Kitaaba Faaru'uu 13 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Gargaarsa Rabbii Ittiin KadhatanFaaruu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatitti kenname

1Yaa Rabbi,

haga yoomii na irraanfatta?

haga bara baraa na irraanfattaa?

haga yoomii na jalaa dhokatta?

2Haga yoomii yaada kiyya woliin tamaaggadha?

haga yoomii halkanii fi guyyaa garaan kiyya gadda?

haga yoomii diintonni tiyya na irratti mooyan?

3Yaa Rabbi; Waaqa kiyya!

laali; na dhagayille'e;

mugee akka hirriba du'aa hin rafne

ija tiyya naa bani.

4Diintonni tiyya «Mooyanneerra» jedhanii akka uf hin janye,

nyaaphni kiyya kufiinsa kiyyatti akka gammadan hin taasisin.

5Ani arjummaa keetii fi jaalala kee abdadha;

garaan kiyya fayyisuu keetitti hin gammada.

6Rabbii na gargaare hin galatoonfadha;

maqaa Rabbii maraa oliitii hin faarfadha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help