1Dubbiin haati isaa Limu'eelii mooticha barsiifte kana.
2«Ilma kiyya! ilma gadaamessa kiyyaa!
ilma woreega kiyyaa;
3Hunna kee dubarti'itti hin fixin;
jabeenna keellee worra mootota balleessaniif hin oolchin.
4«Limu'eeli! Mootonni waan kana godhuu isaan hin barbaachisu;
mootonni daadhii woyini'ii dhuguu;
bulchoonni dhuddoo macheessu dharra'uu
isaan hin barbaachisu;
5Yoo dhugan murtii seeraa irraanfatan;
mirga worra hucuucamanii maraa hin dhiiban.
6Worra badaniif dhuddoo maacheessu;
worra rakkoo keessa jiraniif daadhii woyini'ii kennaa'a;
7dhuganii hiyyummaa ufii haa irraafatanii;
rakkoo ufiillee ammaa achi akka hin yaanne.
8«Worra waan ufii dubbachuu hin dandeenne;
mirga worra rakkatanii maraafuu falmi.
9Dubbadhu; qajeellumma'aan murteessi;
mirga hiyyeeyyi'iitii fi ka worra rakkatanii kabajjisiisi.»
Haadha Manaa Michuu10Haadha manaa amala michu'uu eentu argata?
isiin mi'a diimaa gatii gudda'aa caalti.
11Abbaan manaa isi'ii guutumatti isii abdata;
wonti isii irraa dhidhatu hin jiru.
12Bara jiraattu maraa waan mishaa gootiif malee
isa hin miitu.
13Rifeensa hoola'aatii fi quuncee talba'aa filattee;
harka isi'ii ka hujii jaalatuun footi.
14Akka markaba daldaltu'uutitti
nyaata ufii fago'oo wolitti qabdi.
15Uduu hin bariine kaati;
maatii ufiitiif nyaata;
hojjattoota ufii ta intalaatiifillee gayee isaanii kenniti.
16Ufumaa yaaddee lafa qonnaa bitatti;
horii argattuun woyinii dhaabdi.
17Hunna jabeeffattee hujii ufii raawwatti;
irreen isi'ii huji'itti jajjaba'a.
18Hujiin isi'ii akka gatii qabu hin hubatti;
halkanillee ibsaan isi'ii hin dhaamu.
19Harka ufiitiin fuuttaa qabatti;
qubbiin ufiitiin jirbii footi.
20Harka ufii hiyyeeyyi'ii badhifti;
harka ufii worra rakkatetti hiixatti.
21Yoo baradaa roobe maatii ufiitiif hin shukultu;
maruu waan uffata diimaa uffataniiraniif.
22Siree ufii ka irra raftuuf uffata hojjatti;
uffata diimaa dhiilge'ee fi ka gad diratan uffatti.
23Abbaan manaa isi'ii manguddoo jiddu'utti;
hennaa bayima keessa taa'u kabajjama'a.
24Isiin uffata quuncee talba'aa irraa hojjattee gurgurti;
daldaltootaallee sabbata dhiyeessiti.
25Isiin jabeennaa fi gaachena uffatteerti;
baroota itti aanu gammachu'uun fudhatti.
26Ogumma'aan dubbatti;
afaan isi'ii keessa gorsa qajeela'atu jira.
27Waan maatii ufii jabeennaan hordofti;
buddeena amshaagga'aa hin nyaattu.
28Ijoolleen isi'ii kaatee ta eebbifamte jedhaniin;
abbaan manaa isi'iillee akkasuma;
inni akkana jedhee isii galatoonfata;
29«Dubartoonni hedduu waan mishaa godhaniiran;
ati garuu isaan maraa hin caalta.»
30Bareeddinni nama soba;
mishummaanillee hin harca'a;
Dubartiin Rabbiin sodaattu garuu ta galtoonfamte.
31Badhaasa isi'ii ta'u kenna'aaf;
hujiin isi'ii bayima marattuu
isii haa galatoonfatuu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.