Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 2 - Kitaaba Woyyuu

Fiixaa Yihuuda'aa

1Ijoolleen Israa'elii ta dhiiraa Roobeel, Simoon, Leewwii, Yihuudaa, Yisaakoor, Zaabiloon,

2Daan, Yooseef, Biiniyaam, Niftaaleem, Gaadii fi Aseeriin fa'a.

3Yihuudaan dubartii gosa Kana'aanii Seewaa irraa Eer, Awunaanii fi Seeloomiin uumate; Eer ilmi hangafaa ka Yihuuda'aa Rabbiin afo'otti waan nama hamaa tureef Rabbi hin qoomeen.

4Yihuudaan haadha manaa ilma ufii Timaariin irraa ijoollee dhiiraa lamaan ta Faareesii fi Zaaraa jedhamanii waamaman uumate; inni wolitti qabaa ijoollee shan qaba.

5Faarees ijoollee dhiiraa lamaan ta Eesroomii fi Hamuul jedhaman uumate;

6obboleessi isaa Zaaraan ijoollee dhiiraa shan uumate; maqaan isaanii Zamirii, Eetaan, Heemaan, Kalkoolii fi Daaraa fa'a.

7Namni gosa Zaara'aa ta'e tokko ilmi Karmi'ii Akaan boojuu Rabbiif fooyame waan hatee dhosseef banii Rabbiititti balaa fide.

8Eetaan ilma tokko ka Azaariyaa jedhamu uumate.

Fiixaa Mooticha Daawitii

9Eesroom ijoollee dhiiraa sadihi uumate; maqaan isaanii Hiraami'eel, Aaraamii fi Kaaleebiin fa'a.

10Aaraam Aminaadaabiin uumate; Aminaadaabi Na'aasoonii ajajaa ijoollee Yihuuda'aa uumate;

11Na'aasoonillee Salmooniin uumate, Salmoon Boo'eeziin uumate.

12Boo'eez Iyyoobeediin uumate; Iyyoobeedi Isseyiin uumate.

13Isseyi mucaa hangafaa Eeliyaabii fi ka lammeesso'oo Aminaadaabii fi sadeessoo Samaa,

14Arfeessoo Naatinaa'eeliin, shaneessoo Raddaayeen,

15jaheessoo Asaamiin, torbeessoo Daawitiin uumate.

16Obboleewwan durbaa Tsuuriya'aa fi Abigiyaa fa'a; ijoolleen Tsuuriya'aa ta dhiiraa sadiin Abiisaa, Iyyoo'aabii fi Asaaheeliin fa'a.

17Abigiyaan Amesaayiin deette; abbaan Ameesaayiillee Ismaa'eelicha Yuuteeri.

Fiixaa Eesroomii

18Ilmi Eesroomii Kaaleeb intala Azuubaa jedhamtu fuudhee mucattii durbaa ta Kayiri'oot jedhamtu uumate; Kayiri'ootillee ijoollee dhiiraa ta Yaasaar, Soobaabii fi Aardooniin fa'a deette.

19Azuubaan haga duuteen maayessa Kaaleeb Efraataa fuudhe; isiinillee Hooriin deetteef.

20Hoori Uuriin uumate; Uuri Baasili'eeliin uumate.

21Achiin maayessa Eesroom hennaa woggaa jahaatamaa guute intala Maakirii obboleettii Gala'aadii fuudhee ilma dhiiraa ka Saguubi jedhamu deetteef.

22Saguubi Iyyaa'iriin uumate; inni biyya Gala'aadii keessatti qachoota diddamii sadihi qaba.

23Geeshuurii fi Aaraam qachoota Iyyaa'irii Qeenaatii fi ganda isi'ii woliin qachoota jahaatamaa isaan jalaa fudhatan; kunniin maruu abbaa Gala'aadii ijoollee Maakirii turan.

24Eesroom Kaaleebii Efraata'aatitti haga du'een maayessa haati manaa isaa Abiyaan abbaa Teequhe'ee Ashihuuriin deetteef.

Fiixaa Yiraahimi'eelii

25Ilmi hangafaa ka Eesroomii Yiraahimi'eel ijoollee dhiiraa shan uumate; isaanillee ka hangafaa Raam, isatti aanee Bunaahi, Oreen, Atseemii fi Akiyaa fa'a.

26Yiraahimi'eelillee haadha manaa ta Ataaraa jedhamtu ta biraa qaba; isiin haadha Onaamii turte.

27Ijoolleen Yiraahimi'eelii ta Raam deette Ma'aas, Yaaminiitii fi Eqeeriin fa'a.

28Ijoolleen Onaamii Shamaayina'aa fi Yaada'a; Shaamaayi ijoollee Naadaabii fi Abisuur jedhaman uumate.

