Kitaaba Iyyoobii 21 - Kitaaba Woyyuu

Deebii Iyyoobii

1Iyyoobillee akkana jedhee deebise,

2«Dhagayaa'a! jecha kiyya dhagayaa'a!

kun jajjabeenna isin naa kennitan haa ta'uu.

3Akka dubbadhu na dhiisaa'a.

haga ani dubbadheen maayessa baldaa'a.

4«Ani dhugamaan komii kiyyaa namatti himadhaa?

obsa fixachuun kiyya maal nama maalalchiisa?

5Gara kiyya laala'aa maalalfadhaa'a;

harka keessan afaan irra kaayadhaa'a.

6Ani yoo waan kana dhudhumu na naasisa;

nafti kiyyallee soda'aan hollata.

7«Cubbamtoonni maaf lubbu'uun jiraatan?

maaf gayanii jaaran?

maaf jajjabaata'aa deeman?

8Ijoolle'ee fi fiixaan ijoollee isaanii guddatanii

qanani'anii isaan afoo jiraata'aaran

9Manni isaanii amanamee sodaa tokko malee jiraata;

uleen Rabbii isaan irra gayee hin beeku.

10Loon isaanii rakkoo tokko malee horan;

sa'ooleen isaaniillee hin dhalan malee gara'aa hin gatan.

11Ijoollee ufii akka tika hoolotaatitti yaasan.

daa'imman isaaniillee hin burraaqan.

12Dibbe'ee fi masiinqoo qabatanii faarfatan.

xurumbaa afuufa'aa gammadan.

13Umurii ufii qanani'iin fixan.

dimmaa gara ibidda asaabaa bu'an.

14«Rabbiin ‹nu karaa kee beekuu hin feenuu,

nu irraa fagaadhu› jedhaniin.

15‹Akka isa Waaqeffannu Waandhi maraa danda'u eennu?

yookaan isa yoo kadhanne maal nu fayyada?› jedhan.

16Kunoo qabeenni harkuma isaanii keessa jiraamii?

gorsi worra cubbama'aa na irraa fago'o;

ani marii worra hammeeyyi'ii hin fudhadhu.

17«Ibsaan namoota hammeeyyi'ii dhaamee beekaa?

balaan hoo isaan irratti bu'ee beekaa?

Rabbi lola ufiitiin isaan adabee beekaa?

18Qilleensa afo'otti akka bura'aa;

akka daaraa bubbeen fudhatee lixuu hennaa meeqa ta'an?

19«Isin ‹Rabbi yakka abbootaatiif ijoollee adaba› jettan.

amma mee Rabbi cubbamtoota matama isaaniituu haa adabuu;

yoo kana ta'e yakkamtoota ta'uu ufii hin beekan.

20Cubbamtoonni yakkuma ufii hojjataniin adabbii ufii haa fudhatanii;

Waandhi maraa danda'u lola ufiitiin isaan haa dhayu.

21Namni haga du'een maayessa;

ijoollee ufiitii maal godhuu danda'a?

22Rabbii worra uf jajanitti murteessu,

dhugamaan namni beekkumsa isa barsiisaa?

23«Namoonni tokko tokko haga dhuma jireenna isaanii

uduu rakkoon tokko isaan irra hin geenne hunnaa fi fayyaa uduu qaban;

24Nafti isaanii uduu furdatee bareedu;

lafee isaanii keessallee uduu dhunni jiru du'an.

25Gariin garuu jireenna hadhaayaa keessaa uduu hin baane;

waan mishaallee uduu hin arganne du'an.

26Maruu du'anii awwaalamanii biyyee ta'an;

raammoon isaanitti nam'a.

27«Yaada keessan;

marii hamaa isin natti mari'attanillee beekeera.

28Isin, ‹Manni nama gudda'aa sun eessa jira?

manni nama hama'aa sun hoo garam?› jettan.

29Araata karaa deemu hin gaafannee?

ragaa isaan dubbatan hoo hin fudhattanii?

30Worri hammeeyyiin sunniin ‹hennaa balaan dhufu miidhaan isaan irra hin gawu;

lolli Rabbii hennaa dhufe jalaa bayan› jedha'aa dubbataniiran.

31Nama hamaa waan amala badaa isaatiif ka isaan lolu eennu?

hujii badaa isaatiif hoo ka isa adabu eennu?

32Hennaa du'e reeffa isaa awwaalu'uuf deemaniin.

awwaalli isaallee hin eeggama.

33Biyyeen dhooqa keessa jiru itti mi'aaya.

namoonni maruu isa faanaa deeman.

baniin gudda'atu isa afoo deema.

34«Eeganaa isin dubbii duwwa'aan

na jajjabeessu'uuf maaf badaddan?

deebiin isin naa deebiftan maruu soba.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help