Kitaaba Faaru'uu 144 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Mooyanna'aa

1Rabbii irkoo kiyya galanni haa gawu!

duulaaf na leenjisa; lolaaf na qopheessa.

2Rabbi eeddoo kiyyaa fi hedannoo kiyya;

hulee jalatti dhokadhu; inni fayyisaa kiyya;

isa hedadhee nagayaan jiraadha;

inni banii kiyya luka kiyya jala taasisee na jalatti isaan bulcha.

3Yaa Rabbi!

wonti hagana mara nama kunuunsituuf maali'i?

ka hagana mara isaa yaaddu namni maali'i?

4Namni akka qilleensa bubbisuuti;

barri isaa akka gaaddisa lufuuti.

5Yaa Rabbi! samii baqassii gad bu'i;

gaarran qaqqabi; isaan haa aaranii.

6Bakakkaa kee falaqqisiisii diintota kee bittinneessi;

eboo keetiin darbadhuu isaan ari'i.

7Harka kee gubba'aa gad hiixadhuu

qilee bisaanii keessaa na baasii na hambisi;

hunna nyaaphaa jalaa na baasi.

8Isaan sirima dhugaa hin dubbatan;

harka mirgaa ol fudhatanii sobaan kakatan;

9Waandhana! faaruu haarawa sii faarfadha;

meeshaa laagaa kennu ka miseensa kudhanii qabu darabeessee si faarfadha.

10Ati moototaa mootee kennita;

garbicha kee Daawitiin guraadee qaramaa jalaa hin oolchita.

11Harka nyaaphxicha diina kiyyaa jalaa na oolchi;

afaan isaanii soba dubbata;

harki isaanii ka mirgaa kakuu sobaatiif ka'a.

12Worri ijoolleen isaanii ka'imumma'atti akka biqiltuu haarawaa ka guddatanii jabaatan haa ta'an;

ijoolleen teenna ta intalaa akka muka qasatoo mana mootumma'aatiif utubaa bareechisanii bocanii haa ta'anii.

13Gootaraan keenna midhaan bifa bifaatiin haa guuttaman;

hoolonni teenna ta raasa'atti bobbayan

ilmoolee kumaatamatti laakkayaman dhala'aa haa baay'atan.

14Loowwan keenna haa qanani'anii

uduu gara'aa hin ganne haa horanii;

karaa keenna irratti iyyansi gaddaa sirimaa hin dhagayamin.

15Baniin akkas ta'uuf sun ka eebbifame!

baniin Rabbi Waaqa ta'eef eebbifama'a!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help