Seera Leewwotaa 4 - Kitaaba Woyyuu

Ciincaa Yakka Uduu Hin Beenne Wollaalaan Hojjataniif Dhiyaatu

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

2«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; eennullee uduu hin beenne yoo cubbuu hojjate; yoo seera Rabbii keessaa takkattiillee diige,

3«Gadichi muudamellee cubbuu bani'itti laakkayamu yoo hojjate waan cubbuu hojjateetiif mirgoo mudaa hin qabne cubbuu ufiitiif ciincaa Rabbii haa dhiyeessuu.

4Mirgoo gara balbala daasee wol gayi'iititti Rabbiin afoo dhiyeessa; harka ufiillee mataa mirgo'oo irra kaayee Rabbiin afo'otti goorra'a.

5Achiin maayessa gadichi muudamellee dhiiga mirgoo sanii fuudhee gara daasee wol gayi'ii fidee;

6gadichi dhiiga qubaan tuqee golga hulee woyyumma'aa Rabbiin afo'otti dhiiga san harka torbaa facaasa.

7Gadichi daasee wol gayi'ii keessatti hixaana urgaayaa gaaffan hulee ciincaa itti aarsanii irratti facaasa; dhiiga mirgo'oo ka hafe maraa hulee ciinca'aaa ka afoo daasee wol gayi'ii jiru jalatti jissa.

8Moora mirgo'oo ka waan cubbu'uutiif qalame maraa fuudhee moora mi'a gara'aa dhossu, moora mi'a gara'aa maraa,

9Kalee lamaanii fi moora kalee lamaan biraa, moora tiruu irra jiru kalee woliin fuudhee

10gadichi ibidda hulee ciinca'aa irratti akka waan mirgoo fayyinnaaf ciincaa ta'eetitti dhiyeessa.

11Garuu gogaa mirgo'oo, foon, mataa'a, miillan, mi'a gara'aatii fi

12cumaa mirgo'oo maraa ganda keessaa gara hulee daaraa ibiddaa itti jissanii gara hulee qulqullu'uu fidee muka irratti ibiddaan guba.

13«Baniin Israa'elii maruu cubbuu hojjatanii cubbuun sun yoo banii jalaa dhokate; waan Rabbi hin hujinaa'a jedhee isaan ajaje keessaa waan tokkoonillee yoo yakka hujan,

14cubbuun hojjatame yoo beekkame baniin waan cubbuu saniitiif mirgoo dhiyeessee gara hulee daasee wol gayi'ii fida;

15jaarsonni bani'ii Rabbiin afo'otti harka ufii mirgoo irra kaayanii Rabbiin afo'otti goorra'an.

16Gadichi muudame dhiiga mirgo'oo gara daasee wol gayi'ii fida;

17gadichi dhiiga san qubaan tuqee Rabbiin afo'otti golga keessatti harka torbaa facaasa.

18Daasee wol gayi'ii keessatti hixaana ciinca'aa ka gaaffan keessa jiru irrattillee hin godha; dhiiga san hulee ciinca'aa ka balbala daasee wol gayi'ii jalatti jissa;

19kanaan maayessa moora maraa achi irraa fuudhee hulee ciinca'aa irratti ciinceessa.

20Akkuma mirgoo ciincaa cubbu'uutiif dhiyaateetitti gadichi dhiifamsa cubbu'uutiif dhiyeessa; isaaniillee hin dhiifama.

21Kanaan maayessa mirgoo ganda keessaa gara raasa'aa baasee akkuma mirgoo duraa ciincesse ciincessa.

22«Namni guddaan biyya bulchu tokko yoo cubbuu huje, wollaala keessa ajaja Rabbii Waaqa ufii ka hin godhin jedhu godhee yoo yakke,

23cubbuun inni huje yoo beekkame, korbeessa re'e'ee ka mudaa hin qabne dhiyeessee;

24harka ufii mataa re'e'ee irra kaaya; hulee ciincaan itti qalamutti Rabbiin afo'otti goorra'a; kun ciincaa dhiifamsa cubbu'uuti.

25Gadichi dhiiga qubaan tuqee gaaffan ciincaa ciincawuuf ta'u irra godha; dhiiga hafe hulee ciincaa ciinceessan jalatti jissa.

26Moora maraa akkuma ciincaa fayyinnaaf dhiyaatuu hulee ciinca'aa irratti ciinceessa; gadichi akka cubbuun dhiifamuuf godha; isaallee hin dhiifama.

27«Banii biyyaa keessaa namni tokko uduu hin beenne cubbuu Rabbi hin hujinaa'a jedhe yoo hojjatee yakke,

28cubbuun inni hojjate sun yoo itti beekkame re'ee dhaltuu mudaa hin qabne kennaa godhee dhiyeessa.

29Harka ufii waan ciincaa cubbu'uutiif dhiyeesse san irra kaayee hulee ciincaan itti dhiyaatutti goorra'ee ciincaa godha.

30Gadichi dhiiga qubaan tuqee gaaffan hulee ciinca'aa irra godha; dhiiga maraa hulee ciinca'aa jalatti jissa.

31Moora maraa akkuma ciincaa fayyinnaa irraa fuudhan moora maraa fuudha; gadichi akka urgaa mishaa Rabbiif ta'u hulee ciinca'aa irratti ciinceessee waan isaatiif dhiifamsa godha; hin dhiifamaafille'e.

32«Waan ciincaa cubbu'uutiif goromtii hoola'aa yoo dhiyeesse; ta mudaa hin qabne dhiyeessa.

33Harka ufii goromtii hoola'aa ta ciinca'aaf dhiyaatte san irra kaaya; hulee ciincaan itti qalamutti dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa godha.

34Gadichi dhiiga qubaan tuqee gaaffan hulee ciinca'aatitti godha; dhiiga maraa hulee ciinca'aa jalatti jissa.

35Kanaan maayessa moora maraa akkuma hoolaa ciincaa fayyinnaatiif dhiyaatu irraa moora fuudhu fuudhee gadichi kennaa ibiddaan Rabbiif ciincawu irratti ciinceessa; gadichillee waan cubbuu namichi hujeetiif dhiifamsa goosisaaf; isaallee hin dhiifama.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help