Raajii Hisqeelii 44 - Kitaaba Woyyuu

Tajaajila Balbala Dallawa Gara Baya Biiftu'uu

1Namichi sun gara balbala mana woyyu'uu ka gara baya biiftu'uutitti argamuu na fide; balballi cufameera.

2Rabbi akkana naan jedhe, «Balballi kun akkuma cufametti hafa malee sirima hin banamu; ani Rabbi Waandhi Israa'elii waan balbala kanatti fayyadamuu hin danda'u; kanaaf akkuma cufametti taa'a.

3Kun maruu ta'ee bulchaan bani'ii xoroshoo ciinca'aa ka woyyoome nyaachu'uuf achi taa'uu hin danda'a; karaa ittiin wol bira lufan ka qaccee seensa kutaa gara keessaatiin seenee akka bayu isaa hin eeyyamama.»

Seeraa Fi Ajaja Akkaataa Gara Mana Woyyu'uu Ittiin Seenanii Fi Bayan

4Achiin maayessa namichi sun kolba balbala dallawa gara kaabaatiin mana woyyuu afoo na fide; achi dhaabadhee hennaa laalu manni woyyuun Rabbii ka ulfinnaan guuttameeru arge; ani hennaa san kallachaan lafatti gad kufe.

5Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! waan argituu fi waan dhageettu maraa qalbi'iin hubadhu; ani kunoo seeraa fi ajaja mana woyyu'uu maraa sitti hima; namoonni mana woyyuu keessa akka seenanii fi akka bayan isaanii eeyyamame namoota attamii akka ta'an hubadhu.

6«Worra Israa'elii ka dhibuun akkana jedhi, ‹Isin banii Israa'elii hujii keessan ka hammeennaa maraa balleessaa'a; Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera.

7Isin hennaa coomaa fi dhiiga kennaa nyaataa gootanii naa dhiyeessitan worra naa ajajamuu hin barbaannee fi orma hin gadoomne gara hulee woyyuu kiyya seensiftanii mana woyyuu kiyya batteessitaniirtan; hujii keessan battii maraanuu waadaa kiyya diiddaniirtan.

8Midhaan kiyya woyyuu seeraan naa hin eenne; isin hulee baallii qabdanitti orma eessiftan» isaaniin jedhi.

9Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana naan jedha, «Worri ormaa ka naa ajajamuu hin barbaannee fi worri hin gadoomne maruu yoma ka banii Israa'elii keessa jiraatan ta'ellee gara hulee kiyya woyyuu akka seenan isaanii hin eeyyamamu.»

Worri Leewwotaa Hujii Gadumma'aa Irraa Ari'aman

10Rabbi akkana naan jedhe, «Ani worra Leewwotaa ka banii Israa'elii kaawwan woliin na gananii waaqolee tolfama'aa sagadan hin adaba.

11Isaan akka balbala mana woyyu'uu eegan, ciincaa ciincawuu fi ciincaa namoonni biraa dhiyeessan qalu'uun akkasuma namoota biraa tajaajila'aa akka hojjatan isaanii eeyyamama.

12Garuu isaanuu bulchoota seera waaqeffannaa waaqolee tolfama'aa ta'u'uun banii gara cubbu'uu waan masakkaniif adabamuun akka isaan barbaachisu ani ufiin kakadheera.» jedha Rabbiin maraa olii.

13«Isaan gadumma'aan tajaajilu'uuf gara kiyya hin dhiyaatan; gara kennaa kiyya ka midhaanii ka guddisee woyyoomee hin dhiyaatan; isaan hujii hamaa nama jibbisiisu waan raawwataniif bu'aa hujii sanii ufumaa argatan.

14Kanaafuu isaan hujii gadumma'aatiin uduu hin taane hujii biraa ka mana woyyuu keessaa maraa akka raawwataniif isaan ramada.»

Gadoota Tajaajilaaf Barbaachisan

15Rabbiin maraa olii akkana jedhe, «Baniin Israa'elii kuuwwan ana gananii hennaa na irraa fagaatan worri gadootaa ka fiixaa Saadooqii irraa dhalatan worri gosa Leewwi'ii ka amanamumma'aan jabaatanii mana woyyuu kiyya keessatti na tajaajilan hin jiran; kanaafuu worri na afoo dhaabatanii coomaa fi dhiiga ciinca'aa dhiyeessu'uun na tajaajilan isaan.

16Worri na tajaajilu'uuf gara hulee kiyya woyyu'uutii fi gara waan nyaataa kiyya dhiyaatan isaan; isaan ajaja kiyya hin eegan

17Isaan hennaa balbala dallawaa ka gara keessaatiin mana woyyuu bira geessu seenan uffata gatii gudda'aa ka jirbii irraa hojjatame uffachuu isaan barbaachisa; hennaa mana woyyuu keessatti tajaajilanii fi bayima itti bayan ka keessaatittillee uffata rifeensa hoola'aa irraa hojjatame uffachuu isaan hin barbaachisu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help