Kitaaba Iyyoobii 22 - Kitaaba Woyyuu

Deebii Eelfaazii

1Eelfaaz namni biyya Teema'aa akkana jedhee deebise,

2«Namni Rabbiin fayyaduu danda'aa?

dhugamaan namni ogeessi uf fayyada malee

Rabbiif hin ta'u.

3Hujiin kee mishaan hoo Waaqa waa maraa danda'u hin gammachiisaa?

Karaa kee qajeelfachuun maal isa fayyada?

4Eeganaa Rabbi wonti si irratti murteesseef;

wonti akkanatti siin loleef

waan jaalalloo isaa taateef seetaa?

5Hammeenni kee baay'ee mii?

cubbuun keellee dhuma hin qabu.

6Obboleeyyan tee sababaa tokko malee qabdii qabsiifteerta;

namoota biraallee uffata irraa mulqattee qullaa isaan hambifteerta.

7Nama beelayaa fi dheebu'uun dadhabe;

midhaanii fi bisaan dhooggatte.

8Ardiin qabeenna namoota jajjaba'aatii fi

ta namoota murtaayee callaa taateerti.

9Dubartoota abbaan worraa isaanii jalaa du'e harka duwwaa geegessite;

Ijoollee abba'aa fi haadha hin qabne waan isaan qaban jalaa balleessiteerta.

10Sababaa kanaaf kunoo siibo'oon marfamteerta

balaan dimmaa dhufu si raasa.

11Akka hin argineef ifti dukkana sitti taate.

lolaan bisaanii si liqimse.

12«Rabbi samii ol gubba'aa irra jiraataamii?

yoma urjiiwwan ol gubbaa jiraatanillee inni gubba'aa gad isaan laala.

13Ati garuu, ‹Rabbi maal beeka?

dukkana jaamaa keessa taa'ee murteessuu hin danda'aa?

14Akka inni hin argine

duumessi gurraachi isa dhosseera;

samii irra deema› jetta.

15«Dhugama lafa cubbamtoonni irra jiraatan;

karaa durii san irra jirtaa?

16Isaan bee hennaan isaanii uduu hin geenne qoomamaniiranii.

lola'aan haramanii sirima badaniiran.

17Rabbiin ‹Ati nu irraa fagaadhu;

Waandhi maraa danda'u maal nuu godhuu danda'a?› jedhaniin.

18Rabbi garuu mana isaanii waan misha'aan guute;

kanaafuu gorsa cubbamtootaa hin fudhadhu.

19Adabbii namoota hammeeyyi'ii arganii

namoonni mimmishaan gammadan;

qulqulloonnillee akkana jedha'aa isaanitti kolfan;

20‹Dhugamaan diintonni teenna badaniiran;

qabeenni isaaniillee ibiddaan gubate.›

21«Kanaafuu Iyyoob! Rabbiin wolii gali;

isa woliin nagaya qabaadhu;

yoo kana goote waan mishaa argattaa.

22Seera afaan isaa keessaa bayu fudhadhu;

dubbii isaallee onnee kee keessa kaayadhu.

23Yoo gara Waaqa maraa danda'uu deebitee gad uf deebifte;

cubbuu mana kee irraa yoo fageessite;

24Worqii daaraa keessatti;

worqii oofriimiillee dhagaa bisaan keessaa jiddu'utti yoo gatte;

25Yoo san Waandhi maraa danda'u worqi'ii fi birrii falaqqisu sii ta'a.

26Yoo san Waaqa maraa danda'uun gammadda.

fuula keellee gara Rabbii deebifatta.

27Isa kadhatta; innillee sii dhagaya.

woreega qabdellee hin kennita.

28Hin mari'attaanille'e, sii ta'a.

Ifnillee karaa kee irratti hin ifa.

29Rabbi worra uf tuulu hin salphisa;

worra kasoo garuu hin oolcha.

30Ati yoo nama onnee qajeela'aa taate;

Rabbi waan hamaa maraa irraa si eega;

harki keellee yoo yakka irraa qulqullaaye;

Rabbi si oolcha»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help