1Namni isa maraa oliititti irkatee jiraatu;
gaaddisa Waaqa maraa danda'uu jala jiraata.
2Rabbiin, «Irkoo kiyya; maandhee kiyya; Waaqa kiyya ka abdadhu» jedhaan.
3Inni siiboo dhadhooltu'uu jalaa;
ciisa dhukkuba rakkisaa jalaa
waan si oolchuuf.
4Koola ufiitiin si golga;
bobaa ufii jalatti si dhoffata;
amanamummaan isaa wonte'ee fi
ka waa si irraa ittisu sii ta'a.
5Waan halkan nama naasisu;
eboo guyya'aan darbatamullee hin sodaattu.
6Dhibee hamaa halkanii;
balaan guyya'aan nama balleessullee si hin sodaachisu.
7Si biratti kumni;
mirga keetitti kuma kudhantu kufa;
si bira ammo hin gayan.
8Ija tee calla'aan laalta;
hennaa worri waan hamaa hojjatan adabaman
hin argita.
9Rabbiin hulee ati itti dhokattu;
Waaqa maraa olii waan irkoo godhatteef,
10Wonti hamaan si hin argatu;
balaan mana kee hin seenu.
11Akka isaan karaa kee irratti si eegan,
maleekkota ufii waan sii ajajuuf.
12Miilli kee akka dhaga'atti hin buune;
isaan harka ufiitiin si irkisan.
13Yayyi'ii fi bofa irra ijjatta;
leencaa fi jawweellee irra deemta.
14«Waan na jaalateef hin oolchaan;
maqaa kiyya waan beekeef isa golga.
15Inni na waamata, anillee isaa deebisa,
hennaa rakkinna isaallee isa woliin ta'a,
isa oolcha, hin kabajjaan.
16umurii dheeraa isaa kenna;
fayyisuu kiyyallee isatti mudhisa» jedha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.