Raajii Ermiyaasii 23 - Kitaaba Woyyuu

Waan Abdii Uf Afo'oo

1Rabbi akkana jedha, «Bulchoota banii Rabbii diiganii fi bittinneessanii hobbaas!»

2Rabbi Waandhi Israa'elii worra bulchootaa waan worra banii bulchanii akkana jedha, «Isin banii kiyya akka misha'atti eega'aa hin jirtan; eeguu caalaa isaan ariitanii bittinneessitan; kanaafuu ani hammeenna hojjattan kana maraaf isin adaba.

3Banii kiyya ka hafe biyya itti isaan bittinneesse maraa keessaa wolitti qabee gara biyya itti dhalatanii isaan deebisa; isaan waan ijoollee hedduu uumataniif laakkobsi isaanii eda'a'aa deema.

4Ani bulchota isaan eegan isaanii muuda; baniin kiyya ammaa achi soda'aa fi naasuu malee jiraatan, ani deebi'ee isaan hin adabu; yookaan isaan keessaa namni tokkollee hin dhidhatu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

5Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani fiixaa Daawitii keessaa nama balchaa filee mootii taasisu hin dhufa; mootiin sun ogumma'aan bulcha, biyya maraa irratti waan dhuga'aatii fi waan qajeelaa godha.

6Inni hennaa mooye baniin biyya Yihuuda'aa nagaya argata; baniin Israa'eliillee nagayaan jiraata; inni ‹Rabbi balchummaa keenna› jedhamee waamama.

7«Hennaan namoonni ‹Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya Misiriitii baase› jedhanii hin kakanne hin dhufa.

8Bikka san maqaa ani Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya gara kaabaatii fi biyya isaan itti faca'an ka gara garaa keessaa wolitti isaan qabeetiin kakatan; achiin maayessa biyya ufii keessa jiraatan.»

Dubbii Raagaa Ka Ermiyaas Waan Raattota Sobaatiif Dubbate

9Ani hennaa waan raattota sobaa yaadu onneen kiyya gaddaan miidhama;

lafeewwan kiyyallee hin hollatan;

sababaa dubbii Rabbii woyyu'uutiin

ani akka nama daadhii woyini'ii dhugee machaayee gatantaruu ta'eera.

10Lafa irra seebartoota Rabbiin dhiisantu guuteera;

raattonni hunna ufii seera malee fayyadaman;

karaa hammeennaa hordofan;

biyyi waan Rabbi lafa abaareef

hin bootti;

raasaan horiin dheedullee gogeera.

11Rabbi akkana jedha,

«Jireenni hafuuraa ka raattotaatii fi ka gadootaa badeera;

waan biraa dhiisii mana woyyuu keessattuu waan hamaa hojjatan.

12Kanaafuu karaan isaanii akka lafa mucucaatuu ta'eera;

hennaa dukkanaan deeman karaa ufii dogoggoranii kufan;

guyyaa isaan adabu ani waan hamaa isaanitti fida;

ka waan kana dubbate ana Rabbi.

13Hujii nama jibbisiisu ka worri Samaariya'aa hojjatan argeera;

isaan maqaa waaqa tolfamaa ba'aalitii raaga raaga'aa banii kiyya Israa'eliin dogoggorsan.

14Raattonni Yerusaalemiin keessa jiranillee

waan hamaa kana caalu hennaa hujan argeera;

isaan hin seebaran; soballee hin dubbatan;

hujii hama'aaf namoota kakkaasan;

sababa kanaaf baniin hujii hamaa ufii irraa hin deebine;

kanaafuu isaan na biratti

akka banii Soodomiitii fi banii Gamora'aa hammeeyyi'i.

15«Eeganaa ani Rabbi Gooftaan banii maraa wonti ani waan raattota Yerusaalemii jedhu kana;

‹isaan waan hafuura waakki'ii biyyattii maraa keessa facaasaniif,

akka isaan baala hadhaayaa nyaatanii fi

summii dhugan taasisa.› »

16Rabbi Gooftaan banii maraa banii Yerusaalemiitiin «Waan raattonni isiniin jedhan hin dhagayinaa'a; isaan abdii sobaatiin isin guutanii wonti isaan isinitti himan waan yaada ufiitiin eebjotan malee dubbii ani isaanitti himee miti.

17Isaan banii dubbii kiyya dhagawuu hin barbaanneen ‹hin sodaatinaa'a; nagaya argattanii› isaaniin jedhan; worra morkatu maraa, ‹hin sodaatinaa'a, rakkinni tokkollee si irra hin gawuu› jedhaniin.

18Isaan keessaa namni gumii Rabbii afoo dhaabatee ka dubbii isaa dhagayee fi ka dubbii kana xiyyeeffatee ajajame eennu?

