Raajii Ermiyaasii 21 - Kitaaba Woyyuu

Raaga Akka Yerusaalem Mooyatamtu Himame

1Sedeqiyaas mootiin biyya Yihuuda'aa ilma Malkiya'aa Paashuurii fi Sofoniyaasii gadicha ilma Ma'iseya'aa gara kiyya ergee,

2«Mootiin biyya Baabiloonii Nabukadanatsoor loltoota ufii woliin qachatti'iin lolu'uuf marseera; kanaafuu maal laataa gargaarsa ufiitiin nu woliin ta'ee hujii ufii ka maalale'ee mudhisa'aa yoo ka Nabukadanatsooriin nu irraa deebisuu Rabbiin nuu gaafadhu» jedhanii akka na gaafatan godhe.

3Hennaa san Rabbi dubbii ufii waan natti himeef namoota ergamanii gara kiyya dhufaniin akkana jedhe,

4«Rabbi Waandhi Israa'elii akkana siin jedha, ‹Sedeqiyaas! ani meeshaa ati moototaa fi worra Baabiloonii ka dallawa duubaan si marsaniin woraantu meeshaan sun deebi'ee akka si miidhu godha; meeshaa lolaa sanillee akka qachattii keessatti tuulamu taasisa.

5Ani ufumaa lola kiyya ka akka ibiddaa bobawuun, adabbii gudda'aan, hunnaa fi baallii kiyyaan si woraana.

6Ani worra qachaa tana keessa jiraatan maraa dhayee namootaa fi horiillee wolumaan fixa.

7Ani si'ii fi bulchoota woraanaa ka balaa irraa hafan, worra lolaa fi banii beela irraa hafan maraa akka mooticha Nabukadanatsoorii fi diintota si ajjeesu'uuf barbaadaniin booji'amtan godha; inni araara yookaan garaa laafee nama tokkollee sii hin dhiisu; ka waan kana dubbate ana Rabbi jedha› jedha'aatii Sedeqiyaasitti himaa'a» jedhe.

8Kanaan maayessa Rabbi akka bani'itti himu akkana jedhee na ajaje, «Isin na dhagayaa'a! ani Rabbi karaa gara jireennaa fiduu fi karaa gara du'aa nama geessu isin afoo kaayeeraa, lamaan keessaa tokko filadhaa'a;

9Worri qachattii tana keessatti hafan maruu lolaan, yookaan beelaan yookaan dhibee hama'aan du'an; namni worra Baabiloonii ka amma qachattii tana marsaniiranii dhaqee harka kennate garuu hin du'u; yoo wonti biraa hafe lubbuu ufii hin oolfata.

10Ani akka qachaan tun baddu murteesseera; sirima isi'ii hin araaramu; mootii biyya Baabilooniititti dabarsee isii kenna; inni ibiddaan isii guba; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

Murtii Maatii Mootii Yihuuda'aatitti Kenname

11Dubbiin Rabbi worra fiixaa Daawitii maatii mootota Yihuuda'aatitti akka himu na ajaje kana; «Waan ani Rabbi isinitti himu dhagayaa'a; guyyaa maraa akka handhi yookaan handhi hin banne godhaa'a; namni tokko nama biraa saamee akka dhara irratti hin hojjanne eegaa'a;

12yoo waan kana godhuu baattan garuu sababaa isin waan hamaa hojjattaniif lolli kiyya akka ibiddaa bobaya; ka dhaamsuu danda'u hin jiru.

13Ati Yerusaalem! akkuma dhagaa raasaa keessatti argamuutitti dhooqaa olitti ol jettee mudhatta; garuu ani siin lola; ati garuu waan namni tokkollee si ugguu fi ka kushee kee cabsee seenu waan jiru hin seetu.

14Garuu ani waan ati goote maraaf si adaba; manni mootumma'aa keellee akka ibiddaan gubatu godha; ibiddi sun waan naannaya sanitti argamu maraa gubee balleessa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help