Raajii Isaayyaasii 41 - Kitaaba Woyyuu

Abdii Rabbi Worra Israa'eliitii Kenne

1Rabbi akkana jedha, «Isin baniin lafa bisaaniin marfame irra jiraattan! cadhisa'aa dhagaa'a!

baniin hunna ufii haa haarawoomfatanii;

gara afo'oollee bayanii haa dubbatanii;

murtii irratti wol haa geennuu.

2«Ka mooyate ka gara baya biiftu'uutii kaasee fide,

akka isaa hojjatuuf ka isa waame eennu?

banii dabarsee isaa kenna;

moototallee isa jalatti bulcha;

guraadee ufiitiin akka daara'aatitti,

eboo ufiitiin akka bura'aatitti isaan bittinneessa.

3Karaa namni armaan dura irra deemee hin beenne irratti

hennaa inni dafee isaan ari'u miidhaan tokkollee isaan irra hin gayu.

4Akka kun ta'u ka godhe eennu?

akkaataa seenaan itti deemu ka tooyatu eennu?

Ani Rabbi duruma jira;

dhalootaan maayessallee anumatu jiraata.

5Baniin lafa bisaanii marfamte irra jiraatan hin sodaatan;

waan ani hojjadhe maraa arganii nayan;

wol gayanii tokko ta'anii gara kiyya dhufan.

6Kuun kaan gargaara;

obboleessi obboleessa ufiitiin ‹jabaadhu› jedha.

7Namni ogummaa harkaa qabu, nama worqii bassu jajjabeessa;

namni waaqa tolfamaa burrisaan tumee qulqulleessu,

nama sibiila oo'e hodhuun ‹jabaadhu!

akki ati maaxi'iin wolitti hodhitu kun misha'aa!› jedhaan.

akka hin sochoone waaqa tolfamaa ufii mismaari'iin wolitti hodha»

8«Ati garuu Israa'el garbicha kiyya!

Yaaqoobii ani filadhe;

banii fiixaa Abrahaamii jaalalloo kiyyaa

9Ani daangaa lafaatii si fide;

daangaa arfanii si waame;

‹garbicha kiyya naa taata› jedhee si filadhe malee

ani si hin ganne.

10Ani si woliin jiraa hin sodaatin!

Ani Waaqa keetii abdii hin kutatin!

Ani si jajjabeessa, si gargaaralle'e;

irree kiyya ka balchumma'aa ka mirgaatiin irkisee

si qaba.

11Worri siin lolan maruu mooyatamanii saalfatan;

worri si miidhu'uuf ka'an maruu

badanii akka waan hin jirree ta'an.

12Ati diintota kee hin soxxa;

garuu isaan hin argitu;

worri lola sitti kaasan;

sirima akka waan hin jirree ta'an.

13‹Hin sodaatin; hin nayin,

harka kee ka mirgaa qabee si gargaara›

jedha'aa ka si jajjabeesse

ana Rabbi Waaqa keeti.

14Rabbi akkana jedha, «Ati Israa'el, ta akka raammo'oo laaftu!

Ani waan si gargaaruuf hin sodaatiin;

woyyichi Israa'elii ka si furu anaa.

15Ani akka meeshaa haarawa ilkaan qara qabuu

ka waa woraanuu si taasisa;

ati gaarranillee hin butuchita;

tullootallee sukkuumtee akka bura'aa isaan goota.

16Isaan gingilchita;

qilleensi haxaayee isaan fudhata;

haboonbolattiin isaan bittinneessa;

ati hennaa san Rabbiin gammada;

ana woyyicha Israa'eliitiin dhaadatta.

17Hiyyeeyyiinii fi worri rakkatan bisaan soqatan,

garuu hin argatan;

sababa dheebu'uutiif yoo kokkeen isaanii goge,

Ani Rabbi kadhaa isaanii hin dhagaya;

Ani Waandhi Israa'elii isaan hin dhiisu.

18Tulloota gogan irra laga kiyya yaasa;

dhooqa keessaallee burqaa bisaaniititu yaa'a;

lafa gammoojji'ii hulee haroon itti kuufamu;

lafa gogaa akka bisaan keessaa burqu taasisa.

19Muka Libaanosii, dhaddacha,

qilxuu, hindheessaa fi ejersa lafa onaa keessatti biqilcha;

lafa gammoojji'ii keessatti birbirsa, qaraaruu, hindheessaa fi

bosona ejersi itti baay'atu biqilcha.

20Wonti ani waan kanniin godhuuf ani Rabbi akka harka kiyyaan

hojjadhee fi ani woyyichi Israa'elii akka uume

maruu arganii akka beekanii qaabata'aa hubataniif.»

Rabbi Waaqolee Tolfamaa Morme

21Rabbi mootiin Israa'elii akkana jedha,

«Yaada keessan dhiyeeffadhaa'a;

ragaa keessanillee fidadhaa'a.

22Waaqolee tolfamaa keessan as fidaa'a;

dhuma isaanii akka beennu mee nutti haa himanii;

duranaa bu'aan isaanii maal akka ta'u hubannee akka beennu

wonti durii maal akka ta'e nutti haa himanii;

yookaan uf afoo maaltu akka ta'u nutti haa himanii.

23Isinillee waaqa tolfamaa ta'uu keessan akka beennu

waan uf afoo ta'u maraa mee nutti himaa'a;

mee waan mishaa godhaa'a;

yookaan mee nu isin arginee sodaannee akka raafamnu

waan hamaa godhaa'a.

24Isinii fi hujiin keessanillee duwwa'a;

worri isin waaqeffachuu barbaadanillee worra shakkame.

25«Ani Rabbi bulchaa tokko

gara kaabaatii kaaseera; innillee dhufeera;

inni ka maqaa kiyya waamuu fi ka gara baya biiftu'uutii dhufu;

akkuma namni faara dhayu biyyee faaraa dhidhiitu

innillee bulchoota dhidhiita.

26Akka beennuu fi wonti kun dhuga'a jechuu akka dandeennu

ka waan kana duruma irraa jalqabee dubbate eennu?

ka waan kanaaf ibsa kenne yookaan ka labsii labsisiise

isin keessaallee ka waa dubbate hin jiru.

27Hennaa jalqabaatiif oduu kana ka Tsiyoonitti hime ana;

Yerusaalemiifillee ka nama oduu gammachu'uu himu erge ana.

28Hennaa uf duuba midhadhee laalu eennullee hin jiru ture;

waaqolee tolfamaa keessaa ka waa gorsu hin turre;

hennaa ani gaafii gaafadhu ka deebii naa deebise hin jiru.

29Kanaafuu waaqoleen tolfamaan kunniin maruu duwwa'a;

womaa godhuu hin danda'an;

fakiin isaaniillee akkuma qilleensaa duwwa'a.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help