Seera Laakkobsaa 9 - Kitaaba Woyyuu

Ayyaana Faasika'aa Ka Lammeesso'oo

1Haga biyya Misiriitii bayan woggaa lammeesso'oo ji'a duraa gammoojjii Siina'aa keessatti Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate;

2«Ijoolleen Israa'elii hennamatti ayyaana faasika'aa haa ayyaanteffatanii;

3Ji'a kana keessa guyyaa kudha arfeesso'ootitti galgala haa ayyaanteffatanii; waan seeraatii fi waan murti'ii maraa haa godhanii»

4Muuseen ijoolleen Israa'elii akka ayyaana Faasika'aa ayyaanteffatan isaanitti hime;

5isaanillee ji'a duraa guyyaa kudha arfeesso'oo galgala gammoojjii Siina'aatitti ayyaana faasika'aa ayyaanteffatan; ijoolleen Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan.

6Garuu namoonni reeffa namaa tuqanii battaayan waan achi jiraniif guyyaa san ayyaana Faasika'aa hin ayyaanteffanne; guyyaa san gara Muuse'eetii fi gara Aaroonii dhaqan.

7Namoonni sunniinillee, «Ijoollee Israa'elii keessaa nu'u reeffa tundhee battoofneerra; garuu akka nu kennaa Rabbii hin dhiyeessine maaf nu dhooggan?» jedhaniin.

8Muuseenillee, «Rabbi waan keessan waan jedhu haga dhagayutti cadhisaa'a» isaaniin jedhe.

9Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

10«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; isin keessaa yookaan hortee keessan keessaa namni reeffa tuqee yoo battaaye yookaan yoo imala fagoo deeme, innillee ayyaana Faasika'aa ka Rabbii haa ayyaanteffatuu.

11Ji'a lammeesso'oo guyyaa kudha arfeesso'oo galgala haa ayyaanteffatanii; xoroshoo baala hadhaayaa woliin haa nyaatanii;

12Waan nyaatan san keessaa haga boruutitti womaa akka hin hambifne lafee hin cabsinaa'a; waan seera ayyaana Faasika'aa maraa godhaa'a;Ser. Ba'u. 12:46; Yoh. 19:36

13Namni qulqulluun tokko ka imala hin dhandhe yoo ayyaana Faasika'aa hin ayyaanteffanne namni sun bani'iin adda bayee haa baduu; namni sun kennaa Rabbii henna'aan waan hin dhiyeessineef cubbamaa ta'a.

14«Namni isinitti gale tokko yoo isin keessa jiraate inni ayyaana Faasika'aa ka Rabbii yoo ayyaanteffachuu barbaade akka seeraa fi murtii ayyaana Faasika'aatitti haa ayyaanteffatuu; nama biyyaatii fi nama isinitti galeefillee seerri ayyaana Faasika'aa tokko isinii haa ta'uu»

Duumessa Akka Fakii Ibiddaatiin Mudhate(Ser. Ba'u. 40:34-38)

15Guyyaa hulee bulti'ii dhaaban duumessi dhufee daasee raga'aa san golge galgalaa jalqabee haga ganamaa hulee bulti'ii ka dhaabame san irratti waan akka ibiddaa fakkaatutu jira;

16hennaa maraa guyyaa duumessaan, halkan ammo duumessi akka ibiddaatitti golga'aa ture.

17Hennaa duumessi daasee san irraa ka'u ijoolleen Israa'elii hin deeman ture; bakkuma duumessi itti dhaabate bulan ture.

18Ijoolleen Israa'elii ajaja Rabbiitiin deeman; ajaja Rabbiitiin quphatan ture; hennaa duumessi hulee bulti'ii irratti uwwifamu achuma turan;

19Hennaa duumessi hulee bulti'ii irra guyyaa hedduuf turu, ijoolleen Israa'elii ajaja Rabbii eeggatan malee hin deeman.

20Hennaa tokko tokko duumessi hulee bulti'ii irra guyyaa hagoo tura; hennaa san akka ajaja Rabbiititti hulema san turan; achiillee akkuma ajaja Rabbiititti deeman;

21Hennaa gari garii duumessi ganamaa haga galgalaa tura; ganama yoo duumessi ka'e hin deeman; guyya'aa fi galgalallee yoo duumessi ka'e hin deeman.

22Yoo duumessi guyyaa lamaa yookaan ji'a tokko yookaan woggaa tokko hulee bulti'ii irra ture ijoolleen Israa'elii hin deeman achuma taa'an; garuu yoo duumessi ka'e hin deeman.

23Akka ajaja Rabbiititti quphatan; akka ajaja Rabbiititti deemanille'e; akkuma Rabbi karaa Muuse'eetiin ajaje ajaja Rabbii eega'aa turan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help