1Mootiin Yihuuda'aa Sedeqiyaas mooyee woggaa kudhaneesso'oo, mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Rabbi ana Ermiyaasitti dubbate.Abdii Amanamaa'a
36Rabbi Waandhi Israa'elii akkana naan jedhe, «Ermiyaas! baniin qachattii tana lolli, beellinii fi balaan akka isin mootii Baabiloonii jala taatu godhu'uuf ta'a jedhan waan ani jedhu ka biraallee dhagayi.
37Banii ani lola kiyya guddaa ka akka ibiddaa bobawuun isaan bittinneesse biyya isaan itti bittinneesse maraa keessaa deebisee hulee kanatti wolitti isaan qabee akka nagayaan jiraatan isaan taasisa.
38Isaan banii kiyya ta'an, anillee Waaqa isaanii ta'a.
39Akka isaan kaayoo tokko qabaatan godha; wonti kana godhuuf akka isaanii fi ijoollee isaanii maraa wonti mishaan ta'u, akka hennaa maraa na kabajjaniif.
40Ani isaan woliin waadaa baraa haga bara baraa gala; ani waan mishaa isaanii godhuu hin dhiisu; akka isaan dhugamaan na sodaatan godha; achiin maayessa isaan na irraa fuula ufii gara biraa hin deebifatan.
41Anillee yoo waan mishaa isaanii godhu hin gammada; ani fedha kiyyaan dhugamaan lafa tana irratti isaan ijaara.
42«Ani akkuma banii kana maraa irratti badii kana maraa fide akkasuma waadaa waan mishaa isaanii gale isaanii kenna.
43Lafa isin ‹lafattiin waan worra Baabilooniitii kennamteef ona namninii fi busaawaan keessa hin jiraanne taati› jettan tana keessatti lafa qonnaa bitu'uu fi gurguruun deebi'ee jalqabama.
44Baniin lafa bitata, wolii galteen ragoonni itti mallatteessanii chaappeeffama; wonti kun maruu gandoota naannaya Yerusaalemii kutaa Biiniyaamii qachoota baadiyya'aa ka Yihuudaa keessaa qachoota biyya gaaraa tulloota jalaa fi Yihuudota gara kibbaatiin jiran maraa keessatti raawwatama; ani baniin maruu gara biyya ufii deebi'anii akka qabeenna ufii fudhatan taasisa.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.