Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 7 - Kitaaba Woyyuu

1Namoonni Qiriyaatiyi'aarimii saanduuqa waadaa Rabbii fuudhanii mana Aminaadaabii ka tulluu gubbaa jiru kaayan; saanduuqa waadaa Rabbii akka eegu ilma isaa Alaazariin adda baasan.Saamu'eel Bulchaa Banii Israa'elii Ta'e

2Saanduundhi waadaa Rabbii hennaa dheera'aaf Qiriyaata'aarimiin keessa jiraate; kun haga woggaa diddamaa ta'e; hennaa san worri Israa'elii guddisanii Rabbitti booyan.

3Saamu'eel worra Israa'elii maraanuu, «Yoo onnee teessan guutu'uun gara Rabbii deebitan waaqolee tolfama'aa fi waaqolee tolfamaa astaaroot jedhaman uf keessaa balleessaa'a; qalbii guutu'uun gara Rabbii deebi'aa'a; isuma callaa waaqeffadhaa'a; inni harka worra Filisxeemii jalaa isin baasaa» isaaniin jedhe.

4Kanaaf Ijoolleen Israa'elii ba'aaliimii fi astaarootiin uf keessaa balleessanii Rabbiin callaa waaqeffatan.

5Kanaan maayessa Saamu'eel worra Israa'elii maraan «Mitsipha'atti wol gayaa'a; ani waan keessaniif Rabbiin kadhadhaa» jedhe.

6Isaanillee tokko ta'anii Mitsipha'atti wol gayanii bisaan woraabanii Rabbiin afo'otti jissanii soomanii guyyaa san «Rabbiin yakkineerra» jedhan; Saamu'eel Mitsipha'atti worra Israa'eliitii murtii kenna'aa ture.

7Worri Filisxeemii akka worri Israa'elii Mitsipha'atti wol gayan haga dhagayan, bulchoonni worra Filisxeemii Israa'elitti duulan; worri Israa'elii kana dhagayanii worra Filisxeemii sodaatan.

8Worri Israa'elii Saamu'eeliin, «Worra Filisxeemii jalaa akka nu oolchu Rabbii Waaqa keenna nuu kadhachuu hin dadhabin» jedhaniin.

9Saamu'eel korbeessa hoola'aa tokko ka haadha hodhu fuudhee ciincaa ciincessee Rabbii dhiyeessee waan worra Israa'eliitiif gara Rabbii iyye; Rabbillee hin dhagayeef.

10Saamu'eel akkuma ciincaa dhiyeesseen worri Filisxeemii worri dhufan gaafa san Rabbi worra Filisxeemiititti gigissaa gigissee isaan naasisee worra Israa'elii jalatti mooyataman.

11Namoonni Israa'elii Mitsipha'aa bayanii worra Filisxeemii ari'anii haga Beetikaarii gadiititti dhaqanii dhayan.

12Saamu'eel dhagaa tokko fuudhee Mitsipha'aa fi Sheeniin jiddu'utti dhaabee maqaa isaa haga adhaa Rabbi nu gargaareera jedhee Abeneezeer jedhee moggaase.

13Worri Filisxeemii salphatee lammata gara daangaa Israa'elii hin baane bara umurii Saamu'eel jiru maraa harki Rabbii worra Israa'elii woliin waan turteef worri Filisxeemii deebi'anii worra Israa'eliititti hin dhiyaanne.

14Lafti worra Israa'elii Asqaloona'aa haga Geetii qachaa worri Filisxeemii isaan irraa fudhate worra Israa'eliitii deebite; daangaan Israa'elii harka worra Filisxeemii jalaa hin baate hennaa san Israa'elii fi worra Amoorotaa jidduu nagayatu ture.

15Saamu'eel bara ufii jiraate maraa worra Israa'elii bulche;

16wogga wogga'aan Beeteelii gara Gelgela'aa; Gelgela'aa gara Mitsipha'aa deddeebi'aa ture; hulee kanniin marattuu banii Israa'eliitii murtii kenna ture.

17Manni Isaallee achuma waan tureef Raama'aa deddeebi'aa ture; achitti worra Israa'eliitii murtii kenna'aa ture; achumatti Rabbiif hulee ciinca'aa hojjate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help