1Baniin Israa'elii maruu akkuma maatii ufiitiin galmaayan; seenaan kun akkaatama kitaaba mootota Israa'eliitiin barreeffameera; baniin biyya Yihuuda'aa sababaa cubbuu ufiitiif booji'amanii gara biyya Baabiloonii dhaqan.
2Gadoonni duraa ka gara lafa ufii dacha'an worra Leewwotaa, worra mana woyyuu keessatti hojjatanii fi worra Israa'elii fa'a.
3Worri Yihuuda'aa, ka Biiniyaamii, ka Efreemiitii fi worri gosa Minaase'ee ta'an Yerusaalemiin keessa jiraachu'uuf deeman.His. 2:7; Nah. 7:73
4Worra Yihuuda'aa keessaa worri Yerusaalemiin keessa jiraachu'uuf dhaqan maatii dhibba jahaatii fi sagaltama; fiixaan Faareesii ilmi Yihuuda'aa, ilmi ilma Oomirii ilma Amihuudii Utaayiin garuu bulchaa taasisanii filan; kuuwwan worri fiixaa Faareesii Imirii fi Baaniin fa'a.
5Ilmi Yihuuda'aa hangaftichi fiixaan Sheela'aa Asaaya'a.
6Inni ijoollema ufii woliin bulchaa maatii ufii ture; ilmi Yihuuda'aa Yi'u'eelii fiixaa Zarahii akka inni isaan bulchu taasifatan.
7-8Worra Yerusaalemiin jiraata'aa turan keessaa gofti Biiniyaamii worri deeman;
Hoodawuu ilma Hasanuu,
Maashulaa ilma Hoodawuu, Saaluu ilma Maashulaa,
Yubinaayaa ilma Yirohaamii,
Ilma ilma Mikirii, Eelaa ilma Uuzii,
Raa'u'eeli, Maashulaa ilma Shafaaxiya'aa fa'a.
9Gosa Biini'yaamii keessaa worri Yerusaalemiin keessa jiraachu'uuf deeman wolitti qaba'atti maatii dhibba sagalii fi shantamii jaha; worri asii olitti maqaan isaanii dhayame kunniin maruu bulchoota maatii ufii turan.
Gadoota Yerusaalemiin Keessa Jiraatan10-12Worra gadootaa keessaa
Yoodaahee, Yoo'aariibi, Yaakiin,
bulchaa mana woyyu'uu Akixoobi, Maraayooti, Saadooqi,
Meesulaa, Keliqiyaas, Azaariyaas,
Malkiyaa, Phaaskoor,
Yirohaam, Adaayaa, Imeeri,
Mishilaami, Meesulaam, Yahizeraa, Adi'eelii fi Maasaayi.
13Kunniin maruu hujii mana woyyuu keessatti hojjatamu maraa hojjachu'uuf worra dandeettii qabu turan; baay'inni isaanii namoota kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi jahaatama turan.
Worra Leewwotaa Ka Yerusaalemii Keessa Jiraatan14-16Worri Leewwotaa ka biyya Yerusaalemii keessa jiraata'aa turan;
Shaamayaa ilma Hashuubii,
worra gosa Meraarii,
abboota isaa ka duraa keessaa
Aziriqaabii fi Hashabiyaa fa'a.
Baaqbaqaar, Hereeshi, Galaali,
Maataaniyaa ilma Miika'aa,
abboonni isaanii ta duraa Zikaarii fi Asaafiin fa'a;
Abdiyyu ilmi Shamaya'aa,
abboonni isaanii ta duraa Galaalii fi Yiduutaaniin fa'a;
Baraakiyaan ilmi ilma Aasaa ilma Hilqaana'aa ka ganda bulchiinsa Naaxoofii jala ture keessa jiraata'aa ture fa'a.
Waardiyyoota Mana Woyyuu Yerusaalemii keessa Jiraata'aa Turan17Waardiyyoonni mana woyyuu Yerusaalemii keessa jiraata'aa turan.
Shaaluum, Aquubi, Xeelmoonii fi Ahimaaniin fa'a; bulchaan isaanii Shaaluum.
18Haga hennaa sanii isaan balbala gara baya biiftu'uu ka mootichaa eega'aa turan; isaan tanaan dura balbala dallawa gara worra Leewwotaa seensisuun eega'aa turan.
19Shaaluum ilmi Qoree ilma Abiyaasaafii worra gosa maatii Qore'ee ta'an firtoota ufii woliin akkuma aboonni isaanii ta duraanii hujii Rabbii huja'aa turanitti balbala daasee Rabbi itti waaqeffamu eega'aa tura.
