Seera Bayu'uu 36 - Kitaaba Woyyuu

1«Baasili'eelii fi Eeliyaab, namoonni ogummaa qaban maruu akkuma Rabbi hujii ogumma'aa mana woyyumma'aa keessatti hojjataniif isaanii kenne waan Rabbi isaan ajaje maraa haa hojjatanii.»

Baay'inna Kennaa Bani'ii

2Muuseen Baasili'eelii fi Eeliyaabiin, namoota Rabbi ogummaa isaanii kenne worra keessi isaanii huji'iif kakka'e maraa waame.

3Isaanillee kennaa ijoolleen Israa'elii mana woyyumma'aatiin akka hujaniif fidan maraa hojjatu'uuf Muusee harkaa fuudhan; isaan ganama ganama akkuma fedha isaanii kennaa gara isaa fidan.

4Ogeeyyiin mana woyyumma'aa hojjatan maruu waan hojjatan maraa dhiisanii dhufan.

5«Isaan waan hujii mana woyyumma'aatiin hojjatamu haga barbaachisuu olitti fidan» jedhanii Muuse'etti himan.

6-7Kanaafuu wonti isaan fidan maruu hujii hojjatan saniif gayee waan irraa hafaa tureef Muuseen worra dhiiraa yookaan worra intalaa kennaa irraa hafu akka hin finne jedhee ganda keessatti labsii baase; baniinillee akka hin finne dhooggaman.

Akkaataa Daasee Wol Gayi'ii Itti Ijaaran(Ser. Ba'u. 26:1-37)

8Worri isaan bira jiran ka hujii ogumma'aan hojjatan maruu hulee bulti'ii golgaawwan kudhaniin hojjatan isaan maraa uffata jirbii fooyame ka bifa sami'ii, ka diimaa dhiilgee irraa hojjatame, waan kanniin irratti akka ogeessa misha'aatitti kiruubeeliin isaan irratti godhan.

9Dheerinni golga maraatuu ciqilee saddeeti; dalgi ciqilee afur; golgi maruu wol qixa.

10Golga shanii wal qabsiisan; ammallee akkasuma golga shanii wol qabsiisan.

11golga wol qabsiisan ka duraa handaara irratti qubee bulee bifa sami'ii itti godhan; akkasuma golga kaawwan ka lammeesso'oo irrattillee akkasuma godhan;

12qubeewwan shantamaa golga tokko irratti godhan; handaara lammeesso'oo irrattillee akkasuma godhan; qubeewwan maraa fuula wolitti deebisanii turan.

13Qabduu worqi'ii shantama hojjatan; golga sanniinillee wol qabsiisan; sun mana tokko ta'e.

14Golga daasee hulee bulti'ii ka gubba'aa rifeensa re'e'ee irraa hojjatan; golga kudha tokko godhan.

15Dheerinni golgaa maraatuu ciqilee soddoma; dalgi isaa ciqilee afur; golgi maruu wol qixxa.

16Golga shananuu wol qabsiisan; golga jahanillee wol qabsiisanii tokko godhan.

17Handaara golga tokkoo irratti gurra shantama godhan; akkasuma golgaa biraatiin ka wol qabsiisanillee handaara isaa irratti gurra shantama godhan.

18Daaseewwaan maraa wol qabsiisu'uuf sibiila wolitti qabsiisaniin shantama hojjatan.

19Daasee dachaa godhu'uuf gogaa korbeessa hoola'aa, isa irrattillee ka biraa irra dhawu'uuf gogaa dhiisifame godhan.

20Balbala hulee bulti'ii muka ajo'oo irraa hojjatan;

21Dheerinni balbala maraatuu ciqilee kudhan; dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'a.

22Balbala maraa irratti waan lamaan wol qabsiisutu ture; balbala cufanaa mana bulti'ii maraa akkasuma godhan.

23Balbala mana bulti'ii san cinaa bita'aatiin cufanaa diddama godhan.

24Balbala cufanaa diddamaa maraafuu miillan birrii irraa hojjatame godhaniif; cufanaa maraa jala wonti lamaan isaan wolitti qabsiisu waan lamaantu jira.

25Hulee bulti'ii gara cinaa mirgaatiin cufanaa diddama godhan.

26Isaanillee miillan birri'ii afurtama; cufanaa maraa jala miillan lama godhan.

27Hulee bulti'ii cinaa gara dhiyaatiin duuba irraan cufanaa jaha godhan.

28Hulee bulti'ii qaccee lamaan irra gara duubaatiin cufanaa lama godhan.

29Gadii ka'ee haga gurra lammataa cufanaa tokkochi dacha'a; qaccee gama lammataallee akkasuma godhan.

30Cufanaan saddeetii fi miilli birri'ii kudha jaha; cufanaa maraa jala miila lama lamatu jira.

31Mana bulti'ii ka muka ajo'oo irraa hojjatame, cufanaan gama tokkoo loosaa shan;

32cufanaa mana bulti'ii gama lammeesso'ootiin loosaa shanii, balbala mana bulti'ii dudda duubaan gara dhiyaatiin jiranillee loosaa shan godhan.

33Loosaan wodhakka'aa balbala maraa qacce'ee haga qacce'ee lufa.

34Cufanaa sanniinillee worqii diban; qaalawwan loosa'aallee worqii irraa hojjatan; loosaawwan sanniinillee worqii diban.

35Golgallee uffata bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata gad diratan, jirbii fooyame mishaa irraa kiruubeeliin hojjataan ogeessi hojjate irraa godhan.

36Utubaawwan muka ajo'oo irraa hojjatame afur godhaniifii worqii diban; fannoon isaallee worqi'i; isaan maraafuu miila worqii irraa hojjatame afur godhaniif.

37Balbala daase'eetiif uffata mishaa, golga mishaa bifa sami'ii, diimaa dhiilgee irraa golga ogummaa misha'aan fooyame irraa hojjataniif.

38Utubaawwan shananittuu fannoo godhan; goodaa isaatii fi soomayyuu isaa worqii diban; miila isaa shanan sibiila irraa hojjatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help