Kitaaba Faaru'uu 85 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Waan Nagaya Bani'iitiif FaateffatanFaaruu ijoollee Qore'ee ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate.

1Yaa Rabbi! lafa keetii waan mishaa oolteerta;

boojuu Yaaqoobiillee hin deebifte.

2Yakka banii keetii hin dhiifte;

cubbuu isaanii maraa hin golgite.

3Balaa kee maraa hin fageessite;

dheekkamsa kee jabaa irraallee hin deebite.

4Waaqa fayyisaa keenna taate;

nu deebisi;

dheekkamsa kee ka nutti bobaye nu irraa deebisi.

5Baraa haga bara baraa nuun loltaa?

dheekkamsi kee hoo dhalootaa haga dhalootaa lufaa?

6Baniin kee akka siin usheexxu;

deebiftee jiraattota nu hin taasiftuu?

7Yaa Rabbi! jaalala kee nutti mudhisi;

fayyinna kee nuu arjoomi.

8Ani waan Rabbi Waandhi dubbatu hin dhagaya;

banii ufiititti; woyyootatti nagaya waan dubbatuuf;

isaan ammo yoo gara hujii ufii duwwa'aatitti deebi'uu baatan;

9Akka ulfinni isaa ardii teenna irra jiraatu;

fayyisuun isaa dhugamaan worra isa sodaatanitti dhiyo'o.

10Jaalallinii fi amanamummaan wol argatan;

balchummaanii fi nageenni wol ammatan.

11Amanamummaan lafaa biqilte;

balchummaan sami'ii gad laalte.

12Rabbi waan mishaa arjooma;

ardiin teenna daraaraa ufii kenniti.

13Balchummaan isa afoo deema;

deemsa isaatiif karaa qopheessa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help