1Daawiti worra Israa'eliin bulchan, worra gosa bulchu, ajajoota loltootaa ka mana mootumma'aa keessatti mooticha tajaajilan, ajajoota loltuu dhibbaatii fi ajajoota loltuu kumaa, worra horii mootichaatii fi worra horii ijoollee mootichaa irratti baallii qaban, worra baallii qabanii fi worra jajjabaa maraa Yerusaalemitti wolitti qabe.
2Mootichi Daawiti lafaa ka'ee dhaabatee «Isiin baniin kiyyaa fi obboleewwan kiyya na dhagayaa'a; saanduuqa waadaa Rabbiitii fi mana Waandhi keenna hara itti baafatu ijaaru'uuf yaadee waan ijaarsa manaatiif barbaachisu qopheesse.
3Rabbi garuu ati nama dhiigaa taatee dhiiga nama baay'e'ee waan jissiteef maqaa kiyyaaf mana naa hin ijaartu naan jedhe.
4Rabbi Waandhi Israa'elii garuu baraa haga bara baraa worra Israa'elii irratti mootii akka ta'uuf mana abbaa kiyyaa keessaa na filate; Yihuudaallee akka bulchaa ta'u filate; mana Yihuuda'aa keessaa mana abbaa kiyyaa filate; ijoollee abbaa kiyyaa keessaa mana Israa'elii irratti na moosiu'uuf na filate.
5Rabbi ijoollee dhiiraa baay'ee waan naa kenneef ijoollee Rabbi naa kenne keessaa akka inni hulee Rabbi isa kaaye taa'ee worra Israa'elii bulchuuf ilma kiyya Solomooniin filateera»
6Rabbi, «Inni akka ilma kiyya ta'u, anillee akka abbaa isaa ta'u waan filadheef ilmi kee Solomoon mana kiyyaa fi hulee itti gad bayan naa ijaara;
7‹Seera kiyyaa fi murtii kiyya jabaatee yoo raawwate, mootummaa isaa baraa haga bara baraa jabeessee dhaaba› naan jedhe.
8«Isin ammallee baniin kiyya Rabbii fi banii Rabbii Israa'eliin afo'otti ajaja Rabbi Waandhi keenna nu ajaje maraa seeraan akka raawwattan isin kadhadha; yoo waan kana gootan lafti michuun tun baraa haga bara baraa teessan taati; ijoollee teessanillee hin dhaalchiftan» isaaniin jedhe.
9Daawiti Solomooniin, «Ilma kiyya; Waaqa abbaa keetii akka beettu onnee guutu'uu fi yaada misha'aan akka isa tajaajiltu si kadhadha yoo isa barbaaddellee hin argattaan; yoo isa dhiifte innillee baraa haga bara baraa si dhiisa.
10Amma Rabbi akka ati mana woyyuu isaa ijaartuuf si filateeraa jabaadhuu hojjadhuu raawwadhu» jedheen.
11Daawiti ilma ufii Solomoonitti akkaataa manniin meeshaan keessa taa'uu, huleen woyyittii woyyootaa itti ijaaramu maraa itti hime.
12Mana woyyuu afoo hulee itti gad bayan, mana meeshaan keessa taa'ullee akkamitti akka ijaaru mana meeshaan kennaa mana Waaqaa keessa taa'u akkamitti akka ijaaramu waan Hafuurri Waaqaa yaachiseen itti hime.
13Akkasuma Daawiti hujii gadoonni hojjatanii fi worri Leewwotaa hojjatan hujii mana woyyuu keessatti hojjatamuu fi kunuunsa meeshaa mana woyyuu keessaa ka Rabbii Waaqa ittiin waaqeffatanillee Solomoonitti hime.
14Meeshaa tajaajila adda addaa ittiin fayyadaman birri'ii fi worqii meeshaa kanniin haga isaa itti hime.
15Worqii, baattuu ibsa'aatii fi ibsaa, akkasuma birrii, baattuu ibsa'aatii fi ibsaa madaalee kenneef.
16Worqi'ii fi birri, xarapheessaa xoroshoo woyyoome irra kaayanillee madaalee kenneef.
17Akkasuma birri'ii fi worqii qulqulluu, shuukkaa, keree Sibiilaatii fi makarajjii baay'ee, birri'ii fi worqii qulqulluu saanii baay'ee ka ittiin hojjatan madaalee kenneef.
18Worqii qulqulluu gaariin fardaa ittiin hojjatamu ka Kiruubeeliin koola ufii saanduuqa waadaa Rabbii hulee ciinca'aa ka hixaana irratti aarsaniif gara lamaaniinuu irra badhisu irra taa'u ittiin hojjatamu hagam akka ta'e tilmaamee kenneef.
19Achiin maayessa mootichi Daawiti, «Karoora Rabbi akka ani hujii irra oolchuuf barreeffamaan naa kenne» jedhe.
20Daawiti ilma ufii Solomooniin, «Jabaadhu hujii ijaarsaa daddafii jalqabi, Rabbi Waandhi kiyya waan si woliin jiruuf hin sodaatin, hin nayinille'e; haga ijaarsi mana woyyuu Rabbii dhumatuuf inni si hin dhiisu si hin gatu.
21Tajaajila mana woyyuu Rabbii keessaa akka raawwataniif worri gadootaatii fi worri Leewwotaa ajajamaniiran hojjattoonni dandeettii adda addaa qaban si gargaaran bulchoonninii fi baniinillee si ladda dhaabatanii si gargaaran» jedheen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.