1Rabbi akkana jedha,
«Samiin teessoo kiyya;
ardiin ejjata miila kiyyaati;
manni isin naa ijaartan mana attamiiti?
huleen ani itti hara baafadhu ka attamiiti?
2Kanniin maraa natu uume; kun maruu kiyya;
ani gara nama kaso'oo,
gara nama keessi isaa cabee fi
gara nama dubbii kiyya sodaatuu laala.
3Namni sangaa naa qalu akka waan nama ajjeeseeti;
namni ciincaa korbeessa hoola'aa naa ciincessu
akka nama lum'a saree ufii micciiree cabseeti;
namni kennaa midhaanii naa dhiyeessu
akka nama dhiiga booyye'ee naa dhiyeessuuti;
namni hixaana aarsu
akka nama waaqolee tolfamaa waaqeffatuuti;
kunniin maruu jireenna waan fedha ufii filatan;
lubbuun isaanii waan batti'itti gammada.
4Hennaa ani isaan waamu waan naa hin deebifneef
hennaa ani dubbadhu eennullee waan naa hin dhageenneef,
na afo'otti waan badaa waan hojjataniif,
waan na hin gammachiifne waan filataniif
ani adabbii isaanitti fida.
5Isin worri dubbii isaa kabajjitan
dubbii Rabbii dhagayaa'a;
«Worri maqaa kiyyaaf jedhanii isin jibbanii
uf irraa isin fageessan mee gammachuu keessan arginaa
‹Ulfinni Rabbii haa mudhatuu› jedhan
salphinna san ufumaa irratti kufan.
6Raafama qachattii keessatti ta'u caqasaa'a;
laagaa mana woyyuu keessaallee dhagayaa'a!
laagaan kunniin laagaa ani Rabbi diintota kiyyaa
gatii adabbii isaan barbaachisu
hennaa isaanii kennu dhagayamu.»
7Tsiyoon akka dubartii uduu hin ciniinsifatin
dhukkubbiin ciniinsu'uullee uduu hin dhagayamin
ilma deetteeti.
8Waan akkanaa kana eentu argee dhagayee beeka?
dhugamaan biyyi takka guyyaa tokkoon ciniinsifattii?
mo'o guyyaa tokkoon baniin marti dhalata?
Tsiyoon garuu akkuma ciniinsifatteen ilma deette.
9Rabbi Waandhi keessan akkana jedha,
«Ani Dubartii akka deettu hennaa dawumsa isi'iitiin gaye
akka isiin hin deenne godhaa?
dubartii ani akka ulfooftu taasise
gadaamessa isi'ii cufaa?
10Worri isii jaalattan maruu Yerusaalemiin woliin gammadaa'a!
waan isi'iitiif burraaqaa'a!
worri waan isi'iitiif boottan maruu gammadaa'a!
11Wonti waan kana gootaniif
harma isi'ii ka nama jabeessu hootanii akka quuftan,
qoma isi'iitii aannan guddaa dhuddanii akka gammaddaniif.»
12Rabbi akkana jedha,
«Qabeenna isi'ii akka bisaan lagaa baay'isa,
qabeenna bani'iillee akka burqaa lagaa taasisa;
harka isi'ii keessatti ammatamtanii hootan,
gudeeda ufii irra isin kaayattee isin kunuunsiti.
13Akkuma haati finna ufii jajjabeessitu isin jajjabeessa,
Yerusaalemiinillee hin jajjabaattan.
14Hennaa wonti kunniin raawwatamu yoo argitan
hin burraaxxan;
nafti keessan akka margaatitti lalisa;
hunni Rabbii tajaajiltoota isaa woliin;
aariin isaa garuu
worra isa jibban irra akka ta'u hin beekkama.»
15Rabbi lola ufii jaba'aan haluu bayu'uu fi
arraba ibiddaa ka bobawuun
lolu'uuf ibiddaan dhufa;
konkolaataan isaa akka bubbe'eeti.
16Rabbi nama marattuu ibiddaa fi
guraade'een murteessa;
akkasuma namoota hedduu du'aan adaba.
17Rabbi akkana jedha,
«Worri foon booyye'eetii fi ka hantuutaa,
akkasuma namoota waan hamaa battii nyaatan keessaa
tokko faanaa deema'aa
gara hulee biqiltuu itti dhaabanii deemu'uuf
uf fooyaniitii fi adda uf baasan maruu hin badan.
18Ani hujii isaaniitii fi yaada isaanii waan beekuuf
banii afaan gara garaa dubbatan maraa wolitti qaba;
isaanillee dhufanii ulfinna kiyya argan.
19Ani isaan jiddu'utti malkata godha;
worra du'a irraa hafan keessaa
ani gara worra waan kiyya hin dhageennee,
gara worra ulfinna kiyya hin arginee,
gara banii gara garaa,
gara Tarsesii, gara worra Libaawotaa,
gara worra buundhee darbanii,
gara worra Liidaawotaa,
gara worra Tuubaalii,
gara biyya Girikiitii fi
gara lafa fagoo bisaaniin marfamtee isaan erga.
20Isaan obboleewwan keessan maraa
gara gaara woyyicha kiyya ka Yerusaalemitti argamuu
farado'oon,
konkolaataa fardaatiin,
gaarii fardaatiin,
gaangiinii fi
gaallanitti fe'anii biyya gara garaatii
akka kenna'aa godhanii
Rabbii isin fidan;
worri Israa'elii ka isin fidan
kennaa midhaanii haalaan meeshaa qulqullu'utti
akka mana woyyicha kiyya
ka ana Rabbii ta'uu godhanii fidan,
ka waan kana dubbate ana Rabbi.
21Ani isaan keessaa gari garii gadootaa fi
Leewwota ta'anii akka na tajaajilan godha.
22Samiiwwanii fi
ardiin ani uumu akkuma anaan jabaatanii jiraatan
akkasuma fiixaanii fi
maqaan keessan anaan jabaatee jiraata.
23Ayyaana jalqaba ji'aatii jalqabee
haga jalqaba ayyaana ji'a kaaniitii fi
sambataa haga sambataa baniin maruu
qachattii Yerusaalemii haarawa keessatti
naa sagadu'uuf dhufan;
ka waan kana dubbate ana Rabbi.
24«Isaan hennaa bayanii deeman
reeffa namoota na irratti ka'anii du'anii argan;
raammoon isaan nyaatu hin du'u,
ibiddi isaan gubu hin dhaamu,
fiixaan nama isaan laaluu maruu isaan jibba.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.