Abboota Murti'ii 11 - Kitaaba Woyyuu

1Yooftaaheen nama gosa Gala'aadii nama jabaa dubartii seebartuu takka irraa dhalate; Gala'aad Yooftaahee uumate.

2Abbaan isaa Gala'aad; haati manaa isaa ta inni dura fuudhe ijoollee dhiiraa deetteef. Ijoolleen tunniin haga guddatte Yoftaahe'een, «Ati nama intala biraa irraa dhalatte waan taateef lafa abbaa keennaa dhaaluu hin dandeettu» jedhanii manaa ari'an.

3Yooftaaheen obboleewwan ufii woliin baqatee biyya Xoobii keessa jiraate; achitti namoonni womaa womteen hagoon isa hordofan.

4Hennaa hago'oon maayii ijoolleen Amoonii worra Israa'elii woliin wol loluu jalqaban.

5Ijoolleen Amoonii worra Israa'elii woliin hennaa wol loluu jalqaban, manguddoonni Yooftaahee biyya Xoobiitii waamu'uuf deeman.

6Isaan Yooftaahe'een, «Ijoollee Amooniitiin lollaa koottu, ati mootii keenna ta'i» jedhaniin.

7Yoftaaheen garuu jaarsota Gala'aadiitiin, «Worri na jibbee mana abbaa kiyyaatii na ari'e isinii mitii? amma haga rakkattan maaf gara kiyya dhuftan» isaaniin jedhe.

8Manguddoonni Gala'aadiillee Yoftaahe'een, «Ati amma nu woliin baatee ijoollee Amooniitiin akka lolluuf gara kee deebinee dhufne namoota Gala'aadii maraa afo'otti ati mootii keenna taata» jedhaniin.

9Yooftaaheen manguddoota Gala'aadiitiin, «Ijoollee Amooniitiin lolu'uuf yoo gara biyya kiyyaa na deebiftan Rabbi yoo namoota sanniin na jala oolche ani mootii keessan ta'aa?» isaaniin jedhe.

10Manguddoonni Gala'aadiillee Yooftaahe'een, «Nu'u fi si'i jiddu'utti Rabbi ragaa haa ta'u; dhugamaan akkuma ati jette goona» jedhaniin.

11Yooftaaheen Manguddoota Gala'aadii woliin deeme; baniinillee uf irratti isa moosise; Yooftaaheen biyya Mitsipha'aatitti dubbii kana maraa Rabbiin afo'otti dubbate.

12Kanaan maayessa Yooftaaheen gara mootii Amoonii worra dhaamsa geessan ergee, «Ati maal na irraa qabda ka biyya kiyyaan lolu'uuf gara kiyya dhuftu?» jedhe.

13Mootiin Amooniillee ergamtoota Yooftaahe'eetiin, «Waan Israa'el hennaa biyya Misiriitii bawu biyya Aarnooniin irraa jalqabee haga Yaabooqiitii fi haga laga Yoordaanosii waan fudhataniif; ammallee yoo ta'e lafa kiyya nagayaan naa deebisaa» isaaniin jedhe.

14Yooftaaheen ammallee gara mootii Amoonii ergamtoota ufii hennaa lammeesso'ootiif akkana jedhee erge.

15Yooftaaheen, «Worri Israa'elii lafa Moo'aabiitii fi lafa Amoonii hin fudhanne.

16Garuu Israa'el hennaa biyya Misiriitii bawu, hennaa karaa lafa udume'eetiin gara galaana diima'aa deeman, hennaa Qaadesiin gayan,

17Israa'el gara mootii Edoomiyaasii, «Lafa kee keessa lufaa yabo'oo na hoffolchi» jedhee dhaamsa erge; mootiin Edoomiyaasii garuu hin dide; akkasuma gara mootii Moo'aabiillee erginaan innillee isaanii maarre hin jenne; kanaafuu worri Israa'elii Qaadesiin keessa jiraatan;

36Isiinillee abbaa ufiitiin, «Aabbaa'a! Rabbiif woreega qabdee yoo jiraatte, Rabbi diintota kee worra Amoonotaa waan haluu sii bayeef, waan na irratti raawwachu'uuf Rabbiif woreega qabde san raawwadhu!» jetteen.

37Garuu abbaa ufii akkana jettee gaafatte; «Ani heerumee waan finna dawuu hin dandeenneef, waan durbummaa kiyyaatiif hiriyyoota kiyya woliin gaara irra naannaya'aa booyaa haga ji'a lamaa na hoffolchi» jetteen.

38Innillee, deemi jedhee haga ji'a lamaatiif isii hoffolche; isiinillee hiriyyoota ufii woliin gara gaaraa deemtee durbummaa ufiitii bootte.

39Jiini lamaa haga dhumeen maayessa gara mana abbaa ufii deebite; abbaan isi'iillee akkuma woreega qabe san isii irratti raawwate; isiin durba dhiirti bira hin geenne turte;

40Hennaa san irraa jalqabee ijoolleen durbaa ta Israa'elii wogga'aan guyyaa afurii mucattii Yooftaahee nama Gala'aadiitii booyu'uu fi gadduun aadaa ta'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help