Raajii Ermiyaasii 26 - Kitaaba Woyyuu

Ermiyaas Murti'iif Dhiyaate

1-2Akkuma Iyyo'aaqeem ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooyeen Rabbi akkana naan jedhe, «Ati balbala baya mana woyyu'uu dhaabadhuutii banii qachoota Yihuuda'aa maraa keessaa sagadu'uuf dhufanitti waan ani si ajaje maraa uduu waan tokkollee hin hambifne isaanitti himi.

7Gadoonni, raattonninii fi baniin maruu hennaa ani dubbii kana mana woyyuu keessatti dubbadhu na dhagayaniiran.

8Waan Rabbi akka dubbadhu na ajaje maraa dubbadhee akkuma fixeen dimmaa na qabanii «Du'uu si barbaachisa!» jedha'aa iyyan.

9«Wonti ‹ati manni woyyuun kun akkuma Sheelo'oo ta'a» jettee maqaa Rabbiitiin raaga dubbatteef maali'i? akkasuma, ‹Qachattiin tun hin baddi; ka isii keessa jiraatullee hin argamu› jetteef maali'i?» jedhanii gaafatan; achiin maayessa baniin mana woyyuu keessatti wol gayanii na marsan.

10Bulchoonni Yihuuda'aa waan ta'e kana maraa haga dhagayan mana mootumma'aatii bayanii gara mana woyyu'uu dhaqanii dallawa balbala mana woyyu'uu haarawa biratti bakka qabatan.

11Gadoonninii fi raattonni bulchootaa fi bani'iin, «waan namni kun dubbate maraa isinuu dhageettaniirtan inni qachaa tana keessatti dubbii raagaa hamaa waan dubbateef du'uu isa barbaachisa» jedhan.

12Ani Ermiyaas bulchootaa fi banii maraanuu akkana jedhe, «Dubbii qachaa tanaa fi mana woyyuu kana keessatti dhageettan akka labsuuf ka na ajaje Rabbi.

13Isin ammallee haala jireennaatii fi haala hujii keessanii jijjiirtanii Rabbii Waaqa keessanii ajajamuu isin barbaachisa; yoo kana gootan inni balaa isinitti fidu'uuf karoorfate hin dhiisa.

14Wonti kun yaada kiyya yoo ta'e ani harkuma keessan jira; waan qajeela'aa fi sirrii ta'ee isinitti mudhate maraa na irratti godhaa'a.

15Isin garuu waan tokko callaa xiinxallitanii hubatuu isin barbaachisa yoo amma isin na ajjeeftan isinii fi baniin qachattii tana keessa jiraatan maruu waan nama balleessaa hin qabne ajjeeftaniif yakkamtoota taatan akka isin akeekkachiisuuf ka na erge dhugamaan Rabbi.»

16Kanaan maayessa bulchoonninii fi baniin, «Namni kun maqaa Rabbii Waaqa keennaatiin waan nutti himeef du'uu isa hin barbaachisu» jedhanii gadootaa fi raattotatti dubbatan.

17Kanatti aansanii jaarsota keessaa namoonni gariin banii achitti wol gayanitti akkana jedhanii dubbatan,

18«Bara Hisqiyaas mootii Yihuuda'aa ture; raattichi Mikkiyaas namni biyya Mooreeshii dubbii raagaa ka Waandhi banii maraa dubbate bani'itti;

‹Tsiyoon akka lafa qonnaatitti qotamti;

Yerusaalem akka tuulaa waan diiggamee taati;

tulluun manni woyyuun itti ijaarame doba'atu itti marga› jedhee labsee ture.

19Eeganaa mootiin Hisqiyaasii fi baniin Yihuuda'aa akka Mikkiyaas du'u taasisanii? wa'a! waan kana caalaa Hisqiyaas Rabbiin sodaata'aa akka inni isaa araaramu worwaate; Rabbi balaa isatti fidu'uuf karoorfate hin dhiise; nu garuu balaa guddisee nama hucuucu ufitti fidu'uuf qophoofneerra.»

20Nama Uuriyoo ilma Shamaaya'aa jedhamu ka biyya Qiriyaati'aarimiin keessa jiraatu tokkotu ture; namni kun akkuma Ermiyaas qachattii tanaa fi biyyattii tana irratti bala'atu dhufa jedhee maqaa Rabbiitiin dubbate innillee raaga dubbatee ture.

21Mootiin Iyyo'aaqeemii fi ajajaan ajajoota loltootaa akkasuma ajajoonni loltootaa waan Uuriyoon dubbate haga dhagayan mootichi Uuriyoo ajjeesu'uuf sondhaan Uuriyoon garuu haga waan kana dhagaye guddisee sodaatee gara biyya Misirii dheessee jalaa baye.

22Mootiin Iyyo'aaqeem garuu Eelnaataanii ilma Akibooriitii fi namoonni biraallee gara biyya Misirii dhaqanii akka Uuriyoo fidan ajaje.

23Isaan Uuriyoo qabanii mootii Iyyo'aaqeemiin bira fidan; mootichi akka Uuriyoo ajjeesanii awwaala bani'ii keessatti gatan ajaje.

24Ana garuu Ahiqaam ilmi Saafaanii waan na irraa dhoogga'aa tureef akka na ajjeesaniif bani'itti dabarsanii na hin kennine.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help