1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2«Ijoolleen Israa'elii akka kennaa naa dhiyeessan isaanitti himi; kennaa waanuma inni onnee ufii keessatti kennuu fedhe irraa fuudhaa'a.
3Kennaan isin isaan irraa fuutan kanniin; Worqii'i, birrii'i, sibiila diimaa'a,
4uffata jirbii bifa bule'ee, diimaa, uffata jirbii irraa hojjatame, uffata rifeensa re'e'ee irraa hojjatame,
5gogaa korbeessa hoola'aa ka sukkuumamee halluu diima'atti cuuphame, muka ajo'oo,
6sayitii ibsa'aaf ta'u, dhadhaa ejersaa, hixaana, urgooftuu gara garaa ka urgaawu,
7maraagidii, faaya kiisii qomaa irratti godhatan irraa fuuta;
8akka ani isaan wodhakkaa jiraadhu mana woyyuu naa haa ijaaranii;
9akka ani sitti mudhiseetitti akka fakkeenna mana bulti'ii, akka fakkeenna meeshaan ani sitti mudhisee maratti akkasuma hojjadhaa'a.
Saanduuqa waada'aa(Ser. Ba'u. 37:1-9)10«Muka ajo'oo irraa saanduuqa waada'aa haa hojjatanii; dheerinni isaa ciqilee lamaa fi wodhakkaa, dalgi ciqilee tokkoo fi wodhakkaa, ol dheerinni ciqilee tokkoo fi wodhakkaa haa ta'uu.
11keessaa fi gubbaa isaa worqii misha'aan uwwis; naannaya isaa worqi'iin goodi.
12Qubee worqi'ii afur godhiif; isaanillee luka isaa arfan irratti godhiif; luka lamaan gama tokkootitti worqii lama, gara kaaniinillee worqii lama haa ta'uu.
13Muka saanduuqa waada'aa baadhataniinillee muka ajo'oo irraa haa hojjatanii; worqi'iin haa uwwisanii;
14loosaa saanduuqa waada'aa gara arfaniinuu keessa galchi.
15Loosaa qubee saanduuqaa keessaa sirima akka hin baafne.
16Saanduuqa keessa ragaa ani sii kennu keessa kaayi.
17«Worqii mishaa irraa dheerinna ciqilee lamaa fi wodhakkaa, dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakkaa, qadaada araaraa hojjadhu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.