1Daawiti, «Manni woyyuun Rabbiitii fi huleen ciinca'aa ka baniin Israa'elii ciincaa ciincawu irratti dhiyeessu hulee kana jiraatuu barbaachisa» jedhe.
Qophii Mana Woyyuu Ijaaru'uuf Taasifame2Mootichi Daawiti worra biyya Israa'eliititti galee keessa jiraatu maraa wolitti qabee huji'itti isaan bobbaase; isaan keessaa namoota garii worra dhagaa mana woyyu'uun ijaaran bocu ramade.
3Daawiti mismaari'ii fi sibiila loosaa balbala dallawa mana woyyu'uutii fi sibiila baay'ee ka manni woyyuun ittiin ijaaramu, akkasuma sibiila diimaa guddisee ulfaatu qopheesse.
4Worri Siidoona'aatii fi worri Xiroosii waan muka birbirsaa baay'ee gara Daawitii fida'aa turaniif muka birbirsaa baay'ee ijaarsa mana woyyu'uutiif qopheesse.
5Daawiti, «Manni woyyuun Rabbii ka ilmi kiyya Solomoon ijaaru ka guddisee bareedee fi ka gurra dhagayate ta'uu barbaachisa; garuu inni waan mucaa diqqaa ta'ee fi ka beekkumsaanillee hin guddanne waan ta'eef ani waan maraa hin qopheessaaf» jedhee yaade. Kanaafuu Daawiti uduu hin duuneen duratti meeshaa manni woyyuun Rabbii ittiin ijaaramu maraa qopheesse.
6Daawiti ilma ufii Solomooniin waamee Rabbii Waaqa banii Israa'eliitiif mana woyyuu akka ijaaru ajaje.
7Daawiti Solomooniin «Ilma kiyya; ani mana woyyuu Rabbiif ijaaru'uuf garaa kiyya keessatti yaadee ture;
8Garuu Rabbi, ‹Ati dhiiga nama baay'e'ee waan jissiteef, hennaa baay'ee loltee dhiiga nama baay'e'ee waan jissiteef maqaa kiyyaaf mana naa hin ijaartu› naan jedheera;
9garuu nama nagayaatitu sii dhalata ani diintota naannoo isaa jiru maraa irraa hara isa baafachiisa; maqaan isaa Solomoon jedhama bara mootummaa ufiititti banii Israa'eliitiif nagaya kenna.
10Inni maqaa kiyyaaf mana woyyuu ijaara; ilmallee naa ta'a; anillee abbaa isaa ta'a; barri mootummaa isaa banii Israa'elii irratti baraa haga bara baraa jabaatee dhaabata» naan jedhe.Sam. 2ffaa 7:1-16; Sen. 1ffaa 17:1-14
11Daawiti ammallee, «Ati ilma kiyya Rabbi si woliin haa ta'u; akkuma waan kee dubbatetti sii haa raawwatu mana woyyuu Rabbii Waaqa keetii ijaari;
12Ati akka seeraa fi ajaja Rabbii eeddu Rabbi hubanna'aa fi ogummaa sii haa kennu; Israa'eliin irrattillee si haa leenjisu.
13Waan Rabbi waan Israa'eliitiif Muusee ajaje seeraa fi murtii qajeelaa akka murteessitu yoo uf eeggatte hennaa san wonti maruu sii ta'a; jabaadhu, kutadhu, abdii hin kutin, hin sodaatinille'e.Iyya. 1:6-9
14Ani kunoo gara kiyyaan worqii toonii kuma sadihiitii fi dhibba afuriitii fi saqilii toonii kuma soddomii afuriitii olii wolitti sii qabeera; sibiila diima'aa fi sibiila adda addaa sii qopheesseera, mukaa fi dhagaallee sii qopheesseeraa ka hafe ati itti eda'i.
15Ati hojjattoota baay'ee worra mukaa fi dhagaa baqassuu fi worra ogeeyyii muka bocanii midhaassan maraa hin qabda.
16Birriinii fi worqiin sibiilli diimaanii fi sibiillan adda addaa hagaa oli; kanaafuu ka'ii hojjadhu Rabbillee si woliin haa ta'u» jedheen.
17Daawiti akka ilma isaa Solomooniin gargaaraniif bulchoota Israa'elii maraa,
18«Rabbi Waandhi keessan isin woliin hin jiruu? Worra lafa irra jiraatan maraa Rabbi dabarsee naaf kenneera; lafa tana Rabbii fi baniin waan bulcha'aaraniif naannoo marattuu Rabbi hara isin baafachiiseera.
19Ammallee isin Rabbii Waaqa keessan barbaada'aa onnee teessanii fi lubbuu teessan maraanuu Rabbiin tajaajilaa'a, saanduuqa waada'aa ka Rabbii Waaqa keessaniitii fi meeshaa woyyuu tajaajila mana woyyuu keessatti tajaajilaniin maraa fiddanii akka isa keessa keettaniif mana woyyuu ulfinna Rabbiitiif ijaaraa'a» jedhee isaan ajaje.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.