1Daawiti akka Filisxeemonni namoota Qi'ila'aatiin lolanii oobdii keessaa midhaan akka jalaa saaman dhagaye;
2Kanaaf Daawiti «Deemee Filisxeemota kanaan loluu?» jedhee Rabbiin gaafate. Rabbillee Daawitiin «Deemii Filisxeemiin lolii qachaa Qi'ila'aa harkaa baasi» jedhe.
3Garuu namoonni Daawitiin faana deeman, «Nu Yihuudaa keessa taa'uu hin sodaanna; attamitti loltoota Filisxeemiitiin lolu'uuf gara Qi'ila'aa dhaquu dandeenna?» jedhaniin.
4Sababaa kanaaf Daawiti «Ammallee Rabbiin na hofolchi» jedhee gaafate; Rabbillee «Ani Filisxeemiin harka kee jala galchaa ka'iitii gara qachaa Qi'ila'aa gad bu'ii balaa itti buusi» jedheen.
5Kanaafuu Daawitii fi worri isa faana deeman ka'anii Qi'ilaa dhaqanii Filisxeemotatti balaa buusan; isaan keessaa namoota baay'ee ajjeesanii horii isaanii booji'anii harkaa fudhatan; akka kanaan Daawiti qachattii Qi'ila'aa badii jalaa baase.
6Abiyaatar ilmi Abemelekii hennaa gara Qi'ila'aa dheessee gara Daawitii dhaqu Efuudii harkaa qaba.
7Saa'ol akka hennaa Daawiti gara qachaa Q'ila'aa dhaqe haga dhagaye «Qachaa balbala, loosa'aa fi cufaa qabu keessa waan seeneef Rabbi dabarsee isa naa kenneera» jedhe.
8Saa'ol qachaa Qi'ila'aa dhaqee Daawitii fi namoota isa faanaa deeman marsee qabu'uuf loltoota ajaje.
9Daawiti akka Saa'ol isa irratti balaa buusu'uuf ta'u haga beeke gadicha Abiyaatariin «Efuudii san as fidi» jedhe.
10Kanaan maayessa Daawiti, «Waaqa Israa'elii Rabbii kiyya! Saa'ol gara qachaa Qi'ila'aa dhufuu kiyyaaf qachattii balleessuu barbaada; ani dhugamaan garbichi kee kana dhagayeera jedhe.
11Yoo Saa'ol dhufe worri qachaa Qi'ila'aa dabarsanii na kennanii? akkuma ani garbichi kee dhagaye kana dhugama Saa'ol garana dhufu'uuf ta'aa? Waaqa Israa'elii Rabbii kiyya! deebii akka naa deebiftu si kadhadha!» jedhe.
Rabbillee «Ee! Saa'ol dhugamaan hin dhufa» jedhee deebiseef.
12Daawiti, «Worri qachaa Qi'ila'aa naa fi worra na woliin jiran dabarsanii Saa'olitti nu kennanii? jedhee gaafate;
Rabbillee, «Ee dhugamaan dabarsanii isin kennan» jedhee deebiseef.
13Sababaa kanaaf Daawitii fi namoonni haga dhibba jahaa gayan maruu qachaa Qi'ila'aatii bayanii deemu'uuf yaa'an; Saa'ol akka Daawiti qachaa Qi'ila'aa keessaa bayee dheesse dhagayee achi dhaquu hafe.
Akkaataa Daawiti Biyya Tulluuwwanii Keessa Itti Jiraate14Daawiti waan irra taa'anii waa eegan lafa gammoojji'ii keessaa biyya tulluuwwanii ka Zeefii keessa taa'e, Saa'ol guyyaa maraa Daawitiin soqa'aa ture; Rabbi garuu dabarsee harka isaatitti isa hin kennine.
15Daawiti gaara gammoojji'ii keessa uduu jiru Saa'ol isa ajjeessu'uuf akka dhufa'aaru arge; Daawiti goda gammoojjii Zeefii bira jiru keessa jira.
16Yoonaataan ilmi Saa'olii gara gammoojjii Daawiti jiruu dhaqee Rabbi akka isa jabeesse itti himee,
17«Saa'ol abbaan kiyya si hin miidhu mootii taatee ani ammo itti aanaa kee ta'ee bulchita jedhee abbaan kiyya kana beekeeraa hin sodaatin» jedhee jajjabeesseen.
18Isaan lachuu waadaa wolii galanii Yoonaataan gara mana ufii deebi'e; Daawiti ammo bosonumatti hafe.
19Namoonni Zeefiin jiraatan Saa'oliin bira dhaqanii, «Daawiti lafa gammoojji'ii bosona keessa hulee Ekelaa jedhamtu ta gammoojjii gara kibbaatitti argamtuutitti dhokateeraa mii?Far. 54
20Mootii kenna; ati hennaa feete koottu! nu isa sitti kenninaa» jedhaniin.
21Saa'olillee akkana jedhee isaanii deebise, «Waan anaaf yaaddaniif Rabbi isin haa eebbisu!
22Ammallee dhaqa'aa laalaa'a inni guddisee akka qaroo ta'e namni natti himeeraa mee ka achi jiruu kaan hubadhaa'a.
23Hulee inni itti dhokatu maraa laala'aa deebi'aa natti himaa'a; anillee isin woliin dhaqee inni biyya san yoo jiraate dhaqee biyya Yihuuda'aa maraa keessa isa soqaa.»
24Sababa kanaaf uduu Saa'ol hin deemne ka'anii gara Zeefii dhaqanii Daawitii fi namoonni isa woliin jiran ammo Maa'on biyya gammoojji'ii keessaa hulee Arabaayi jedhamtu ta gammoojjii gara kibbaatiin jirtu jiran.
25Saa'olii fi loltoonni isaa Daawitiin ari'uuf bayanii deeman; Daawitillee waan kana beekee gara dhagaa Maa'on ka lafa gammoojji'ii keessa jiruutitti dhokate; Saa'ol hulee inni jiru dhagayee isa soqaa gara Maa'onii dhaqe.
26Saa'olii fi loltoonni isaa holqa gara tokkoon, Daawitii fi loltoonni Daawiti ammo gara biraatiin jalaa bawu'uuf Saa'olii fi loltoonni isaa Daawitiin qabu'uuf uduu itti dhiyaatanii jiran,
27Namni tokko ergamee gara Saa'olii dhufee, «Worri Filisxeemii biyya keessa waan yaa'eef dafii koottu» jedheen.
28Hagasitti Saa'ol Daawitiin ari'uu dhiisee Filisxeemiin lolu'uuf deeme; kanaaf maqaan hulee sanii «Dhagaa jalatti dhokatan» jedhame.
29Daawiti hulee sanii ka'ee gara hulee Ayingaadiin jedhamtuu dhaqe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.