1Weedduu Solomoonii ka weedduu maraa caalu.Idaayyittii
2Jaalalti tee daadhii woyini'ii waan caaltuuf,
afaan kiyya keessa na dhungadhu.
3Urgoon ati dibattu akka bookaa urgoofti;
maqaan kee akka dhadhaa urgo'oo ka jigeetitti foolii qaba;
kanaaf durbi bareeddu maruu si jaalatti.
4Harka na qabadhu ufitti na fudhadhu dafnee fiinnaa;
mootii kiyya gara gola keetii na geessi.
hiriyyoota isi'iiNu'u sitti gammanna; guddisee nutti tola,
jaalala kee daadhii woyini'ii caalaa jaalanna;
IdaayyittiiAkkana si jaalachuun isaanii sirri'i;
5Isin babbareeddan Yerusaalemii! na dhagayaa'a;
ani gurraatti'i,
haa ta'uu malee bareeddu'u;
guraachinni bifa kiyyaa akka daasee Qeedaariiti;
bareeddinni kiyyallee akka golga mana mootumma'aa ka Solomooniiti
6Wonti bifti kiyya gurraachateef waan aduun na gubdeef;
kanaafuu waan guraachadheef xiinxallitanii na hin laalinaa'a;
ilmaan haadhaa tiyya waan natti aaraniif
dhaaba woyini'ii na eessisan;
kanaafuu ani hulee dhaaba woyini'ii kiyya hin dhiise.
7Jaalalloo kiyya! yabo'oo mee natti himi;
hoolota tee eessa bobbaafta?
guyyaa akka isaan hara baafataniif
eessa fidda?
ani wonti si soqaa akka intala fuulatti haguuggattee
gobbuu goshoota teetii faanaa
olii gad raantawuuf maali'i?
Idaayyicha8Ati ta dubartoota maraa caalaa bareeddu!
yoo ka hulee hin beennee
faana hoolota tiyyaa dhayi;
ilmoolee re'iin teetiillee
daasee worra re'iin tissanii biratti bobbaasi.
9Jaalalloo tiyya! ati ganyaa fardaa ka faradoo gaarii Fari'oonii harkisu keessaa akka takkaati.
10Boqoon fuula keetii bareeda looko'o;
mormi kee ka faaya gatii gudda'aatiin bareede.
11Nullee faaya looti'ii worqii irraa sii hujjisiifna.
Idaayyittii'i12Mootichi uduu nyaataaf taa'eeru,
urgoon nafa kiyyaa isatti urgaaye.
13Jaalalloon kiyya hennaa harma kiyya lamaan jidduu ciisu
urgaan isaa akka urgaa bookaatitti natti urgaaye.
14Jaalalloon kiyya akka abaaboo hulee dhaaba woyini'ii ka Ayingaad jedhamu
ka hulee lafa gammoojji'iititti biqileeti.
Idaayyicha15Goshoo tiyya! ati akkam bareedda!
attam midhaaddeerta!
ijji tee akka ija handari'iiti.
Idaayyittii'i16Jaalalloo tiyya! atillee bareeda;
guddiftee nama gammachiifta;
sireen keennallee akka marga lalisa'aa nama gammachiisa.
17Utubaan mana keennaa utubaa muka Libaanosiiti;
ginnoonillee muka hindheessaatiin ijaarameera.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.