1Ati obboleessa kee Aaroonii fi ijoollee Israa'elii keessaa ijoollee Aaroonii Naadaabiin, Abiyuudiin, Alaasarii fi Itaamiriin akka gadoota naa ta'an naa fooyi.
2Uffata ulfinnaatii fi ka qandhafaa obboleessa kee Aaroonii hojjadhu.
3Ati akka Aaroon woyyuu ta'ee naa hojjatu worra ayyaana ogumma'aa qabuu fi worra ogeeyyii ta'an marattuu akka uffata isaa hojjatan isaanitti himi.
4Uffanni isaan hojjatanillee ka uffata qomaa qabu, qamisii babarruu gad diratan, Efuudii, Shinshinii, Shamisii, waan mata'atti maratanii fi ka sabbata hidhataniin qabu haa ta'uu; uffata seeraa kanniin akka gadoota naa ta'aniif obboleessa kee Aaroonii fi ijoollee isaatii haa hojjatanii.
5Worqii'i, uffata bulee akka Sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi uffata mishaa jirbii irraa haa hojjatanii.
6«Efuudiillee worqi'ii fi jirbii fooya'aa mishaa ka bifa Sami'ii, diimaa dhiilgee irraa ogeessi mishaan ogumma'aan hojjate haa ta'uu.
7Gamni lachuu akka tokko ta'u ka ceekuu lamaan irratti wal gawu haa ta'uu.
8Efuudii gubba'aan sabbata hidhataniin qabu ka ogumma'aan wolitti diddirame, ka biraallee ka gad diratan isaan woliin tokko haa ta'uu; ka worqii irraa hojjatame, bulee bifa Sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi ka jirbii fooyame irraa hojjatame haa ta'uu.
9Dhagaa gatii gudda'aa lama fuudhii maqaa ijoollee Israa'elii irratti qirqidi;
10akkuma dhaloota isaaniitiin dhagaa tokko irratti maqaa jaha; dhagaa kaan irrattillee maqaa jahaa qirqidi.
11Akka hujii namni ogeessi hojjatuutiin akka chaappa'aa godhee maqaa ijoollee Israa'elii dhagaa lama irratti haa qirqiduu; dhagaan lamaa sunniin worqi'iin haa dibamuu.
12Dhagaan lamaan kunniin yaadannoo ijoollee Israa'elii akka ta'u dhagaa gatii gudda'aa lamaan carqii ceekuu irraatiin akka wol qabatu goota; Aaroon maqaan isaanii yaadanno'oof akka ta'u gurmuu ufii lamaan irratti Rabbiin afo'otti baadhata.
13-14Worqii dhaga'aan uwwifame lamaan; ammallee lootii lamaan worqii qulqulluu akka miseensa miseensameetiin tolchi; ammallee lootii miseensaman sanniin irratti rarraasi.
Uffata Qomaa(Ser. Ba'u. 39:8-21)15Uffata qomaa ka fedha Rabbii ittiin gaafatan akka ogeessi hojjatutti hodhiif; akkuma kiisii qomaatitti hojjatta; worqii irraa, bulee bifa Sami'ii irraa, diimaa dhiilge'ee fi uffata mishaa jirbii irraa hojjadhu.
16Dheerinni taakkuu tokko, badhinnillee taakkuu tokkoon dachaa ta'ee sirri'itti haa hojjatamuu.
17Tartiiba afuriin lootii itti godhi; tartiiba duraatitti dhagaa gatii gudda'aa, sardiyoon, toophaaziyoon, dhagaa gatii gudda'aa ka calalaqu,
18tartiiba lammeesso'oo irratti baluur, sampeerii fi Almaas;
19tartiiba sadeesso'ootitti yaakinti, qerqedoonii fi ameeteesxiroon;
20tartiiba arfeesso'ootitti Biralee, dhagaa gatii gudda'aa, Iyyaasphiid; kanniin marattuu lootii worqi'iititu itti godhama.
21Dhagaan gatii gudda'aa sunniin akkuma maqaa ijoollee Israa'eliitiin kudha lama akka chaappa'aatitti haa qirqidamuu; kunniin gosa Israa'elii maqaa ijoollee Yaaqoobii kudha lama haa ta'uu.
22Uffata qomaatiif miseensa akka haadaatitti miseenfame worqii mishaa irraa hojjadhu.
