Kitaaba Faaru'uu 10 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Murtii Haqaa Argachu'uuf Faateffatan

1Yaa Rabbi!

maaf akkana fagaattee dhaabatta?

hennaa rakko'oollee maaf dhokatta?

2Namni hamaan nama rakkate boonaan ari'a;

dhara dhayeen haa qabamu.

3Namni hamaan hammeenna ufiitiin dhaadata;

Dondha eebbisa; Waaqallee hin ugga.

4Namni hamaan sababaa boona ufiitiif Rabbiin hin barbaadu;

yaada isaa maraa keessa Waandhi hin jiru.

5Nama hamaa karaan isaa hennaa maraa milkaaya'a;

hin boona, ka seera irraa fagaate;

waan ta'eef diintota ufii irratti hin balda,

6Garaa ufii keessatti, «Hulee kiyyaa ka na sosochoosu

hin jiru,

dhalootaa haga dhalootaa rakkoon na hin argatu» jedha.

7Afaan isaa keessa abaarsa, fakkeessa'aa fi hammeennatu guuteera;

arraba isaa jala garuu dharaa fi sobatu jira.

8Gandiin keessa riphee taa'a;

nama qulqulluu udume'etti ajjeesa;

ija ufii hiyyeeyyii irra taasifata.

9Inni akka leencaa muka keessatti dhokata;

hiyyeeyyii qabu'uuf shula;

isaanillee siibo'oon qabee harkisa.

10Dhayee isaan butucha;

hiyyeessi mataa lafa buusa;

irree isaa jalatti kufa.

11Namni hamaan garaa ufii keessatti,

«Rabbi irraanfateera;

fuula ufii haguuggateera;

sirima hin argu!» jedha.

12Rabbii kiyya ka'i!

Waaqa kiyya! irree kee ol kaasi!

worra gargaarsa hin qabne hin irraanfatin.

13Namni hamaan maaf Rabbitti hamaa dubbata?

maaf garaa ufii keessatti «Rabbi na hin gaafatu» jedha?

14Ati garuu rakkinnaa fi gadda hin argita;

harka keetiin gatii kennu'uuf laalta;

hiyyeessi si irratti uf gata;

ka hiyyeessa gargaaru si'i.

15Irree nama hama'aatii fi ka yakkama'aa cabsi;

hujii harka isaa kenniif;

akka womaa hin argannetti.

16Rabbi baraa haga bara baraa mooti'i;

baniin lafa irraa hin badan.

17Yaa Rabbi! Ati hawwii worra dhiibamanii hin dhageetta;

garaa isaanii hin jajjabeessita;

gurra keellee gara isaanii qabatta.

18Ka biyyee irraa uumame ammaa achi isaan hin rakkifne;

ati nama rakkata'aa fi ka dhiibamee hin falmita.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help