Raajii Isaayyaasii 11 - Kitaaba Woyyuu

Mootummaa Nagayaa

1Akkuma jirmi damee baasuu fi

akkuma hiddi isaa ol biqilu

akkasuma fiixaa Daawitii keessaa mootiin tokko baya.

2Hafuurri Rabbii

Hafuurri ogumma'aatii fi hubanna'aa;

Hafuurri gorsaatii fi ka hunnaa;

Hafuurri beekkumsaatii fi ka Rabbiin sodaachu'uu

isa irra ta'a.

3Rabbiin sodaachu'uun gammada;

akka arge hin murteessu;

akka dhagayetti murtii hin kennu.

4Hiyyeeyyi'ii garuu balchumma'aan murteessa;

hiyyeeyyii ardi'iitiif haqa murteessa;

ulee afaan ufiitiin ardii dhaya;

Hafuura afaan ufiitiin hammeeyyii ajjeesa.

5Balchummaa mudhi'iin hidhata;

amanamummaan sabbata mudhii isaati.

6Yeyyiin korbeessa hoola'aa woliin jiraata;

qeerransi ilmoo re'e'ee woliin ciisa;

waatiin, leenci darmiinii fi horiin gabbate

woliin bobbaya'an;

mucama diqqa'atu bobbaasa.

7Saaninii fi bineensi raasa'aa woliin bobba'an;

waatileen isaaniillee woliin ciciisan;

leenci akka sanga'aatitti buraa nyaata.

8Daa'imni harma hodhu

boolla bofa hama'aa irratti taphata;

daa'imni harma gu'e

harka ufii boolla buuti'ii keessa kaaya.

9Gaara kiyya woyyuu maraa irra

miidhaa yookaan badii hin geessan;

akkuma galaanni bisaaniin guuttamu

ardiin maruu beekkumsa Rabbiitiin

waan guuttamtuuf.Worri Baqatan Ka Hafan Dacha'an

10Bara san fiixaan Isseyii bani'ii malkata ta'ee dhaabata; mootonni gara isaa dhufan; huleen itti hara baafatullee kabajjamaa ta'a.

16Akkuma hennaa Israa'el biyya Misiriitii bayu ta'e;

banii Asooriin irraa hafeellee

akkasuma karaan qophaayaaf.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help