Raajii Ermiyaasii 1 - Kitaaba Woyyuu

1Ilmi Keliqiya'aa Ermiyaas ka abaan isaa gadoota qachaa Anaatootii biyya Biiniyaamii keessaa tokko ture dubbate akka asii gadii kana;

2Dubbiin Rabbii ka gara Ermiyaasii dhufe bara ilmi Amootsii Iyyoosiyaas Yihuudaa irratti mooyee woggaa kudha sadeesso'ootitti.Waamsa Ermiyaasii

4Dubbiin Rabbii ka akkana jedhutu gara kiyya dhufe,

5«Ermiyaas!

Ani uduu garaa haadha teetii keessatti si hin uumneen dura si beeka;

uduu gadaamessa haatetii keessaa hin baane si fooye;

bani'ii raagaa taasisee si muudeera.»

6Ani garuu, «Yaa Rabbi Gooftaa! ani daa'ima waan ta'eef maal akka dubbadhu hin beeku» jedhee deebiseef.

7Rabbi garuu akkana naan jedhe, ‹Ani daa'ima› ufiin hin jedhin; Gara ani si ergu maraa deemtee waan ani si ajaje maraa dubbatta;

8ani si oolchu'uuf waan si woliin jiruuf isaan hin sodaatin; ka waan kana dubbate ana Rabbi!»

9Achiin maayessa Rabbi harka ufii hiixatee afaan kiyya qaqqabee akkana naan jedhe, «Ani dubbii ati dubbattu afaan kee keessa kaayeera.

10Ati akka buqqiftuu fi akka diidduuf, akka garagalchituu fi akka balleessituuf, akka ijaartuu fi akka dhaabduuf, moototaa fi banii ormaa irratti baallii sii kenneera.»

Mudhata Lamaan Raattichi Arge

11Rabbi Ermiyaasiin,

«Maal arga'aarta?»

jedhee gaafate;

Ermiyaas,

«Damee lawuzi'ii arga'aara»

jedheen.

12Rabbillee,

«Waan sirrii ta'e argite;

anillee attamitti akka inni itti raawwatamu

xiinxallee laala» naan jedhe.

13Rabbi deebisee,

«Wonti biraa ka ati laala'aartu maali'i?»

jedhee na gaafate.

Anillee «Gara cinaa kaabaatiin ottee danfa'aartu

ta garana dabdeertu takka arga'aara» jedhee deebiseef.

14Rabbi akkana naan jedhe, «Badiin gara kaabaatii akka bisaan danfeetitti worra biyya tana keessa jiraatan irra gara gala» naan jedhe.

15Ani banii gara kaabaatiin jiraatan

akka garana dhufan waama;

isaan qachoota Yerusaalemiitii fi

naannaya Yihuuda'aa jiran maraa irratti

balaa buusanii qabatan;

achiin maayessa seensa balbala Yerusaalemii

teessoo ufii kaayatan.

16Waan hammeenna isaanii maraaf,

na dhiisanii waaqolee tolfamaa biraatii

waan hixaana aarsanii fi

hujii harka ufiitiillee waan sagadaniif

isaan adaba.

17Kanaafuu ati mudhii kee hidhadhuu ka'ii waan ani si ajaje maraa isaanitti himi; gara isaanii dhaquu hin sodaatin; yoo isaan sodaatte akka ati isaan caalaa sodaataa taatu si taasisa.

18Ermiyaas! na dhagayi; baniin lafa irra jiraatu maruu mootonni Yihuuda'aa ka baallii qaban, baniinii fi gadoonni uduu hin hafin diina kee ta'anii si irratti ka'an;

19Isaan siin lolan; ani garuu hunnaa fi jabeenna isaan uf irraa ittiftuun sii kenna; akka qachaa eeddoo qabduutitti, akka utubaa sibiilaatii fi akka kaloo sibiila jaba'aan ijaaramee si taasiseera; ani si woliin ta'ee si tissa'aa waan si irraa ittisuuf isaan sirima si mooyatuu hin danda'an; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help