Gara Worra Galaatiya'aa 2 - Kitaaba Woyyuu

Ergamaa Ta'uun Phaawuloosii Ergamtoota Biraa Biratti Beekkame

1 haa himu'uuf yaboo itti kenne, anillee worra hin gadoominiif Dubbii Nagayaa akka himu yaboon akka natti kenname beekaniiran.

8Waandhi Pheexroos worra hin gadoomneef ergamaa ta'ee akka hojjatu godhe sun, anillee ergamaa worra Yihuudii hin taanee ta'ee akka hojjadhu na taasiseera.

9Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammo gara worra Yihuudotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.

10Hu. Er. 11:29-30; Qor. 1ffaa 16:1; Qor. 2ffaa 8:9 Isaan hiyyeeyyii calla'aaf akka yaannu nu kadhatan; kunillee ammo waanuma ani jabaadhee godha'aa ture.

Phaawuloos Anxookiya'atti Pheexroosiin Morme

11Haa ta'uu ammo Keefaan gara Anxookiya'aa hennaa dhufe, wonti inni hojjate waan isatti murteessuf dogoggora isaatiif ani addaataa isa morme.

12Hu. Er. 10:13-16; 11:3 Namoonni gariin Yaaqoobiin bira uduu hin dhufiniin dura, inni worra Yihuudota hin taane woliin nyaata'aa waan tureef, hennaa dhufan ammo gosa gadooman san sodaatee uf duubatti sissiiqa'aa isaan biraa fooyame.

13Worri Yihuudota hin taane kuuwwanillee uf tuuluu isaatiin wol ta'an.

14Haa ta'uu ammo akka dhugaa Dubbii Nagayaatitti akka isaan qajeellumma'aan hin deemne hennaa arge, maraa afo'otti Keefa'aan, «Ati nama Yihuudi'ii taatee, akka nama Yihuudii hin taaneetitti eega jiraatte, attamiin worra Yihuudii hin taane akka Yihuudotaatitti akka jiraataniif isaan giddisiifta?» jedheen.

Namni Amanti'iin Fayya

15 Qor. 2ffaa 11:22 Nu dhalootaan Yihuudota; worra cubbamtoota Yihuudii hin taane sanii miti.

163:11; Hu. Er. 15:10-11; Rom. 3:20,22,28; 4:5; 11:6; Efe. 2:8 Haa ta'uu ammo, namni Yesuus Kiristoositti amanu'uun akka qajeeluuf malee, hujii seeraatiin akka hin taane beennee ka foon uffate maruu hujii seeraatiin waan qajeelaa hin taaneef nu mataan keennaa hujii seeraatiin uduu hin ta'in Yesuus Kiristoositti amanu'uun qajeellummaa arganneerra.

17Haa ta'uu ammo yoo ka Kiristoosiin qajeellota ta'uu ka barbaannu ta'e, nu mataan keenna cubbamtoota taanee yoo argamne, eegasuu Kiristoos tajaajilaa cubbu'uuti jechu'uu ree? Miti.

18Ka diige kana deebisee ka ijaaru yoo ta'e, anuu ka seera irra darbu akka ta'u hin hubachiisa.

196:14; Rom. 6:4-6; 7:4,6 Ani Rabbiif jiraataa ta'ee akka jiraadhu, karaa seeraatiin seeraaf du'eera.

201:4; Qor. 2ffaa 5:15; Yoh. 17:23 Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantii Ilma Rabbii irraa qabuun.

21Badhadha Rabbii hin gatadhu. Qajeellummaan karaa seeraatiin yoo ta'e, eegasuu Kiristoos akkanumaan du'e jechu'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help