Kitaaba Moototaa ka 1ffaa 14 - Kitaaba Woyyuu

Ilmi Iyyoorbi'aamii Du'e

1Hennaa san Abiyaan ilmi Iyyoorbi'aamii hin dhibame;

2Iyyoorbi'aam haadha manaa ufiitiin, «Ka'ii akka ati haadha manaa tiyya taate namni akka si hin beenne uffata kee jijjiiradhuu gara Seelo'oo deemi; raattichi Akiyaan akka ani mootii ta'uuf natti dubbate achi jiraa.

3Harkatti buddeena kudhanii fi bixilee hedduu damma xuwwee tokkoo qabadhuu isa bira dhaqi; inni waan muca'aa sitti himaa» isi'iin jedhe.

4Kanaafuu haati manaa Iyyoorbi'aamii akkuma inni isi'iin jedhe kanniin maraa harkatti qabattee Seelo'otti mana Akiya'aa dhaxxe. Raattichi Akiyaan waan guddisee dulloomeef ijji isaa waa hin guuttattu.

5Rabbi Akiya'aan haati manaa Iyyoorbi'aamii waan daa'ima ufii ka dhibamuu si gaafachu'uuf nama biraa fakkaattee sitti dhuftii akkana jedhii isi'itti himi jedheen.

6Akiyaan hennaa isiin mana seentu hirpha luka isi'ii dhagayee «ol seeni! maaf nama biraa fakkaattee dhufte? haadha manaa Iyyoorbi'aamii ta'uu kee si beekaa waan badaa sitti himutu jiraa.

7Ka'ii abbaa manaa kee Iyyoorbi'aamiin Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha banii keessaa si filee si kabajje; banii kiyya Israa'eliin irrattillee bulchaa si taasise,

8Mootummaa fiixaa Daawitii harkaa fuudhee sii kenne; ati garuu akka garbicha kiyya Daawitii akka inni amanamumma'aan na faanaa deeme, akka inni na afo'otti waan qajeelaa godhe, akka inni ajaja kiyya eege, ati hin eenne.

9Worra siin duraa maraa caalaa ati cubbuu hamaa hojjatte, ati na dhiiftee waaqa tolfama'aa fi fakii sibiila baffameen hojjattee na aarsite.

10Kanaaf ani mana Iyyoorbi'aamiititti waan hamaa fida; mana isaa keessaa garbichaa fi wolabticha dhiira maraa banii Israa'elii keessaa hin balleessa; akka namni fiindoo haree gubee gatuutitti mana Iyyoorbi'aamii sirima balleessa.

25Roobi'aam mooyee woggaa shaneesso'ootitti mootiin biyya Misirii Shishaaqi banii Israa'elii irratti balaa buusee,

26Qabeenna mana woyyu'uu, ka mana mootumma'aa maraa, wontee Solomoon worqii irraa hojjachiise maraa saamee fudhate.Mot. 1ffaa 10:16-17; Sen. 2ffaa 9:15-16

27Mootichi Roobi'aam bikka meeshaa sanii wontee sibiila irraa hojjatee bulchoota worra mana mootumma'aa eegan bulchanitti kenne.

28Hennaa mootichi gara mana Woyyu'uu dhufu worri mana woyyuu eegan wontee san qabatanii isa simatan; yoo inni deemellee wontee sanniin fuudhanii gara hulee worri mana woyyuu eegu bulan kaayan.

29Wonti mootichi Roobi'aam hojjate maruu galmee seenaa mootota biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.

30Bara mootii Iyyoorbi'aamiitii fi mootii Roobi'aamii isaan jidduu lola wol irraa hin cinnetu ture.

31Roobi'aam du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Abiya'atu mooye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help