1Yaa Rabbi! hennaa ani siin wol falmu maraa ati sirri'i;
ani waan murtii sirrii ta'eetiif gaafii qaba;
sababaan jireenni nama cubbama'aa qajeeluuf maali'i?
worra sobuufillee maaf wonti maruu ta'a?
2Ati isaan dhaabde hiddi isaanii gad fagaatee, guddatanii daraaraa daraaran;
afaaniin si kabajjan;
garaan isaanii garuu si irraa fagaateera.
3Yaa Rabbi! ati garuu na beetta;
yaada ani sii qabu argitee na qorta;
namoota hammeeyyii kanniin akka hoolota qalmaaf oofaniititti isaan fuudhii
haga guyyaa isaan qalamaniititti fooyii isaan tursiis.
4«Sababaa banii hamaa waan nu goonu maraa Rabbi hin argu» jedhaniitiif
biyya teenna bonni miidhuu fi margi raasa'aa ka hulee gara garaatitti marge gogee hafu haga yoomiiti?
sababaa kanaaf busaawaanii fi allaattiin maruu haxaayamanii badaniiran.
Deebii Rabbi Deebise5Rabbi akkana jedha,
«Yaa Ermiyaas! yoo ka nama woliin fiiguu hin dandeennee attamitti fiiddee fardaan wol morkuu dandeetta?
yoo lafa raasa'aa irra jabaattee dhaabachuu dadhabde attamiin bosona Yoordaanosii keessa dhaabachuu dandeetta?
6Obboleewwan teetii fi firri kee ka dhiyo'oo si gananii si mormaniiran;
kanaafuu yoo isaan si afo'otti waan mishaa dubbatan hin amanin.»
Rabbi Yakka Bani'iititti Gadde7Rabbi akkana jedha,
«Mana kiyyaa fi lafa kiyya dhiiseera;
banii kiyya ka jaaladhu diintota isaaniitii kenne;
8Baniin kiyya natti ka'anii akka leenca bosonaatitti natti aadan;
ani hujii isaanii kana hin jibba;
9Baniin kiyya ka filadhe maruu hulee maraanuu akka simbira cululleen marsitee ta'aniiran;
kanaafuu bineensonni bosonaa dhufanii akka foon isaanii nyaatanii gammadan waamaa'a;
10Bulchoonni hedduu hulee biqiltuu woyini'ii kiyya balleessaniiran;
qonna kiyya keessallee deemaniiran;
lafa tiyya ta nama gammachiiftu akka gammoojjii taatu godhaniiran.
11Akka gammoojjii taatu waan godhaniif
biyyi maruu gara gammoojjumma'aatitti jijjiiramteerti;
ka waan isi'iitiif yaadu tokkollee hin jiru.
12Gaara ona ta'ee gammoojjaaye irraa worri nama balleessu hin dhufan;
guraadeen Rabbii biyyattii daanga'aa haga daanga'aatitti waan balleessuuf;
namni tokkollee hin hafu.
13Baniin kiyya qamadii facaasee qoree galfate; guddisanii hojjatanii dadhabanii bu'aa woyiituu hin arganne;
ani guddisee lolee lola kiyyaan waan midhaan isaanii badeef gaddan.»
Dubbii Abdi'ii Ka Rabbi Ollaa Israa'eliitii Kenne14Rabbi akkana jedha, «Ani worra ollaa Israa'elii ka lafa ani banii kiyya Israa'elii kenne balleessanitti waan dubbadhu qaba; banii hamaa sanniin biyya isaaniitii buqqisee isaan fida; banii biyya Yihuuda'aa jidduu isaaniitii butee baasa.
15Garuu haga biyya isaanii keessaa isaan baaseen maayessa deebi'ee isaanii araarama; banii maraa gara lafa isaaniitii fi gara biyya isaanii deebisee isaan galcha.
16Akka isaan asiin dura banii kiyya fudhatanii akka maqaa waaqa tolfamaa ba'aaliitiin kakatan barsiisan san ‹Rabbii jiraataa'a!› jedha'aa yoo ka kakatan ta'e akka isaan banii kiyya keessa jiraatan taasisa;
17baniin na hin dhageenne isaan jidduu yoo jiraate garuu buqqisee isaan balleessa; ka waan kana dubbate ana Rabbi»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.