroonii fi ijoollee isaatii baraa haga bara baraa ijoollee Israa'elii irraa isaanii kenneera.
35Gaafa Rabbiin gadumma'aan akka tajaajilaniif kennaa Rabbiif ibiddaan dhiyaate gayeen Aarooniitii fi ka ijoollee isaa kana;
36wonti Rabbi baraa haga bara baraa ijoollee ijoollee isaaniitii gaafa ijoollee Israa'elii dibe isaan ajaje kana» jedheen.
37Seerri kennaa midhaanii, ka ciincaa ciincawuu, ciincaa cubbu'uutii fi ciincaa yakkaa, ciincaa qulqullumma'aatii fi ciincaa fayyinnaa kana.
38Wonti Rabbi gaara Siina'aa lafa gammoojji'ii irratti kennaa akka Rabbiif dhiyeessaniif Muusee ajaje kana.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.