Seera Laakkobsaa 19 - Kitaaba Woyyuu

Seera Cubbuu Namaa Dhiisisiisu'uuf Raawwatamu

1Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe,

2«Seerri Rabbi ajaje kana; raada arrawa mudaa hin qabne ta qola'aan hin qabamne michuu akka sii fidan ijoollee Israa'eliititti himi.

3Raada san fuutanii Alaazarii gadichatti kennitan; innillee gara raasa'aa isii baasee nama tokko goorraasisa;

4Alaazar gadichi dhiiga raada sanii qubaan tuqa'aa hennaa torbaa balbala daasee wol gayi'ii afo'otti facaasa;

5foon raada sanii afoo isaatitti ciincessan; gogaa, foon, dhiigaa fi cumaa isi'iillee hin guban;

6gadichi muka birbirsaa, muka hisoophi'ii, muka diimaa dhiilgee fuudhee ibidda foon raada sanii ka gubata'aaru sanitti haa darbuu;

7kanaan maayessa gadichi uffata ufii hin miicata; nafa ufii dhiqatee gara qe'e'ee deebi'a; inni haga galgalaa battii ta'a.

8Namni foon raada sanii gubellee uffata ufii bisaaniin miicata; nafa ufiillee bisaaniin dhiqata; inni haga galgalaatitti battaaya'a.

9Namni woyyuun daaraa raadattii gubattee san wolitti qabee qe'e'een ala baasee hulee mishaa kaaya; bisaan worri Israa'elii battummaa irraa woyyoomsu'uuf achitti qopheessan; waan namoonni ittiin woyyoomaniif.Ibr. 9:13

10Namni daaraa raada sanii wolitti qabe uffata ufii hin miicata; inni haga galgalaatitti batti'i; seerri kun ijoollee Israa'eliitii fi worra isaanitti galee isaan keessa jiraatuufillee seera bara baraa ta'a.

Reeffa Nama Du'ee Tuquu'u

11«Namni reeffa nama du'ee tuqe haga guyyaa torbaa battaaya'a;

12bisaanuma kanaan guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo nafa ufii haa woyyoomsuu; achiin maayessa hin woyyooma; garuu guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'ootitti yoo nafa ufii woyyoomfachuu baate woyyuu hin ta'u.

13Namni reeffa nama du'ee tuqe yoo nafa ufii woyyoomfachuu baate inni hulee daasee bulti'ii batteessa; namni sun banii Israa'elii keessaa fooyamee haa baduu; bisaan isa woyyoomsu waan isa irratti hin facaaneef battummaan waan isa irra jiruuf inni battaaya'a.

14«Seerri nama daasee wol gayi'ii keessatti du'ee kana; namni daasee wol gayi'ii keessa seenuu fi ka achi keessa jirullee haga guyyaa torbaa hin baattaaya.

15Miini qadaada hin qabne maruu hin battaaya.

16Ka raasa'atti guraade'een ajjeefame, ka reeffa tuqe, ka lafee nama du'ee tuqee fi ka awwaala tuqe haga guyyaa torbaa hin battaaya.

17«Daaraa raada gubattee ta cubbuu'uun woyyoomsu'uuf kaayanii nama battaaye sanitti fidanii meeshaa bisaan burqaa keessa jirutti makan.

18Namni woyyoome hisoophii fuudhee bisaan irratti cuupha; meeshaa daasee keessa jiru maraa namoota hulee san jiran ka lafee yookaan waan du'ee fi worra awwaala tuqee irratti facaasa.

19Guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'ootitti namni sirri'itti woyyoome nama hin woyyoomne irratti bisaan facaasa; nafa ufiitii fi uffata ufiillee hin miicata; galgala qulqulluu ta'a.

20«Namni seeraan hin qulqulloofnee fi ka uf hin qulqulleessine bisaan qulqullumma'aaf kaayame sun waan itti hin facaaneef inni hin battaaya; namni akkasii sun mana woyyuu waan batteesseef banii jiddu'uu fooyamee haa baduu; waan battaayeeruuf.

21Kun seera bara baraa isinii haa ta'uu; namni bisaan qulqulleessan nama irratti facaasu uffata ufii hin miicata; namni bisaan qulqulluu san tuqe haga galgalaa battii ta'a.

22Ka wonti battiin sun tuqe maruu battii ta'a; namni battii san tuqullee hin battaaya» jedheen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help