1Mootonni Keexotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Feerzotaa, Eewwotaa, Iyyaabusootaa, laga Yoordaanosii gama lafa onaa ka gaaraa qaccee galaanaa guddaa Meditiraaniyaanii Libaanosiin afoo jiran haga waan kana dhagayan;
2Iyyaasu'uu fi worra Israa'eliitiin lolu'uuf tokko ta'anii wolitti qabaman.
3Namoonni Gabaa'oonii garuu waan Iyyaasuun Iyyaariko'oo fi Gaayiin irratti godhe hennaa dhagayan isaanillee isaan irratti dhara hojjatan.
4Ufiif dhalee qabatanii qalqala moofaa hodhametti daadhii buusanii harriin ufiititti fe'atan;
5uffata moofee bibbiinxame uffatanii kophee ciccitaa hohodhame godhatanii buddeenni dhalee godhatanillee ka gogee fi ka aararraaye ture.
6Haga waan kanniin godhanii raawwataniin maayessa, Gelgelaa hulee Iyyaasuun itti quphatee dhaqanii isaa fi worra Israa'eliitiin, «Biyya fago'oo dhufneerraa ammallee nu woliin waadaa galaa'a» isaaniin jedhan.
7Namoonni Israa'elii worra Eewwotaatiin, «Maal laataa yoo ka isin nu woliin teettan ta'e, attamitti isin woliin waadaa galla?» isaaniin jedhan.Ser. Ba'u. 23:32; 34:12; Kes. Deb. 7:2
8Isaan Iyyaasu'uun, «Nu garboota teeti» jedhaniin; Iyyaasuunillee, «Isin eennu fa'a? Eessaa dhuftan?» isaaniin jedhe.
9Isaanillee akkana jedhaniin «Sababaa maqaa Rabbii Waaqa keetiitiin biyya guddisee fagaatu irraa dhufneerra» gurra isaa waan inni biyya Misirii irratti godhe maraa,
10mootota Amoorotaatii fi mootii Haseboonii Seewooniin mootii Baasaanii ka Astaarootiin keessa ture ka Hasebooniin keessa jiru Aagiin laga Yoordaanosiitiin gamatti waan godhe maraa dhageenneerra.Ser. Lak. 21:21-35
11Jaarsonni keenna, worri biyya keenna keessa jiraatan maruu imala deemtaniif dhalee harkatti qabadhaa'a; gara isaanii dhaqaa'a; nu garboota teessanii ammallee nu woliin waadaa galaa'a isaaniin jedhaa'a» nuun jedhan.
12Guyyaa gara keessan dhufu'uuf kaane, buddeena kana dhalee oo'aa qabannee turre amma garuu nu jalaa aararraayee goge.
13Qalqallan daadhi'ii kunniin hennaa inni haarawaa itti nandheerra; amma garuu nu jalaa dhooye, karaan waan guddisee fagoo ta'eef uffanni keennaa fi kopheen keennallee nu jalaa moofeera» jedhaniin.
14Worri Israa'elii uduu Rabbiin hin gaafanne dhalee isaanii irraa fudhatan.
15Kanaafuu Iyyaasuun isaan woliin nagaya buusee isaaniin wolii galee akka jireennaan jiraatan isaan woliin waadaa gale; bulchoonni bani'iillee isaanii kakatan.
16Haga isaan woliin waadaa galan guyyaa sadihiin maayessa, akka isaan woliin ollaa isaanii ta'anii isaan woliin jiraatan dhagayan.
17Ijoolleen Israa'eliillee deemanii guyyaa sadeesso'ootitti gara qachoota isaanii dhaqan; maqaan qachoota isaaniillee Gabaa'oon, Kafiiraa, Bi'eerootii fi Qiriyaatiyi'aarim jedhaman ture;
18bulchoonni bani'iitii fi ijoolleen Israa'elii maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiin waan isaanii kakataniiraniif isaan hin tundhe; baniin maruu bulchoota isaanii irratti guguunguman;
19bulchoonni maruu banii maraanuu «Rabbii Waaqa Israa'eliitiin waan isaanii kakanneef isaan hin tundhu.
20Kakuu isaanii kakanne saniif Rabbi akka nuun hin lolle nu homaa isaan hin goonu, lubbu'uun haa jiraatanii» isaaniin jedhan.
21Bulchoonnillee lubbu'uun haa jiraatanii isaaniin jedhan. Akkuma bulchoonni isaaniin jedhan banii maraafuu worra qoraan cabsanii fi worra bisaan woraaban ta'an.
22Iyyaasuun isaan waamee «Isin hennaa nu woliin jiraattan maaf biyya fago'oo dhufne jettanii nu sobdan?
23Isin amma worra abaarame isin keessaa mana gooftaa kiyyaatii garbichi qoraan cabsuu fi ka bisaan woraabu baraa haga bara baraa hin dhabamu» isaaniin jedhe.
24Isaanillee Iyyaasu'uun, «Akka nu garboonni tee akkuma Rabbi garbicha ufii Muusee ajajetti akka lafa maraa isinii kennu worra lafa san irra jiraatan maraa afoo keessanii balleessu dhugamaan dhageenneerra; kanaafuu waan lubbuu keennaatiif guddifnee isin sodaannee waan kana goone.
25Nu ammallee harkuma kee jirra; waan si afo'otti misha'aa fi qajeelaa ta'e maraa nu irratti godhi» jedhaniin.
26Kanaafuu innillee akksuma isaan irratti godhe harka ijoollee Israa'eliitii isaan hambise, ijoolleen Israa'eliillee isaan hin ajjeefne;
27guyyaa san Iyyaasuun bani'iif hulee isaan filetti ciincaa Rabbiitiif worra qoraan cabsanii fi worra bisaan woraaban isaan godhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.