1Ardiin maruu Rabbii ililfadhaa'a;
2Gammachu'uun Rabbiin tajaajilaa'a;
faaruu misha'aan isa afoo dhiyaadhaa'a;
3Rabbi akka Waaqa ta'e beekaa'a;
Inni nu uume; nu ka isaati;
nu'u baniin isaa ka inni akka hoolotaatitti bobbaasu.
4Galataan gara balballan isaa;
jaju'uun gara bayiwwan isaa seenaa'a;
isa galatoonfadhaa'a;
maqaa isaallee jajaa'a;
5Rabbi arja'a;
Jaalalli isaa baraa haga bara baraa waan ta'eef;
amanamummaan isaa dhalootaa haga dhalootaati.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.