1Dubbiin Rabbii ka akkana jedhu ilma Anaanii Iyyuu irraan gara Ba'oosii dhufe;
2«Ani lafaa si kaasee banii kiyya Israa'eliin irratti bulchaa si taasise; ati garuu akka Iyyoorbi'aamii cubbuu hojjattee banii kiyya Israa'eliinillee akka isaan cubbuu hojjatan gootee na aarsite.
3Kanaaf Ba'oosii fi maatii isaa sirima balleessa; mana kee akka mana Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii itti balleessetti balleessa.
4Gosa Ba'oosii keessaa namoota qachattii keessatti dhuman sariintu nyaata; worra raasa'atti dhuman allaatti'itu nyaata.»
5Wonti Ba'oos hojjatee fi hujiin isaa ka jannumma'aa maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
6Ba'oos du'ee Teersaa hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Eela'atu mooye.
7Rabbi karaa raatticha Iyyu'uutiin Ba'oosii fi maatii isaa irratti wonti dubbii raagaa kana himeef waan Ba'oos cubbuu hojjatee Rabbiin gaddisiiseef, wonti Ba'oos Rabbiin aarseen, waan cubbuu mootonni isaan dura turan hojjatan hojjate calla'aaf uduu hin taane waan maatii Iyyoorbi'aamii maraa ajjeeseef.
Eelaa Mootii Israa'elii8Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa diddamii jaheesso'ootitti ilmi Ba'oos Eelaan biyya Israa'elii irratti mooyee teessoo ufii Teersaa godhatee woggaa lamaa bulche.
9Namni Zamiri jedhamu ka worra gaarii fardaa oofan bulchu ajajaan loltootaa mootichatti ka'e gaaf tokko Eelaan qachaa Teersa'aa keessatti mana Ba'oosaa bulchaa mana mooti'iititti waan nama macheessu guddisee dhugee machaaye.
10Hennaa san Zamiri mana waa itti dhugan san keessa seenee Eelaa ajjeesee bikka isaa mooye; wonti kun maruu bara mootiin biyya Yihuuda'aa Ba'oos mooyee woggaa diddamii torbeesso'ootitti ta'e.
11Inni akkuma mooyee teessoo irra taa'een mana Ba'oosii maraa fixee firaa fi goshoota isaa dhiira maraa ajjeese.
12-13Sababaa cubbuu Ba'oosii fi ilmi isaa worra Israa'elii cubbuu hojjachiisanii Rabbii waaqa Israa'elii waan gaddisiisaniif akkuma Rabbi raatticha ufii Iyyu'uun Ba'oositti dubbateen Zamiri maatii Ba'oosii maraa fixe.
14Wonti Eelaan hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
Zamirii Mootii Israa'elii15Aasaan biyya Yihuuda'aa keessatti mooyee woggaa diddamii torbeesso'ootitti Zamiri biyya Israa'elii irratti mooye; Teersaa keessa jiraata'aa Israa'eliin irratti guyyaa torbaa bulche; hennaa san loltoonni Israa'elii qachaa Gabaatoonii ta Filisxeemiin keessatti argamtu marsan.
16Baniin qachattii marseeru akka Zamiriin yaada hama'aan ka'ee mooticha ajjeese dhagayanii guyyaa san worri Israa'elii maruu Zambarii bulchaa loltootaa ganda keessatti moosisan.
17Zambariinii fi worri Israa'elii maruu Gabaatooniin keessaa bayanii qachaa Teersa'aa marsan.
18Zamiri qachattiin akka marfamte haga arge dallawa mootichaa keessa seenee mana mootichaatitti ibidda qabee mana woliin gubatee du'e.
19Wonti kun ta'eef waan Rabbiin afo'otti cubbuu hojjatee fi worra Israa'eliillee akka isaan Rabbiin afo'otti cubbuu hojjatan godhee cubbuu Iyyoorbi'aam hojjatellee waan hojjatee Rabbiin aarseef.
20Wonti hamaan Zamiri hojjate galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
Taaminii Mootii Israa'elii21Hennaa san baniin Israa'elii bakka lamatti qoodamee baniin gariin Taaminii ilma Goonaatii uf irratti moosise; gariin garuu Zambariin uf irratti moosise.
22Baniin Zambariin uf irratti moosise banii ilma Goonaatii Taaminiin uf irratti moosise injifate; kanaaf Taamiin du'ee Zambar mootii ta'e.
23Bara Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa soddomii tokkootitti Zamiriin biyya Israa'elii irratti woggaa kudha lama mooye, Teersa'attillee haga woggaa jahaa bulche.
24Inni Saamiriin irraa gaara Samaariya'aa birrii makiliitii kuma jahaan bite; gaara bite san irratti qachaa ijaare; qachaa ijaare san maqaa namicha gaara irraa bitee ka Saamir jedhamuun «Samaariyaa» jedhee itti baase.
25Zambari Rabbiin afo'otti waan hamaa mootonni tanaan dura hojjatan caalaa hamaa hojjatee Rabbiin gaddisiise.
26Cubbuu ilmi Naabaaxii hojjate hojjatee worra Israa'eliillee dogoggorsee Rabbii Waaqa Israa'elii aarse.
27Wonti hamaan Zambari hojjate galmee mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
28Zambari du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman Samaariya'atti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Aki'aabitu mooye.
Aki'aabii Mootii Israa'elii29Bara Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa soddomii saddeetesso'ootitti ilmi Zambarii Aki'aabi woggaa diddamii lamaa Samaariyaa keessa taa'ee Israa'eliin irratti mooye.
30Ilmi Zambarii Aki'aabi mootota isaan dura turan caalaa cubbuu guddaa hojjatee Rabbiin gaddisiise;
31Cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjate diqqaa itti fakkaatee Elzaabelii mucattii mooticha Eetba'aalii gosa Siidoona'aa fuudhee waaqa tolfamaa ba'aal jedhamu waaqeffata'aa sagadeef.
32Inni Samaariyaa keessatti mana waaqa tolfamaa Ba'aalii ijaare keessatti hulee ciinca'aa ijaare.
33Aki'aabi fakii waaqa tolfamaa dubartii Asheeraa jedhamtuu dhaabe; inni mootota Israa'elii worra isaan dura turan caalaa cubbuu hojjatee Rabbiin gaddisiise.
34Bara Aki'aab bulchu namni Beeteelii Aki'eel Iyyaarikoo ijaare; akkuma Rabbi ilma Nawwe'ee Iyyaasu'utti dubbate ilmi isaa ka hangafaa Abiiraan isa jalaa du'e; hennaa balbala dallawa Iyyaariko'oo ijaaru ilmi isaa ka maandha'aa Saguubillee du'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.