1Waandhana! galata sii dhiyeessina;
maqaan kee waan dhiyoo ta'eef galata sii dhiyeessina;
namoonnillee waan hujii kee ka maalale'ee dubbatan.
2Ati akkana jette, «Sa'aatii ufii fooyee murteessetti;
ka qajeellumma'aan murteessu ana.
3Hennaa ardiinii fi baniin isi'ii maruu raafame;
ka utubaawwan isi'ii jabeessee qabu ana.
4Ka uf jajuun, ‹Hin dhaadatin›
hama'aanillee ‹Gaafa kee ol hin qabin› jedhaan;
5Gaafa kee gara sami'ii ol hin kaasin;
mataa dhaabdee hin dubbatin.»
6Ulfinni baya adu'uutii; yookaan dhiya adu'uutii;
yookaan lafa gammoojji'iitii waan hin dhufneef.
7Ka murteessu ammo Rabbi;
Inni tokko gad qaba; tokko ol qaba.
8Harka Rabbii irra miju'utu jira;
daadhiin woyini'ii ka akka misha'atti naqamee fi ka hoomachaayutu itti guuteera.;
Inni mijuu keenna raasa'atti jisse;
worri dhibu ka ardii irraa;
uduu gagaan hin hafne coongisan.
9Ani ammo baraa haga bara baraa kana labsa;
Waaqa Yaaqoobiitii faaruu dhiyeessa.
10Gaafa hammeeyyi'ii maraa hin cabsa;
gaafni balchootaa ammo ol ol jedha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.