19Ati hennaa lolli Rabbii mataa worra hammeeyyi'ii irratti akka dambalii dhawuutii fi akka bubbee jaba'aa bu'u laali.

20Rabbi waan karoorfate haga fiixaan baasuuf lolli isaa hin dhaabatu, baniin maruu durana waan kana hin hubatan jedhaniin.

21Rabbi akkana jedha, «Isaan fedhuma ufiitiin ariifatanii deeman malee ani raattota tana hin ergine; ani dubbii raagaa woyiituu isaanitti hin himne; isaan garuu maqaa kiyyaan raagan;

22isaan uduu gumii kiyya afoo dhaabatanii jiraatanii silaa dubbii kiyya bani'itti labsanii akka isaan karaa dabaa ufiitii fi hujii hammeenna ufii dhiisanii gara kiyya deebisan ture.»

23Rabbi akkana jedha, «Ani Waaqa dhiyo'oo calla'aa? Waaqa fago'ootiillee mitii?

24Ani ka sami'ii fi ardii guutee mitii? namni yoo hulee hin mudhannettillee dhokate ani hin arguu?

25Ani waan sobaa ka raattonni sobaa dubbatan dhagaye; ‹ani eebjuu eebjodheera; eebjuu eebjodheera› jedha'aa wocan.

26Raattonni sunniin raaga sobaa ka ufumaa sammuu ufii keessatti akka uumamu taasisaniin haga yoomii banii kiyya dogoggorsan?

27Akkuma abboonni isaanii maqaa kiyya irraanfatanii waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffatan isaanillee akkasuma eebjuu eebjotan yoo wolitti himan waan baniin kiyya maqaa kiyya dagatu isaanitti fakkaata.

28Raattichi eebjuu eebjote yoo jiraate woma eebjote san callaa haa dubbatuu; raattichi dubbii kiyya dhagaye garuu dubbima dhagaye san amanamumma'aan haa dubbatuu; buraan qamadii woliin tokkummaa maal qaba?

29Dubbiin kiyya akka ibiddaatii fi akka burussaa dhagaa caccabsuuti.

30Raattichi tokko dubbii raattichi biraa dubbate hata'aa ‹kun dubbii Rabbiiti› jedha'aa dubbatan hin jibba.

31Akkasuma raattota ufumaa yaada ufii keessaa burqisiisa'aa ‹kun dubbii Rabbiiti› jedhan hin morma.

32Isin waan ani Rabbi isiniin jedhu dhagayaa'a! ani raattota dubbii sobaatiin makame dubbatan hin jibba; eebjuu kana dubbata'aa dhaaduu sobaa ka uf jaju'uutiin banii kiyya karaa dhuga'aatii baasan; ani isaan hin ergine, naa dhaqaa'a isaaniin hin jenne; wonti isaan bani'ii godhan hin jiru; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

Raaga Raattota Sobaa

33Rabbi akkana naan jedhe, «Ermiyaas! raaga yookaan gadichi yookaan banii kiyya keessaa namni tokko yoo ‹Ba'aan Rabbi nu irra kaawu maali'i?› jedhanii si gaafatan, ‹Ba'aan Rabbii isin waan taataniif uf afo'oo isin balleessa› jedhii isaanitti himi.

34Raanni, gadichi yookaan banii keessaa namni tokko ‹wonti kun ba'aa Rabbi nu irra kaaye› jedhee yoo dubbate isaa fi maatii isaallee hin adaba.

35Bikka san namni maruu ‹deebiin Rabbi deebise maali'i? wonti Rabbi dubbatellee maali'i?› jedha'aa jaalalloo ufiitii fi fira ufii gaafatuu isa barbaachisa.

36Ba'aa Rabbiititu nu irra jira jettanii sirima hin dubbatinaa'a; dubbiin Rabbii attamitti ba'aa namatti ta'a? isin garuu dubbii Rabbii jiraataa Gooftaa banii maraa dabsitan.

37Ermiyaas! ati raattichaan ‹Rabbi deebii maal sii deebise? maal sitti dubbate› jedhii gaafadhu.

38Garuu isaan keessaa ajaja kiyya diiganii ‹Ba'aan Rabbii nu irra jira› jedha'a yoo ka dubbatan ta'e, isin ‹ba'aa Rabbiititu nu irra jira hin jedhinaa'a› jedhee yoo isaanitti ergellee isaan ba'aa Rabbiititu nu irra jira waan jedhaniif.

39Ani ufumaa isin, isaan waan isaaniitii fi qachoota abboota isaanii ta duriitii kenne akka ba'a'aatitti baadhee uf irraa isaan gatu isaanitti himi.

40Ani isaan irratti qaani'ii fi salphinna baraa haga bara baraa hin irraanfatamne isaanitti fida.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help