29Abisuur dubartii Abikaa'il jedhamtu takka fuudhee isii ijoollee dhiiraa Hibaanii fi Moolidi jedhaman deetteef;

30Naadaabi ijoollee dhiiraa ta Seeleedii fi Afaayi jedhaman uumate; Seeleedi garuu uduu hin uumanne du'e.

31Afaayi ilma dhiiraa ka Yishi'i jedhamu uumate; Yishi'i ilma dhiiraa ka Soosaa jedhamu uumate; Soosaan ilma dhiiraa ka Ahilaayi jedhamu uumate.

32Obboleessi Shaamaayii Yaadaan ijoollee dhiiraa lamaan ta Yeeteerii fi Yoonaataa jedhaman uumate; Yeeteer uduu ijoollee hin uumanne du'e.

33Yoonaataan ijoollee dhiiraa ta Feleetii fi Zaazaa jedhaman uumate; kunniin maruu fiixaa Yiraahimi'eeliiti.

34Soosaan ijoollee durbaa malee ta dhiiraa hin qabu; inni hojjataa nama biyya Misirii ka Iyyuuheel jedhamu qaba.

35Soosaan hojjataa ufii Iyyuuheel intala ufii itti heerumsiise; isiin Ataayiin deetteef.

36Ataayi Naataaniin uumate; Naataani Zaabiidiin uumate;

37Zaabiidillee Eflaaliin uumate; Eflaali Obeediin uumate; Obeedi Iyyuu uumate;

38Iyyuun Azaariyaasiin uumate;

39Azaariyaasi Keleesiin uumate; Keleesi Elaasaa uumate;

40Elaasaan Sismaayiin uumate; Sismaayi Shaloomiin uumate;

41Shaloomi Yeqaamiyaamiin uumate; Yeqaamiyaami Elisaamaaniin uumate.

Fiixaa Kaaleebii ka Biraa

42Maqaan ilma hangafaa ka Yiraahimi'eelii obboleessa Kaaleebii Meeshaali jedhama; Kun ilma dhiiraa ka Ziif jedhamee waamamu uumate; Ziif Mareeshaa uumate; Mareeshaan Keebrooniin uumate;

43Ijoolleen Keebroonii Qoree, Tafuwwaa, Reegeemii fi Shaamaa'i fa'a;

44Shaamaa'i Rahaamiin uumate; Rahaami Rooqeemiin uumate;

45Shaamaah Maa'ooniin uumate; Maa'ooni Beetitsuuliin uumate.

46Kaaleeb dubartii Eefaa jedhamtu ta mata gala itti galu qaba; isii irraa Haaraan, Moodaanii fi Gaazeeziin uumate; Haaraan ilma dhiiraa ka biraa ka Gaazeez jedhamu uumate.

47Ijoolleen dhiiraa ta Yihidaayii Reegeem, Iyyootaam, Geeshaam, Faaleex, Eefa'aa fi Sha'aafiin fa'a.

48Kaaleeb intala mata gala itti galu ta Maa'ikaa jedhamtu qaba; isii irraa ilmaan dhiiraa Sheberiinii fi Tirihaanaa uumate;

49Dubartiin tun diqqoo turtee ijoollee dhiiraa ka biraa abbaa Maadimaanii Sha'aafii fi abbaa Gibi'a'aa Maakinaaniin, Suusaaniin deette.

Kaaleeb dubartii biraa ta Akisaa jedhamtu qaba.

50Fiixaan Kaaleebii akka armaan gadiiti; Hoor ilma hangafaa Kaaleebii ka inni haadha manaa ufii Efraataa irraa uumate; ilmi Hoorii Qiriyaataam; abbaan isaa Soobaal.

51Ilmi Hoorii ka lammeesso'oo garuu Shaalmaan abbaa Beeteliheemiiti; ilmi Hoorii ka sadeesso'oo Haareef abbaa Gaadeeriiti.

52Abbaan Qiriyaataarii Soobaal ijoollee biraallee hin qaba; isaan sunniin Haro'een wadhakkaa gosa Manaahitaawiyaatotaati.

53Akkasuma gofti Qiriyaatiri'aarimii, Yitiraawota, Futaalwota, Shumaatota, Mishiraatota jedhamanii waamama'aa turan; isaan keessaa fiixaa Tsiriyaatotaa fi Eshtaawotaatitu argame.

54Ijoolleen Shaalmaanii Beeteliheem, Naxoofaawota, Axaarooti, Beetiyu'aab wodhakkaan Manaawotaa fi Tsoraawiyaanota turan.

55Gofti barreessitootaa ka Yaabeetsiin keessa taa'anii Tiraawota, Shimi'aataawotaa fi Sukaataawota fa'a; isaanillee abbaa Karikaabotaa worra Haamaatiin keessaa bayan Qeenaawota fa'a turan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help