23Uffata qomaa irratti qubee worqi'ii lamaan hojjadhuuf; qubee lamaan sanniin kiisii gama lamaanii irratti godhi.
24Achiin maayessa haada miseenfame ka worqi'ii san haada uffata qomaa lamaan keessa galchita.
25Qaccee haada lamaanii san lootii lamaan keessa seensiftee gurmuu efuudi'ii irratti afo'oon wolitti seensifta.
26qubeewwan lamaan worqi'iillee hojjadhu; isaan qaccee lamaan uffata qomaa ka efuudii jalaan jiru irra goota.
27Akkasuma ammallee qubee worqi'ii lamaan hojjatta; efuudii bobaa jalaan malaan haga wolitti hiiteen maayessa qoma gubbaa deebiftee qabata sanniin wol qabsiifta.
28Uffanni qomaa malaan haga wolitti hidhame akka adda hin baane uffata qomaa gubbaa haa ta'uu; qomni akka gargar hin baane, qubeewwan uffata qomaa irra jiran qubeewwan uffata efuudii irra jiraniin jirbii bule'een wolitti hidhi.
29Aaroon hennaa gara mana Woyyuu seene Rabbiin afo'otti seera murti'ii qoma ufii irratti baraa haga bara baraa maqaa gosa ijoollee Israa'eliitiif haa baadhatuu.
30Uriimii fi tumiim akka seera kiyya ittiin beettu uffata qomaa irra kaayatta; kun hennaa Rabbiin afoo dhufte hennaa maraa qoma Aaroonii irra taa'a; Aaroon hennaa maraa Rabbiin afo'otti seera murtii ijoollee Israa'elii qoma ufii irratti baadhata.Uffata Biraa Ka Gadumma'aa(Ser. Ba'u. 39:22-31)
31Shinshinii Efuudii gubba'aan uffatan maraa bulee bifa Sami'ii godhi;
32wodhakka'aan qaalawa mormaa itti baasi; akka hin biinxamne jirbi'iin naannaya mormaa goodi.
33qaccee jalaan naannoo isaallee bulee bifa Sami'ii, diimaa dhiilgee, diimaa qaraaruu akka fakii roomaani'iitiin godhi; naannaya qaccee isaa worqii shaka shaka jedhu itti godhi.
34Shakkisaan worqi'ii diimaan qaraaruunii fi shakkisaan diimaan qaraaruun naannaya isaa maraa irra haa ta'uu.
35Aaroon hennaa tajaajilu shinshinii kana haa uffatuu; hulee woyyitti'iititti yoo na afoo dhufe yookaan hennaa achii bawu ani laagaa shaka shaka jedhu yoo dhagaye inni du'a oola.
36«Worqii mishaa irraa malkata baala fakkaatu hojjadhu; isa irrattillee fakii chaappa'aatiin affarroo itti baasii jecha ‹Woyyummaan Rabbiif› jedhu irratti qirqidi.
37Jirbii bulee bifa Sami'iitiin marata biratti gara afo'ootiin rarraafta.
38Kun kallacha Aaroonii irra taa'a; wonti kun cubbuu kennaa woyyuu ijoolleen Israa'elii Rabbiif dhiyeessitu maraa irra jiru baadhata; Rabbiin afo'otti akka gaachena isaanii ta'u hennaa maraa malkanni baala fakkaatu kallacha isaa irra haa ta'uu.
39Shamisii jirbi'ii mishaa babarruu godhii marata jirbii irraa hojjadhu; sabbatallee akka waan jirbi'iin saamsameetitti hojjatta.
40Ijoollee Aarooniitiif shamisii, sabbata mudhi'iitii fi qoobii ulfinnaa ka qandhafaa goota.
41Waan kanniin maraa Aaroonii fi ijoollee isaatitti uwwisi; gadumma'aan akka naa hojjatan dhadhaa ejersaatiin isaan muudda; gadoota isaan goota; isaan woyyoomsita;
42akka qaama saalaa dhoffatan garaa jalaan boggee jirbii irraa hojjatame isaanii goota; boggeen sun mudhii irraa ka'ee haga gudeedaa gaya;
43cubbuu isaanitti ta'ee akka hin duune Aaroonii fi ijoolleen Aroonii hennaa daasee seenanii tajaajilan gara hulee ciinca'aa hennaa dhiyaatan kunniin hennaa maraa seera baraa haga bara baraa isaaniif haa ta'uu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.