Hujii Ergamootaa 28 - Kitaaba Woyyuu

Phaawuloos Gooba Malaaxiyaa Jedhamtu Keessatti

1Haga nagayaan geenneen maayii lafti sun gooba bisaaniin marfamte ta Malaaxiyaa jedhamtu akka taate beenne.

2Qor. 2ffaa 11:27 Aramaayoonni gooba san irra jiraatan waan mishaa maalalchiisaa nuu godhan. Hennaan sun rooba waan ta'eef qorraaf ibidda nuu bobeessanii nu maraa simatan.

3Phaawuloos ammo bayee haashee wolitti qabee ibiddatti yoo kaayu, bofattiin takka uduu oo'a ibiddaa dheessitu harka isaa iddite.

4Worri gooba bisaaniin marfamte san irra jiraatan ka Aramaayoota jedhaman hennaa bofti harka isaa irratti rarra'e arganii, «Namni kun dhugamaan nama guma'aati; yoo garba keessaa nagayaan bayellee, murtii Rabbii jalaa bayee jiraatuu hin dandeenne» woliin jedhan.

5Mar. 16:18; Luq. 10:19 Inni ammo bofa uf irraa gara ibiddaa gad hargufe; isiin ammo isa hin miine.

614:11 Isaanillee «ammaa iitayee yookaan bakkumattuu kufee du'a» jedhanii eega'aa turan. Guddisanii eeganii isa irratti waan nama maalalchiisu womaa arguu haga dhaban, «Kun sirimaa Waaqa» jedhanii yaada ufii jijjiiran.

7Bakka san bulchaa Pupiliyoos jedhamutu ture. Inni keessummummaa nu simatee guyyaa sadihii jaalalaan nu bulche.

8Abbaan Pupiliyoosii haxaxxe'ee fi baasa'aan dhibamee ciisee ture. Phaawuloos gara isaa seenee Rabbiin kadhateefii harka ufiillee isa irra kaayee jennaan namichi fayye.

9Mar. 1:32-34 Hennaa wonti kun ta'e, worri hafan akkasuma worri dhibee qabanillee gara gooba bisaaniin marfamte sanii dhufa'aa fayyan.

10Ulfinna gudda'aan nu kabajjanii hennaa kaanellee waan nu barbaachisu maraa markaba irra nuu kaayan.

Phaawuloos Roomaa Gaye

11Ji'a sadihiin maayessa markaba Iskindiriya'aa ta gooba irra jirtuun kaane; markabattii irra malkata Diyoosqoroos jedhamutu jira.

12Hennaa qachaa Saraakusii seenne guyyaa sadihii achi teenne.

13Achii jijjiirannee gara Reegiyuumii geenne. Guyyaa tokkoon maayessa hennaa bubbeen bita'aa bubbifte guyyaa lammeesso'oo gara Putiyoluusii dhandhe.

1421:4 Achitti obboleewwan arginee isaan bira guyyaa torba akka teennu nu kadhatan; akkasuma gara Rooma'aallee dhandhe.

15Rom. 1:7-12 Achittillee obboleewwan waan keenna dhagayan haga gabayaa Afiiyuusiitii fi haga hulee, «Bultii sadihii» jedhamuu nu simachu'uuf yaa'an. Phaawuloosillee hennaa isaan arge Rabbiin galatoonfate; garaan isaallee hin jajjabaate.

Phaawuloos Roomaa Dhaqe

16 23:11; 24:23; 28:30 Hennaa gara Rooma'aa seenne Phaawuloos loltuu isa eegu woliin hojja ufii akka taa'u eeyyamameef.

17 24:12-13; 25:8 Guyyaa sadihiin maayii Phaawuloos hangaftoota Yihuudotaa gara ufii waamee hennaa isaan wol gayan akkana isaaniin jedhe, «Obboleewwan tiyya! Ani banii yookaan sirna abbootaa mormu'uun waan tokko uduu hin godhin Yerusaalemitti akka hidhametti harka worra Rooma'aatitti dabarsanii na kennan.

1823:29; 25:25; 26:31-32 Isaanillee na qoratanii sababaan na ajjeesisu waan na irra hin jirreef na hiiku'uuf yaadan.

1925:11 Yihuudonni ammo hennaa na morman gara Qeesaarii akka iyyadhu giddii natti ta'e malee, waan banii kiyya himadhu waan qabuufii miti.

2024:15; 26:6-7 Sababaa kanaaf isin argee, waan kana isinitti himu'uuf isin waame. Abdii Israa'elootaatiif haada sibiilaa kanaan hidhameera.»

21Isaanillee, «Nu Yihuudaa irraa waan kee xalayaa tokkollee hin arganne; obboleewwan keessaa tokkollee dhufee waan kee hamaa nutti hin himne; yookaan ka nutti dubbate hin jiru.

2224:14; Luq. 2:34 Haa ta'uu ammo waan worra kanaa hulee maratti akka morman nu biratti waan beekkameeruuf waan yaaddu si irraa dhagayuu feena» jedhaniin.

23Guyyaa qabaniifii heddu ta'anii gara mana inni keessa jiraatuu dhaqan. Waan jeennata Rabbii raga'aa, waan Yesuusillee Seera Muuse'eetii fi raattotaa keessaa hima'aa hubachiisa'aa ganamaa haga galgalaa isaanii ibsa'aa ture.

24Gariin waan inni dubbatetti amanan; gariin ammo hin amanne.

25Hennaa ufii wolii galuu dhaban Phaawuloos dubbii tokko haga dubbateen maayii hin lixan. Akkana jedhe, «Ayyaanni Woyyuun raatticha Isaayyaasiitiin abboota teennaan,

26 Isa. 6:9-10 ‹Gara banii kanaa dhaqii akkana jedhiin,

Dhagayuu inuma dhageettan,

haa ta'uu ammo hin hubattan:

Argiitiillee ima argitan; ammo hin guuttattan.

27Garaan banii kanaa jabaateera;

Ija isaaniitiin akka hin argine,

gurra isaaniitiinillee akka hin dhageenne;

Qalbii isaaniitiin akka hin hubanne,

deebi'eellee akka isaan hin fayyifne,

Gurri isaaniillee duudeera,

ija ufiillee dunuunfataniiran›

jedhee waan mishaa dubbate.

28Eeganaa, «Fayyummaan Rabbii kun worra Yihuudii hin taaneef akka ergame isin biratti haa beekkamuu; isaanillee hin dhagayaniin.»

3028:16 Phaawuloos mana kireeffate keessa woggaa lama guutuu taa'ee worra gara isaa dhufan maraa simate.

3128:23; 19:8; Efe. 6:18-20; Xim. 2ffaa 2:9 Eennullee uduu isa hin dhooggine jeennata Rabbii hima'aa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii haalaan ibsee barsiisa'aa ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help