1Muuseen gaara irraa uduu hin buune turraan baniin gara Aaroonii dacha'ee, «Muuseen biyya Misirii keessaa nu baase maal akka ta'e waan hin beenneef ka'iitii waaqolee afoo keenna deeman nuu hojjadhu» jedhaniin.
2Aaroonillee, «Worqii gurraatii fi qubee haadha manaa teessanii, ka ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaallee guura'aatii natti fidaa'a» isaaniin jedhe.
3kanaafuu baniin maruu worqii gurraa fi quba isaanii maraa baasanii Aaroonitti fidan.
4Innillee isaan irraa fuudhee ibidda keessatti bassee waatii hojjate;
Innillee, «Israa'el! kunniin waaqolee kee ka biyya Misiriitii si baasan!» isaaniin jedhe.
5Aaroon haga kana arge hulee ciinca'aa qopheessee «Boru ayyaana Rabbiiti» jedhee labse.
6Ganama obboroo ka'anii ciincaa gubamuu fi ciincaa fayyinnaa dhiyeessan; baniinillee taa'ee nyaatee dhugee sirbu'uuf lafaa ka'e.
7Rabbi Muuse'een, «Baniin ani biyya Misirii keessaa baase cubbuu hujaniiranii, deemii gad bu'i.
8Karaa ani isaan ajaje irraa dafanii goranii, fakii waati'ii ufiif hojjatanii sagadaniifii ciincaa dhiyeessaniif; Israa'el ‹kunniin waaqolee biyya Misiriitii isin baasan› jedhee dubbate.
9Rabbi Muuse'een baniin kun banii lum'a jabaatu akka ta'e argeera,
10ani lola kiyyaan isaan gubee akka isaan balleessu na dhiisi; si ammo nama abbaa banii gudda'aa si taasisaa» jedheen.
11Muuseen Rabbii Waaqa ufii afo'otti «Yaa Rabbi; isaan baaftee isaan irratti maaf guddiftee aartee lolte?
12Worri biyya Misirii ‹gaara jiddu'utti fixee lafa irraa isaan balleessu'uuf waan hama'aaf isaan baase› jedhanii maaf dubbatan? Lola irraa deebi'i; banii kee ka dhara hujee garaa laafi.
13Fiixaa keessan akka urjii Sami'ii baay'isa, lafa tanallee fiixaa teessan maraaf kenna; dhaala baraa haga bara baraa isaanii taati jettee akkuma ufiin isaanii kakatte, garboota tee Abrahaam, Yisaaqii fi Israa'eliin qaabadhu» jedhee kadhate.
15Kanaan maayessa Muuseen deebi'ee dhagaa baxxee waada'aa lamaan harkatti qabatee gaara irraa gad bu'e; dhagaan baxxeen waada'aa gamaa fi gamanaan barreeffama qaba.
16Dhagaan baxxeen sunniin hujii harka Rabbiiti; barreffamni dhagaa baxxee irratti qirqidamellee harka Rabbiitiin barreeffame.
17Iyyaasuun laagaa ililtaa bani'ii dhagayee Muuse'een «Safara keessa laagaa ililta'aatitu jira» jedheen.
18Innillee, «kun laagaa worra mooyanii yookaan laagaa worra mooyamaniitii miti; garuu ani laagaa sirbaa dhagaya'aara» jedheen.
19Gara safaraa hennaa dhiyaatu banii sirbuu fi waatii argee Muuseen aari'iin bobayee dhagaa baxxee waada'aa gaara jalatti caccabse.
20Waatii tolfame san fuudhee ibiddaan bassee akka daaraa ta'utti daakee daaraa san bisaanitti firfirsee banii Israa'elii obaase.
21Muuseen Aarooniin «Banii maal gootee cubbuu guddaa kana isaanitti fidde?» Jedheen.
22Aaroonillee, «Gooftaa kiyya hin aarin; baniin kun akka dhara jaalatu atuu hin beetta.
23Isaan, ‹Muuseen biyya Misiriitii nu baase kun maal akka ta'e hin beennuu; kanaafuu waaqolee afoo keenna deeman nuu huji› naan jedhan.
24Anillee namni isin keessaa worqii qabu uf irraa ciree natti haa fiduu isaaniin jedhe; isaan natti fidan, anillee ibidda keessa buuse innillee waatii ta'e» jedheen.
25Muuseen Aaroon akka baniin diintota ufii afo'otti salphatan, banii akka adaba dhaban akka gad dhiiseeru hennaa arge,
26safaraa afoo dhaabatee «Namni Rabbii gara kiyya haa dhufuu!» jedhe; ijoolleen Leewwi'ii maruu isa biratti wol gayan.
27Innillee Rabbi Waandhi Israa'elii «Namni keessan maruu guraadee mudhii ufiititti haa hidhatuu; ganda keessa asii fi achi haa deddeemuu; namni keessan maruu obboleessa ufii, goshoo ufiitii fi ollaa ufii haa ajjeesuu» isaaniin jedhe.
28Ilmaan Leewwi'iillee akkuma Muuseen jedhe godhan; gaafa san banii keessaa namoota kuma sadihiititu dhume.
29Muuseenillee, «Akka Rabbi eebba isinii buusu adha marti keessanuu harka keessan ijoollee teessanii fi obboleewwan keessaniif woyyoomsaa'a» jedhe.
30Haga lafti bariite Muuseen bani'iin «Isin cubbuu guddaa hojjattaniirtan; ani amma gara Rabbii ol bayaa maal laataa cubbuu keessan isinii dhiisisiisa» isaaniin jedhe.
31Muuseen gara gaara Rabbii ol bayee «Bade! baniin kun cubbuu guddaa hojjateera; worqii irraa fakkeenna waaqole'ee ufiif hojjateera.
32Amma cubbuu kana isaanii dhiisi! Yoo waan isaanii hin araaramne ta'e ammo yabo'oo galmee maqaa banii keetii itti barreessite irraa yabo'oo maqaa kiyya haqi» jedhe.
33Rabbi Muuse'een «Nama na yakke san galmee kiyya irraa haqa.
34Ammallee deemiitii gara ani siin jedhe isaan masakki; maleekkaan kiyya si afoo deema; inni hennaa isaan tooyatu cubbuu isaaniitiif isaan adaba» jedheen.
35Akka Aaroon fakii waati'ii isaaniif hojjatuuf waan isa giddisiisaniif Rabbi bani'itti dhukkuba ulfaataa erge.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.