Raajii Hose'ee 14 - Kitaaba Woyyuu

Hoseen Baniin Israa'elii Akka Gara Rabbii Deebi'an Gaafate

1Banii Israa'elii! isin sababaa cubbuu keessaniitiif waan gufattaniirtaniif gara Rabbii Waaqa keessanii deebi'aa'a.

2Waan himattan qabadha'aatii gara Rabbii deebi'a'aatii «Cubbuu keenna maraa nuu dhiisi, araaraan ufitti nu fudhu; daraaraa galataa mishaa afaan keennaa sii dhiyeessinaa.

3Asoor nu hin oolchu, faradoo isaa ka lolaa hin hedannu; nu'u ammaa achi waaqolee tolfamaa harka keennaan hojjanne maraa ‹Waaqa› jennee hin waamnu; Waaqa keenna! worri maatiin jalaa dhuman si'iin araara argatan» jedha'aanii'i.

Jireenna Haarawaa Fi Abdiin Isaanii Kenname

4Rabbi akkana jedha,

«Ani amanamuu dhabuu banii kiyyaa qajeelchee,

gara kiyya isaan deebisa;

dheekkamsa kiyya waan isaan irraa deebi'eef

fedhuma kiyyaan isaan jaaladha.

5Ani banii Israa'eliitii akka fixeensa bu'uu ta'a;

isaan akka abaaboo billiqqaayee bareedan;

akka mukkiin Libaanosiititti hidda gad fageeffatan.

6Biqilli isaanii hin lalisa;

akka muka ejersaatitti bareedan;

akka bosona Libaanosii akka misha'atti urgaayan.

7Isaan deebi'anii gaaddisa kiyya jala taa'an;

akka biqila midhaaniititti lalisan;

akka dhaaba woyini'iititti abaaban;

akka daadhii woyinii Libaanosii beekkamaa ta'an.

8Banii Israa'elii!

ani waaqolee tolfamaa woliin wolii galtee maal qaba?

ka kadhaa keessaniif deebii isinii kennuu fi ka isin kunuunsu ana;

ani akka hindheessa hennaa maraa lalisee mudhatuuti;

isin anaan worra bu'aa qabu taatan.»

Dhuma Dubbi'ii

9Worri ogummaa qaban waan kanniin hin hubatan; worri hubannaa qabanillee isaan beekan; karaan Rabbii qajeela'a; balchoonni isa irra deeman; cubbamtoonni ammo itti gufatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help