Kitaaba Lallabaa 12 - Kitaaba Woyyuu

1Barri hamaan uduu hin dhufin,

woggoonni ati, «Natti hin tolu» jettu uduu hin dhufin

bara dargaggummaa keetii

uumaa kee qaabadhu.

2Aduunii fi ifni, addeessinii fi

urjiiwwanillee uduu hin dukkanoofne,

3Roobaan maayii duumessi uduu hin deebine,

worri mana eegan hin hollatan,

worri jajjabaan yoo goorratan;

dubartiin midhaan daattu daakuu yoo dadhabdu;

worri fodda'aan laalan yoo arguu dadhaban;

4Hennaa balballan gara raasa'aa baasu cufaman,

hennaa laagaan midhaan daattu'uu hin dhagayamne,

namni yoo woca simbiraatiin dammaqu,

hennaa faaruun maruu dadhabu,

5Goodda bayuun yoo dadhabamu,

yoo karaan sodaachisu,

yoo daraaraan mukaa addaatu,

yoo korophiifni lafa irra harkifamu,

yoo fedhii dhaban,

hennaa san namni gara mana ufii ka bara baraa dhaqa;

worri isaa booyan asii fi achi naannayan.

6Faayyi mormaa ka birrii irraa hojjatame uduu hin cinne,

saaniin worqi'ii uduu hin cabne,

otteen bisaaniin woraaban burqaa bisaanii biratti uduu hin butunne,

yookaan korboon bisaaniin woraaban uduu hin cabin,

7Biyyeen gara lafa irraa dhufeetitti uduu hin deebine,

hafuurri gara Rabbii isa kenneetitti uduu hin deebine,

uumaa kee yaadadhu.

8Lallabaan «Gatii hin qabu, gatii hin qabu, wonti maruu gatii hin qabu!» jedhe.

Dhaamsa Dhumaa

9Lallabaan ogeessa callaa hin turre; garuu baniillee beekkumsa barsiise; inni mammaaka baay'ee qoratee hubatee duraa duubaan qopheesse.

10Lallabaan jechoota sirri'ii qorate; kanaafuu wonti inni barreesse waan qajeela'aa fi dhugaa ture.

11Dubbiin ogeessaa akka ulee tisseen hori'iin ooftuuti; mammaanni wolitti qabame akka mismaara waa wolitti dhayuuti; isaan kunniin Rabbii nu maraa eegu irraa nuu kenname.

12Ilma kiyya! Waan kana maraa caalaa gorsa kiyya dhagayi; kitaabban barreessanii fixuun hin danda'amu; guddisanii waa qoruunillee nama dadhabsiisa.

13Kunoo wonti maruu himameera;

dhumti waan maraatuu kana;

Rabbiin sodaadhu,

ajaja isaa eegi;

kun waan ijoo namni godhuu qabu.

14Rabbi waan hama'aa fi waan mishaa nu dhossa'aan goonu maraa gara murti'ii fida.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help