1Jabaa'a! ati maaf hamaa hojjachu'uun uf jajja?
ati ka ija Rabbiitiin tuffatamte;
attamitti hennaa maraa boonta?
2Ati ka soba hujii kiyya jettee qabatte;
arrabni kee akka shiggire'eeti;
3Waan mishaa caalaa hammeenna;
dhugaa dubbachuu caalaa soba jaalatte.
4Ati nama sobu!
jechoota nama miidhu maraa hin jaalatte!
5Rabbi garuu baraa haga bara baraa si cabsa;
si buta; mana kee keessaallee butee si baasa;
lafa jiraattotaa irraallee si buqqisa.
6Balchoonni kana arganii sodaatan;
akkana jedha'aa itti kolfan;
7«Ka Rabbiin irkoo hin godhanne;
garuu ka baay'inna qabeenna ufiitiin boonu;
ka hammeenna ufiitiin jabaate;
namni sun kunooti!»
8Ani garuu mana Rabbii keessatti
akka muka ejersaa ka laliseeti;
baraa haga bara baraa
jaalala Rabbii hedadha.
9Waandhana!
waan gooteef baraa haga bara baraa si galatoonfadha;
maqaan kee waan mishaa ta'eef maqaa kee abdadha;
woyyoota jiddu'utti si galatoonfadha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.