20Dura Finihaasii ilma Alaazariititu bulchaa isaanii ture; Rabbillee isa woliin ture.
21Zakkaariyaas ilmi Meesula'aa balbala daasee wol gayi'ii eega'aa ture.
22Worri hulee balbala seenanii Rabbiin itti waaqeffatan haa eegani'iif filataman namoota dhibba lamaa fi kudha lama; kunniin worra Daawitii fi raattichi Saamu'eel akkaataa gosa isaaniitiin uf jalatti ramadan keessatti laakkayaman.
23Isaanii fi ijoolleen isaanii daasee mana woyyuu Rabbii keessatti waardiyyoota turan.
24Kolba arfaniinuu gara kaabaatiin, gara kibbaatiin, gara baya biiftu'uutii fi gara dhiya adu'uutiinillee, waardiyyootatu eega'aa ture.
25Waardiyyoota kanniin firtoonni isaanii ka gandaa isaanii keessa jiraata'aa turan torbaan torbaaniin kore kore'een dhaqa'aa isaan gargaaruu isaan barbaachisa ture.
26Worra Leewwotaa keessaa bulchoonni afurii ka waardiyyootaa hennaa maraa baallii guutuu isaan irraa qaban akkasuma isaan meeshaa mana woyyuu keessa jiruu fi kutaa maraafuu worra baallii qaban turan.
27Isaan waan mana woyyuu eeganiif ganamaa fi galgalallee worri balbala mana woyyu'uu banu waan isaan ta'eef naannoma san bulan.
Leewwota Kaawwan28Leewwonni kuuwwan meeshaa qulqulluu mana woyyuu keessatti ittiin hojjatan maraa irratti baallii qaban; isaan meeshaa kanniin hennaa huji'ii laakkaya'aa baasan; huji'iin maayessaallee laakkayanii gara mana woyyu'uu deebisan.
29Isaan keessaa gari gariin daadhii woyini'ii, Dhadhaa ejersaa, Hixaanaa fi urgooftuu irrattillee baallii qaban.
30Gosa worra gadootaa keessaallee gari gariin worra urgooftuu gara garaa wolitti qabu irratti baallii qaban.
31Matitiyaan namni gosa Qore'ee ilmi hangafaa ka Shaaluumii waan eelee irratti bilcheessan maraa irratti baallii qaba ture.
32Baniin gosa Qaatii gari gariin xoroshoo guyyaa sambataa mana woyyuu keessatti qopheessan maraa irratti baallii qaban.
33Bulchoonni gosa Leewwotaa gari gariin faarfattoota turan; hujiin isaanii halkanii fi guyyaa waan ta'eef hujii kaawwan hin hojjatan.
34Kunniin maruu bulchoota worra Leewwotaati; isaan akkaatama gosa ufiitiin Yerusaalemiin keessatti bulchoota ta'anii jiraata'aa turan.
Fiixaa Mooticha Saa'oliitii fi Abboota isaa(Sen. 1ffaa 8:29-38)35Yi'i'eel qachaa Gabaa'oonii ijaaree keessa jiraata'aa ture; haati manaa isaa Ma'ikaa jedhamti;
36ilmi isaa ka hangafaa Abdoon jedhama; ijoolleen isaa ta dhiiraa tuuwwan
37Duuri, Qiisi, Ba'aali, Neeri, Naadaabi, Gedoori, Ahiyuu, Zaakuuri, Miqilooti biyya Gabaa'oonii keessa jiraata'aa turan.
38Miqilooti Sami'aa uumate, isaanillee obboleewwan ufii woliin naannoma isaan jiraatan san Yerusaalemiin keessa jiraata'aa turan.
39Neeri Qiisiin uumate, Qiis Saa'oliin uumate; Saa'ol Yoonaataa, Melkisaa, Aminaadaabii fi Asba'aaliin uumate;
40Ilmi Yoonaata'aa Marba'aali. Marba'aali Miikkaa uumate;
41Miikkaanillee ijoollee dhiiraa Piitoon, Meeleek, Taari'aa fi Akaaziin uumate;
42Akaazi Ya'iraa uumate; Ya'iraan Alemeeti, Azmootii fi Zamiriin uumate; Zamirillee Mooxaa uumate.
43Mooxaan Bin'aaniin uumate. Bini'aan Raaffayaa uumate; Raaffayaan Eel'aasaa uumate, Eel'aasaan Eseeliin uumate.
44Eseeli ijoollee jaha qaba; isaan Azriqaam, Bokiruu, Ismaa'el, Sha'aariyaa, Abdiyyuu fi Hanaaniin fa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.